Angafoota Oduu
Lammii ga’oomaa fi oomishuu danda’u uumuuf sirna nyaataa ammayyeessuun nibarbaachisa- ittiaanaa ministira muummee fi ministira dhimma alaa Dammaqaa Mokonnin
Mar 23, 2023 27
Bitootessa 14/2015 (TOI) - Lammii ga’oomaa fi oomishuu danda’u uumuuf sirna nyaataa ammayyeessuun murteessaa ta’uu itti aanaa ministira muummee fi ministirri dhimma alaa Dammaqaa Mokonnin ibsan. Itti aanaa ministira muummee fi ministirri dhimma alaa Dammaqaa Mokonnin sagantaa ifoomsuu qorannoo nyaataa fi sirna nyaataa irratti argamanii ergaa dabarsaniiru. Ajandaan mootummaa lammiirratti kan xiyyeeffate keessumaa hiyyeessaaf dursa kan kennu ta’uu kaa agarsiisudha jedhan ergaa dabarsaniin. Qorannoon biyyaalessaa har’a ifoome qaqqabummaa nyaata madaalawaa bal’isuuf sochuu guutuutti seenuuf kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Tarsiimoo nyaataa fi sirna nyaataatiin sirna nyaataa lammiilee mirkaneessuun yeroon kan hinkennamneef ta’uu obbo Dammaqaan ibsanii, nyaata madaalawaa guuttachuun ajandaa Qananii miti jedhaniiru. Tarsiimoo nyaataa fi sirna nyaataa Itiyoophiyaatti hojiirra oolchuuf walitti bu’iinsa dhaabsisuun nageenya waaraa cimsuu fi qaala’iinsa jireenyaa ittisuu barbaachisa jedhaniiru. Kanaafis mootummaan sochiiwwan seeraan alaa to’achuu fi ittisuun nageenya buusuu fi qaala’insa jireenyaa gadi buusuuf hojjechaa akka jiru ibsaniiru. Ongee fi haalli qabatamaa addunyaa qaala’insa jireenyaarratti dhiibbaa geessisuu ibsanii, mootummaan qaamolee oomisha dhoksanii qaala’iinsa jireenyaa itti caalchisanirratti tarkaanfii keessa hindeebi’amne nifudhata jedhaniiru. Lammii biyyasaa jaalatu, oomishuu danda’uu fi ga’oomaa uumuuf sirni nyaataa fayyaalessi murteessaa waan ta’eef oomishtummaa fooyyessuun hojii ittiaanudha jedhan.
Chaayinaan Walta’iinsa dinagdee Itiyoophiyaa Waliin Qabdu Cimsitee Itti Fufti- Ambaasaaddar Jaan Jiyuwaan
Mar 23, 2023 24
Bitootessa 14/2015(TOI) - Chaayinaan Walta’iinsa dinagdee Itiyoophiyaa Waliin Qabdu Cimsitee akka Itti fuftu Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Chaayinaa Jaan Jiyuwaan ibsan. Jilli mootummaa olaanaa ministira maallaqaa federaalaa Ahimad Shideen durfamu daawwannaan hojii dhiheenya Chaayinaatti taasise hariiroo biyyppta lamaanii gama cimsuutiin gumaacha olaanaa qaba jedhaniiru. Jilli kun turtiisaatiin hooggantoota mootummaa olaanoo waliin dhimmoota addaddaa hariiroon biyyoota lamaanii cimuu danda’urratti mari’achuusaanii dubbataniiru. Dhimmoota daldalaa fi Invastimantii, ijaarsi bu’ura misoomaa hariiroo cimsuun danda’anirratti mari’atamuu eeranii, barbaachisummaa sirreeffama liqii ilaalchisuunis waliigalteerra gahamuu eeraniiru. Itiyoophiyaatti hirmaannaan Kaampaaniiwwan Chaayinaa dameewwan qonnaa, turizimii, fayyaa, misooma anniisaa fi albuudaan caalaa akka cimu akka jajjabeeffaman mirkaneesaniiru jedhan. Kana malees koreen waloo invastimantii fi walta’iinsi dinagdee mijeessuu dandeessisu akka hundaa’u waliigalteerra gahamuu kaasaniiru. Walta’iinsa dinagdee biyyoota lamaanii guddachaa dhufe caalaatti cimsuu fi ittifayyadama waloo mirkaneessuuf xiyyeeffatamee akka hijjetamu ambaasaaddarichi mirkaneessaniiru. Chaayinaan bu’uraalee misoomaa gurguddoo adeemsisuuf “inisheetiiviin Beelt endi rood” barana waggaa 10 akka qabatu ibsanii, waggootii kana keessatti Itiyoophiyaan hariiroo cimaa akka qabdu yaadataniiru. Fuuladuras hojiiwwan bu’ura misoomaa Itiyoophiyaatti Inisheetiivii kana keessatti hojjetaman mijeessuu fi