Paartiin Badhaadhinaa falaasama Ida’amuun hogganamu kaayyoo biyyalessaa gamtaaf waloon hojjechuuf qajeeltoo kan godhateedha - ENA Afaan Oromoo
Paartiin Badhaadhinaa falaasama Ida’amuun hogganamu kaayyoo biyyalessaa gamtaaf waloon hojjechuuf qajeeltoo kan godhateedha
Onkoloolessa 27/2019 (ENA): Itoophiyaatti Paartiin Badhaadhinaa falaasama ida’amuutiin hoogganamu kaayyoo biyyalessaa gamtaan waloon hojjechuu qajeeltoo kan godhate ta’uu Pirezidaantiin paartichaa fi Ministirri Mummee doktar Abiyyi Ahimad ibsan.
Yaa’iin Paartiilee siyaasaa Afriikaa 2ffaan mata duree "Guddina hoogganuu'' galma yaadannoo Injifannoo Adwaatti gaggeeffamuu eegaleera.
Pirezidaantiin Paartii Badhaadhinaa fi Ministirri Mummee FDRI Doktar Abiyyi Ahimad wayita sana akka jedhanitti; lammiileen jireenya fooyya’aa akka jiraataniif paartiileen siyaasaa itti gaafatamummaa biyyalessaa guddaa qabu.
Paartiileen siyaasaa ummata biratti amantaa yoo dhaban akka paartiittis ta’ee akka siyaasaatti ni kasaaru jedhaniiru.
Itoophiyaatti Paartiin Badhaadhinaa falaasama Ida’amuun hoogganamu kaayyoo waloo tokkoof waliin hojjechuu qajeeltoosaa kan godhate ta’uu ibsaniiru.
Paartiin Badhaadhinaa Itoophiyaanota naannoowwan garagaraarraa dhufanii gaaddisa Itoophiyaawwaniitiinn walitti qabamuun paartii biyyalessaa uuman ta’uu dubbataniiru.