Godina Kibba-Lixa oromiyaatti oomishni ruuzii kuntaalli miliyoona 23 fi kuma 800 ol ni eegama - ENA Afaan Oromoo
Godina Kibba-Lixa oromiyaatti oomishni ruuzii kuntaalli miliyoona 23 fi kuma 800 ol ni eegama
Onkoloolessa 28/2019 (ENA) - Godina kibba lixa Oromiyaatti oomishni ruuzii kuntaala miliyoona 23 fi kuma 800 ol kan eegamu yoo ta'u, hojiin oomisha sassaabuu hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa ibseera.
Itti gaafatamaan Waajjirri Qonnaa Godinichaa Obbo Tijjaanii Tamaam ENA’f akka ibsanitti, bara kana godinichatti lafti hektaarri kuma 594 fi 400 ol misooma Ruuziin facaafameera .
Aanaawwan godinichatti hojiin sassaabbii oomisha ruuzii gaggeeffamaa jiraachuu kan ibsan itti gaafatamichi, qonnaan bulaaf leenjiin barbaachisaa ta'e dursuun kennamuun isaa oomishni midhaanichaa gaarii akka ta'u deeggaruusaa ibsaniiru.
Hojiin oomisha ruuzii walitti qabuu kun kombayinaraan deeggaramaa waan jiruuf, qisaasama oomishaa ittisuuf akka dandeessisu ibsaniiru.
Godinichatti Aanaa Limmuu Kosaatti qonnaan bultoota ruuzii omishan keessaa Obbo Naasir Jamaal, misooma ruuzii jalqabuma irraa eegalee eeggannoo fi deeggarsa ogeeyyiitiin gaggeeffamuunsaa qisaasama kan hanbisu ta’uu ibsaniiru.
oomishni isaanii haala gaariin guddatee sassaabamaa jiraachuu kan eeran qonnaan bulaan kun misooma ruuziirraa fayyadamoo ta'uu isaanii ibsaniiru.
Qonnaan bulaan aanichaa biraan Obbo Tsaggaayee Seyfuu gama isaaniitiin, ruuzii karaa qindaa’aa ta'een omishuun isaanii fayyadamummaa isaanii akka guddise ibsaniiru.
Bara kana oomisha guddaa eeguu isaanii eeruun, deeggarsa waajjirri qonnaa taasisaniin omishichi kookombayinarootaan walitti qabamuunsaa haala mijataa kan uumuuf ta'uu ibsaniiru.