walta’iinsa kana caalaatti cimsuuf akka hojjetamu ibsaniiru. Walta’iinsa gama Saayinsii fi Teeknooloojiin jiru cimsuuf hojjetamaa akka jiru eeranii, keessumaa barattoonni Itiyoophiyaa carraan leenjii damee Kanaan Chaayinaatti kennamu bal’isuuf xiyyeeffannoon kennameera jedhan. Kaampaaniiwwan Chaayinaa bebbeekamoon hojii nvastimantii Itiyoophiyaarratti akka hirmaatan nihojjetama jedhaniiru. Gama biraatiin waraana kutaa Kaaba biyyattiitti ture waliigaltee nagaatiin xumuramuunsaa Chaayinaan akka dinqisiifattu ibsanii, waliigaltichi biyyattiitti nageenya waaraa buusuuf qooda akka qabaatu eeraniiru. Nageenyi Itiyoophiyaa gaanfa Afriikaa fi Afriikaa bahaaf murteessaadha kan jedhan ambaasaaddarichi, waliigaltichi Itiyoophiyaan gara nageenyaa fi ijaarsa dinagdee duraaniitti deebisuuf qooda olaanaa qaba jedhaniiru. Yaalii mootummaan Itiyoophiyaa iddoowwan waraanaan miidhaman deebisee ijaaruu fi lammiilee rakkoof saaxilaman deeggaruuf taasisu Chaayinaan akka deeggartu dubbataniiru. Gojiin deebisanii dhaabuu erga xumuramee booda abbootiin qabeenyaa Chaayinaa iddoowwan kanneenitti invast akka taasisan gochuuf yaaliin nitaasifama jedhaniiru. Akkaataa Chaayinaan nageenya addunyaa mirkaneessuuf “Inisheetiiviin nageenyaa idil addunyaa” waggaa darbe baafteen mootummaa Itiyoophiyaa waliin ta’uun gaanfa Afriikaa fi Afriikaa bahaatti nagaa fi tasgabbii cimsuuf qindoominaan akka hojjettu dubbataniiru. Akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 2022 waljijjiirraan dinagdee biyyoota lamaan jidduu jiru doolaara biiliyoona 2 tuqaa 19 yemmuu ta’u, Itiyoophiyaatti Invastimantiin kallattii Chaayinaa doolaara biiliyoona 3 tuqaa 3 qaqqabeera. Hariiroon dippilomaasii Itiyoophiyaa fi Chaayinaa kan jalqabame akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 1970 dha.
Kan mul'ate

Beeksisa
ENA
Feb 7, 2023 301
ENA
Siyaasa

Biyya Haqa Hawaasummaa Qabdu Ijaaruuf Bu’a Qabeessummaa Qabsoo Farra Malaammaltummaaf Hundi Gaheesaa Bahuu Qaba
Mar 22, 2023 50
Bitootessa 13/2015 (TOI) - Biyya Haqa Hawaasummaa Qabdu Ijaaruuf Bu’a Qabeessummaa Qabsoo Farra Malaammaltummaaf Hundi Gaheesaa Akka Bahu Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltumm Federaalaa Waamicha Dhiheesse. Komishinichi leenjiin kutaa naamusaa fi farra malaammaltummaa, tajaajila odiitii keessaa, tajaajila seeraa fi hooggantoota hojiiwwan jijjiiramaa dhaabbilee mootummaa jala jiraniif qopheesse har’a magaalaa Bishooftuutti jalqabameera. Hooggantoonni kutaa naamusaa fi farra malaammaltummaa Yunivarsiitiiwwanii leenjii kanarratti hirmaataniiru. Itti aanaa Komishinaraa komishinarii naamusaa fi farra malaammaltummaa federaalaa Waddoo Axxoo rakkoowwan gurguddoo Itiyoophiyaa mudatan keessaa malaammaltummaan tokko ta’uu ibsanii, malaammaltummaan bifasaa jijjiiruun guddina dinagdee gufachiisuun, tokkummaa diiguun mootummaa diiguuf balaa kan uumu ta’uu ibsaniiru. Rakkoon kun yaaddoo nageenyaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa waan ta’eef mootummaan malaammaltummaarratti qabsaa’uuf koree biyyaalessaa hundeessee hojjechaa akka jiru dubbataniiru. Kanaaf biyya haqa hawaasummaa cimaa qabdu ijaaruuf qabsoon farra malaammaltummaa bu’aqabeessa akka ta’u hundi gaheessaa bahuu akka qabu dubbataniiru. Namni hundi qaama qabsoo farra malaammaltummaa ta’uu akka qabu ittiaanaa komishinaraa kun dubbataniiru. Hooggantoonni dhaabbilee federaalaa 260 ol leenjii har’aa kaasee guyyoota sadiif turu kanarratti akka hirmaatan ibsameera.
Engiliiz Milkaa’inaa Hojiirra Oolmaa Waliigaltee Nagaa Piriitooriyaaf  Deeggarsa Barbaachisu Akka Gootu Ibsameera
Mar 22, 2023 45
Bitootessa 13/2015(TOI) – Itti aanaa ministira muummee fi ministirri dhimma alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin ministira minsoomaa Ingilizii fi dhimmoota Afriikaa Andriiwu Miisheel waajjirasaaniitti simatanii dubbisan. Itiyoophiyaa fi Ingiliz gamtoomina misoomaatiin michooma waggaa dheeraa akka qaban kan yaadachiisan Obbo Dammaqaan hariiroo kana cimsuuf cimanii hojjechuu akka qaban eeraniiru. Waliigaltee nageenyaa Piriitooriyaa hojiirra oolchuuf hojiiwwan hojjetamaa jiran ilaalchisuun ibsa kan taasisan yemmuu ta’u, adeemsi waliigaltichaa amma ammaatti jiru nageenya buusuuf abdiiqabeessa akka ta’e dubbataniiru. Qaamolee walitti bu’iinsichaan yakka raawwataniiru jedhamanii shakkaman gaafatamaa taasisuuf dirni haqa cehumsaa diriirfamee hojjetamaa akka jiru dubbataniiru. Deeggarsa namoomaa Ingiliz Itiyoophiyaaf taasisaa jirtuuf obbo Dammaqaan galateeffatanii, kojiin kun wayita ammaa lammiilee waraanaa fi ongeen miidhamaniif deeggaruudhaan cimee akka itti fufu gaafataniiru. Ingilizitti miseensi paarlaamaa kan ta’an fi ministirri misoomaa biyyattii fi dhimmoota Afriikaa Andriiwu Miisheel gamasaaniin, Itiyoophiyaatti nageenya buusuuf tarkaanfii mootummaan fudhatee fi kutannoo jiru biyyisaanii akka dinqisiiffattu ibsanii, Ingiliiz milkaa’in kanaaf deeggarsa barbaachisu akka gootu mirkaneessaniiru. Ongee fi dhimmoota biroon walqabatee qormaata Itiyoophiyaa mudate Ingiliiz akka hubattu ministirichi ibsanii, dhaabbilee gargaarsaa fi kanneen biroo waliin ta’uun deeggarsi kanaaf oolu akka taasifamu ibsaniiru. Kana malees Itiyoophiyaa fi Ingiliiz dameelee waloo fi kanneen birootiin dhimmoota hariiroosaanii cimsanirratti marii taasisaniiru.
Itiyoophiyaan Walii Galtee Nageenyaa Hojiirra Oolchaa Wayita Jirtutti Adeemsi Qoqqoodaa fi Almadaalawaa Mootummaa Ameerikaatiin Adeemsifamaa Jiru Maree nageenyaaf Gufuudha- Ministira Dhimma Alaa
Mar 21, 2023 61
Bitootessa 12/2015 (TOI) – Itiyoophiyaan Waliigaltee Nageenyaa Hojiirra Oolchaa wayita Jirtutti Adeemsi Qoqqoodaa fi Almadaalawaa Waajjira Dhimma Alaa Ameerikaatti Mul’ate Marii Nageenyaa Itiyoophiyaan Adeemsisaa Jirtuuf Gufuu Akka Ta’u Ministeerri Dhimma Alaa Federaalaa Ibse. Gabaasni Sarbamuu Mirga Namoomaa Ilaalchisuun Waajjira Dhimma Alaa Ameerikaan Bahe Sirrii Akka Hintaane Mootummaan Itiyoophiyaa Beeksiseera. Gabaasni Waajjirri Dhimma Alaa Ameerikaa Dhimmicha Ilaalchisuun Baase Komishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa fi Komishinariin Mirga Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Ija Qorannoo Waliin Taasisaniin Yemmuu Ilaalamu Argannoon Haaraan Akka Hinjirre Ta’uusaa Ministeerichi Beeksiseera. Kanaaf Gabaasa Waajjirri dhimma Alaa Ameerikaa Baase Mootummaan Itiyoophiyaa Akka Hinfudhanne Ibseera. Ibsi Waajjirri Dhimma Alaa Ameerikaa Baase Gamtokko Qofa Komachuurratti Kan Kaayyeffate Ta’uu Akeekeera. Gama Biraatiin Gabaasichi Itiyoophiyaan Filmaata Imaammata Haqaa Cehumsaa Adda Baasuuf Hojjechaa Wayita Jirtutti, Maree Biyyaalessaa Jalqabuuf Wayita Qophooftetti Kan Bahe Waan Taheef Yeroosaa Kan Hineegne Ta’uu Ibseera. Kana Malees Kaayyoon Gabaasa Kanaa Kamiyyuu Yoo Ta’e Biyyattii Keessatti Qaama Tokko Kan Biraarratti kakaasuuf Akka Fakkaatu Ministeerri Dhimma Alaa Ibsa Baaseen Beeksiseera. Gabaasni Mootummaa Ameerikaatiin Bahe Adeemsi nageenyaa hunda hirmaachisu Kan Itiyoophiyaan deeggarsa Taasisaa Turte kan karaatti Hanbisudha jedhe Ibsi ministeerri Dhimma Alaa Federaalaa Baase. Daawwannaan Ministira Alaa Ameerikaa Antoonii Biliinken Itiyoopiyaatti taasisan Hariiroo Biyyoota Lamaanii Akka Cimsu Abdii Kan Agarsiisedha Kan Jedhe Ibsi Kun, Mareen Taasifamee fi Waliigalteen Irra Gahame gamtoomina Tarsiimawaa Biyyoota Lamaanii Ittifufsiisuuf Akka Gargaaru Amantaa Itiyoophiyaa Akka Ta’e Ibsameera. Haqaa Ce’umsaa fi Marii Biyyaalessaatiin waliigaltee Uumuu dabalatee tarkaanfiiwwan itti gaafatamummaa miidhamtootaaf mirkaneessuuf akka fudhataman kan mirkaneesse ibsichi, Michoonni Itiyoophiyaa deggersa ijaaraa taasisuun adeemsa kana akka gargaaran waamicha dhiyeesseera.
Manni Maree Ministirootaa Walgahii Idilee 8ffaa Har’a Adeemsiseen Dhimmoota Addaddaarratti Mari’atee Murtee Dabarse
Mar 21, 2023 69
Bitootessa 12/2015 (TOI) - Manni Maree Ministirootaa Walgahii Idilee 8ffaa Har’a Adeemsiseen Dhimmoota Addaddaarratti Mari’atee Murtee Dabarsuusaa Waajjirri Mana Maree Ministira Muummee Beeksise. Manni Marichaa Jalqaba Wixinee Labsii Dhaabbilee Misoomaa Mootummaa Kan Mootummaan Qabamanii Irratti Yemmuu Ta’u Wixineen Labsii Dhihaates Sirni Korporeetiin Dhaabbilee Misoomaa Mootummaa Iftoominaa fi Ittigaafatama Kan Mirkaneessu Akka Ta’u, Bulchiinsi Faayinaansii Korporeetii Sirnasaanii Ammayyeessuun Dorgomuu Danda’uusaanii fi Bu’aqabeessummaasaanii Cimsuun kan Barbaachisu Waan Ta’eef, Bu’aasaanii Karaa Hinmiineen Dirqama Tajaajila Hawaasaa Karaa Bu’aqabeessa Ta’een Akka Bahan Idaa Irra Jiru Fooyyessuu Kan Dandeessisu Waan Ta’eef Walumaa Gala Wixineen Labsii Guddina Dinagdee Biyyaarratti Gumaacha Olaanaa Akkka Bahan Dandeessisu Qophaa’ee Mana Mareef Dhihaateera. Manni Marees Wixinee Labsii Kanarratti Erga Mari’atee Booda Galtee Itti Dabaluun Akka Ragga’u Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf Akka Darbu Sagalee Guutuun Murteesseera. Itti Aansuun Waliigaltee Wixinee Labsii Itiyoophiyaan Gibira Walirra Dhufu Hanbisuu fi Waliin dhahuu Taaksii Ittisuuf Mootummaa Logzambarg Akkasumas Konfedereeshinii Siwiiz Waliin Waliigalteewwan Taasifte Akka Ragga’an Irratti. Waliigalteewwan Taaksii Walirradhufu Hanbisuu fi Waliindhahuu Ittisuuf Itiyoophiyaan Mootummoota Lamaan Waliin Taasifte Abbootiin Qabeenyaa Biyyoota Lamaanii Qabeenyasaanii Biyya Keenyatti Invast Akka godhan Gama Jajjabeessuutiin Gumaacha Olaanaa Qabaachuun Olitti Abbootiin Qabeenyaa Galii Tokkoof Gibira Altokkoo Ol Akka Hinkafalle Kan Taasisu Waan Ta’eef Waliigalteewwan Kana Raggaasisuuf Wixineen Labsii Qophaa’ee Mana Maree Ministirootaaf Dhihaateera. Manni Marees Wixinee Labsii Kanarratti Erga Mari’atee Booda Galtee Ittidabaluun Akka Raggaasifamu Mana Maree Bakka Ummataaf Akka Darbu Sagalee Guutuun Murteesseera. Xumurarrattis Manni Maree Kun Wixinee Danbii Korporeeshiniin Baabura Lafoo Itiyoophiyaa Ittiin hundaa’u Fooyyessuuf Dhihaaterratti Mari’ateera. Kaappitaala Korporeeshinichaa Kan Eeyyamamee fi Kan Kafalame Fooyyessuun Kaayyoo fi Ergama Itti Hundaa’e Galmaan Gahuu Akka Dandahu Keessumaa Bu’uraaleen Misoomaa Baaburaa Ijaarsarra Jiran Akka Xumuraman Kan xumuramanis Hojii Akka Jalqaban, Bu’uraalee Misoomaa Baaburaa Fuuladura Ijaaramaniif Humna Cimaa Akka Qabaatu Kaappitaalli Eyyamameef Ammoo Birrii Biiliyoona 22tti Akka Guddatu Kaappitaallisaa Maallaqa Callaa fi Akaakuun Kafalame Ammoo Birrii Biiliyoona 120 Akka Ta’u Wixineen Danbii Qophaa’ee Dhihaateera. Manni Marichaas Wixinee Danbii Kanarratti Mari’atee Galtee Itti dabaluun Guyyaa Gaazexaa Magalataatti Maxxanfamee Baherraa Eegalee Hojiirra Akka Oolu Sagalee Guutuun Murteesseera.

Hawaasummaa
Lammii ga’oomaa fi oomishuu danda’u uumuuf sirna nyaataa ammayyeessuun nibarbaachisa- ittiaanaa ministira muummee fi ministira dhimma alaa Dammaqaa Mokonnin
Mar 23, 2023 27
Bitootessa 14/2015 (TOI) - Lammii ga’oomaa fi oomishuu danda’u uumuuf sirna nyaataa ammayyeessuun murteessaa ta’uu itti aanaa ministira muummee fi ministirri dhimma alaa Dammaqaa Mokonnin ibsan. Itti aanaa ministira muummee fi ministirri dhimma alaa Dammaqaa Mokonnin sagantaa ifoomsuu qorannoo nyaataa fi sirna nyaataa irratti argamanii ergaa dabarsaniiru. Ajandaan mootummaa lammiirratti kan xiyyeeffate keessumaa hiyyeessaaf dursa kan kennu ta’uu kaa agarsiisudha jedhan ergaa dabarsaniin. Qorannoon biyyaalessaa har’a ifoome qaqqabummaa nyaata madaalawaa bal’isuuf sochuu guutuutti seenuuf kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Tarsiimoo nyaataa fi sirna nyaataatiin sirna nyaataa lammiilee mirkaneessuun yeroon kan hinkennamneef ta’uu obbo Dammaqaan ibsanii, nyaata madaalawaa guuttachuun ajandaa Qananii miti jedhaniiru. Tarsiimoo nyaataa fi sirna nyaataa Itiyoophiyaatti hojiirra oolchuuf walitti bu’iinsa dhaabsisuun nageenya waaraa cimsuu fi qaala’iinsa jireenyaa ittisuu barbaachisa jedhaniiru. Kanaafis mootummaan sochiiwwan seeraan alaa to’achuu fi ittisuun nageenya buusuu fi qaala’insa jireenyaa gadi buusuuf hojjechaa akka jiru ibsaniiru. Ongee fi haalli qabatamaa addunyaa qaala’insa jireenyaarratti dhiibbaa geessisuu ibsanii, mootummaan qaamolee oomisha dhoksanii qaala’iinsa jireenyaa itti caalchisanirratti tarkaanfii keessa hindeebi’amne nifudhata jedhaniiru. Lammii biyyasaa jaalatu, oomishuu danda’uu fi ga’oomaa uumuuf sirni nyaataa fayyaalessi murteessaa waan ta’eef oomishtummaa fooyyessuun hojii ittiaanudha jedhan.
Ji'oota jahan darbanitti lammiilee saba hongeen miidhamaniif gargaarsi namoomaa Birrii biiliyoona 14tti dhiyaatu taasifameera 
Mar 23, 2023 20
Bitootessa 14/2015 (TOI) :- Naannoo Oromiyaatti ji’oota jahan darban lammiilee sababa hongeen miidhamaniif deeggarsi birrii biiliyoona 14tti dhiyaatu taasifamuufi Buusaa Gonofaa Oromiyaa beeksise. Itti aanaan Hogganaa Buusaa Gonofaa Oromiyaa obbo Tafarraa Bayyanaa TOItti akka himanitti jijjiirama qilleensaa waggoota darban addunyaa mudateen walqabatee godsinalee naannichaa tokko tokkotti hongeen uumameera. Godina Booranaafi Gujii dabaltee lammileen godinaalee biroo hanqina roobaaf saaxilaman keessa jiraatan rakkoo hanqina midhaan nyaataf saaxilamuu himaniiru. Lammilee kanaa deeggarsa mootummaan naannoofi Federaalaa taasisaan cinaatti Uummanni Itoophiyaas deeggarsa guddaa taasisaniiru. Obbo Tafarraan akka himanitti bara kana ji’oota jahan darbanitti lammiilee sababa hongeen miidhamaniif gargaarsi namoomaa Birrii biiliyoona 14tti dhiyaatu taasifameera. Deeggarsi taasifames deeggarsa midhaan nyaataa, meeshaalee bu'uuraa adda addaafi Nyaata beelladaa ta'uu himaniiru. Deeggarsi taasifamaa jiru kuns cimee kan itti fufu ta'uu himanii, lammileen Itoophiyaas deeggarsa namoomaa taasisaa jiran cimsanii akka itti fufan gaafataniiru. Dabalataanis mootummaan naannichaa, mootummaan federaalaa, dhaabbilee gargaarsa namoomaafi namoota dhuunfaan lammilee sababa hongee kanaan miidhamaniif deeggarsa taasisuu akka itti fufan waamicha dhiheessaniiru.  
Lammiilee Koonsoo sababa ongeen balaaf saaxilaman baraaruuf Itiyoophiyaanonni hundi akka birmatan waamichi dhihaate
Mar 20, 2023 72
Bitootessa 11/2015 (TOI) – Naannoo Kibbaa lammiilee godina Koonsoo sababa ongeen balaaf saaxilaman baraaruuf Itiyoophiyaanonni hundi akka birmatan waamichi dhihaate Godinichatti waggoota afur walitti aansuun waan hinroobneef ongeen mudachuun kutaaleen hawaasaa addaddaa rakkoof saaxilamuusaanii miseensonni mana maree fi bakka buutonni kutaalee hawaasaa ibsaniiru. Saba Koonsoo fi miseemsa mana maree bakka bu’oota ummataa akkasumas daarektarri olaanaa bulchiinsa nageenya neetwoorkii odeeffannoo obbo Salamoon Sokkaa bakka bu’oonni hawaasaa, jaarsoliin biyyaa, abbootiin amantaa, miseensonni hayyootaa, bakka bu’oonni dargaggootaa,dubartootaa fi daa’immanii akkasumas hooggantoonni bakka argamanitti haala yeroorratti mari’ataniiru. Nageenya naannoo mirkaneessuu, lammiilee sababa ongeetiin beelaa fi buqqaatiif saaxilaman deebisanii dhaabuu fi hojii nyaata dhiheessuu hatattamaan hojjechuuf Itiyoophiyaanonni hundi xiyyeeffannoo akka kennaniif kutaaleen hawaasaa kunneen gaafataniiru. Ummanni Koonsoo balaan uumamaa ciminasaa qoru waan uumameef balaa beelaa fi qe’eerraa buqqa’uuf saaxilamuusaa eeraniiru. Balaawwan uumamaa fi namtolchee Koonsootti mudate furuuf mootummaa federaalaarraa kaasee dhaabbileen gargaarsaa akkasumas lammiin Itiyoophiyaa hundi akka birmatu obbo Salamoon waamicha dhiheessuusaanii odeeffannoon qajeelcha komunikeeshinii mootummaa godinichaarraa argame nimul’isa.
Diinagdee
Mootummaan Dinagdee Tasgabbeessuuf Tarkaanfii Fudhachaa Jiruuf Deeggarsa Akka Taasisu  Baankiin Addunyaa Beeksise
Mar 23, 2023 32
Bitootessa 14/ 2015 (TOI) - Mootummaan Dinagdee Tasgabbeessuuf Tarkaanfii Fudhachaa Jiruuf Deeggarsa Akka Taasisu Baankiin Addunyaa Beeksise Mijaa’ina hojii daldalaa fooyyessuu fi oomishtummaa guddisuuf deeggarsa imaammatarratti xiyyeeffate taasisuuf kutannoo akka qabu beeksiseera. Hojiif Finfinneetti kan argaman Baankii addunyaatti ittaanaa Pirezidaantii Afriikaa bahaa fi kibbaa Viiktooriyaa Kiwaakiwaa ministira maallaqaa obbo Ahimad Shidee waliin mari’ataniiru. Mariin kun fedhii waloo qaamota lamaanii, dhimmoota misoomaa fi haala gamtaasaanii cimsuu danda’anirratti kan xiyyeeffate ta’uu odeeffannoon ministirri maallaqaa fuula marsariitiisaarratti barreese nimul’isa. Ministirri maallaqaa Ahimad Shidee waggoota sadan darban baankiin addunyaa rakkoolee walirra dhufuun Itiyoophiyaatti mudataniin dhiibbaa uumaman deebisee dhaabuuf deeggarsa taasiseef galateeffataniiru. Mootummaan hojii deebisee dhaabuu fi ijaaruu akkasumas yaaliiwwan misoomaa keessumaa gama misooma qabeenya namaa, wabii nyaataa mirkaneessuu, walitti hidhiinsa bu’ura misoomaa, dinagdee tasgabbeessuu fi hojii uumuu dargaggootaatiin hojii hojjete ilaalchisuun ministirichi ibsa kennaniiru. Gama biraatiin mootummaan ajandaa fooyyessa dinagdee biyya keessaaf xiyyeeffannoo kennuun fi qooda mootummaa madaalawaa gochuun dameen dhuunfaa carraa hojii uumuu fi misooma egereetiif iddoo fooyyee qabu akka argatu kutannoon hojjechaa akka jiru obbo Ahimad ibsaniiru. Baankii addunyaatti ittaanaa Pirezidaantii Afriikaa bahaa fi kibbaa Viiktooriyaa Kiwaakiwaa gamasaaniin, cimina Itiyoophiyaan Taateewwan hedduu damdamachuuf dandeessuu fi tarkaanfii mootummaan misooma damee dhuunfaan durfamu fiduuf fooyyessa dinagsee taasise dinqisiifataniiru. Mijaa’ina hojii daldalaa fooyyessuu fi oomishtummaa guddisuuf deeggarsa imaammatarratti hundaa’e gochuuf baankiin addunyaa kutannoo akka qabu ibseera. Dhaabbanni Faayinaansii kun dhaabbata maallaqaa idil addunyaa fi mootummaa waliin ta’uun hojii mootummaan dinagdee tasgabbeessuuf hojii hojjechaa jiru deeggarsa akka taasisu dubbataniiru. Baankii addunyaatti ittaanaa Pirezidaantii Afriikaa bahaa fi kibbaa Viiktooriyaa Kiwaakiwaa akka lakkoofsa Awurooppaatti Adoolessa bara 2022 ittigaafatamaa erga fudhatanii as Itiyoophiyaa yemmuu daawwatan kan jalqabaati.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Waldaan Dargaggoota Hojii Uumtotaa Itiyoophiyaa Dargaggoota Hojii Uumaniif Deeggarsi Maallaqaa Akka Taasifamuuf Gaafatan
Mar 22, 2023 40
Bitootessa 13/2015 (TOI) - Waldaan Dargaggoota Hojii Uumtotaa Itiyoophiyaa Dargaggoota Hojii Uumaniif Deeggarsi Maallaqaa Imaammatarratti Hundaa’e Akka Taasifamu Gaaffii Dhiheesse. Imaammanni dargaggoota hojii uumtota yaada haaraa qabatanii dhufan jajjabeessu qophaa’aa akka jiru ministeerri Innoveeshinii fi teeknooloojii ibseera. Waldaan dargaggoota hojii uumtotaa Itiyoophiyaa ministeera Innoveshinii fi Teeknooloojii waliin ta’yuun waltajjii maree walitti hidhiinsaa fi advookeesii imaammataa “Zalala” jedhamu adeemsiseera. Pirezidaantiin waldichaa Saamiyaa Abdulqaadir, namoonni kalaqaa hedduun deeggarsa kanneen akka faayinaansii dhabuusaaniitiin waan yaadan milkeessuu akka hindandeenye ibsaniiru. Rakkoo kana furuuf sirna faayinaansii keessa galchuun dargaggoota kalaqxootaaf gargaarsa maallaqaa Imaammataan deeggarame gochuu barbaachisa jedhaniiru. Haala walqabateen waldichi rakkoolee gama kanaan mul’atanirratti hojjechuu fi furmaata barbaaduuf yaalii taasisaa turuusaa beeksisaniiru. Haala Kanaan miseensota kuma 1 ol walittiqabuun dhaabbilee mootummaa fi mitmootummaa 17 ol waliin walitti hidhiinsi akka uumamuuf taasisuusaanii Pirezidaantiin kun eeraniiru. Kalaqxoonni TOI’n dubbise yaada kennaniin deeggarsi faayinaansii fi leenjii karaa mootummaa osoo guutameefii hojii biyya fayyadu hojjechuu akka danda’an dubbataniiru. Ministeera Innoveeshinii fi Teeknooloojiitti hooggantuun misooma staartaappii inniveeshinii Salaamyihun Adafris gamasaaniin, imaammanni faayinaansii namoota yaada kalaqaa qaban deeggaru dhabamuunsaa rakkoo ta’ee turuusaa ibsaniiru. Kanaaf rakkoo kana egereef hiikuuf imaammanni dargaggoota hojii kalaqaa haaraa fidanii dhufan jajjabeessu qophaa’aa akka jiru eeranii, yeroo dhihootti hojiirra akka oolu dubbataniiru. Hooggantoonni ministeera Innoveeshinii fi Teeknooloojii, Hooggantoonnii fi ogeessonni Baankii, bakka bu’oonni dhaabbilee mootummaa fi mitmootummaa maree advookeesii imaammataa kanarratti hirmaataniiru. Mariin baatii tokkotti altokko adeemsifamu kun dargaggoonni gama teeknooloojiin gahumsa kalaqaa qaban mootummaa fi mitmootummaarraa deeggarsa faayinaansii fi leenjii argatanirratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsameera.
Galteewwan elektirooniksii sadarkaa isaanii eeggatan gabaa biyya keessaaf akka dhihaatan hojjetamaa jira
Mar 21, 2023 51
Bitootessa 12/2015(TOI) - Miseensaa Komishiinii idil addunyaa Elektiroo- Tekinikaal keessatti hirmaachuun galteewwan elektirooniksii sadarkaa isaanii eeggatan gabaa biyya keessaaf akka dhihaatan hojjetamaa jiraachuu Instiitiyutiin Sadarkaalee Itoophiyaa beeksise. Inistiitiyutii sadarkaalee Itoophiya jalatti kan argamu miseensoota koreen Elektiroo- Tekinikaal Itoophiyaaf leenjii Elektiroonikisiifi tekinolijiiwwan biroon sadarkaa isaanii kan eeggata akka ta'aniif gargaaru kennameefira. Komishiiniin idil addunyaa Elektiroo- Tekinikaal Itoophiyaa dabalatee 170 biyyoota miseensoota kan qabu yoo ta'u Elektironik, Elektirikaaliifi Tekinolojiiwwan biroof akka idil addunyaatti sadarkaa kan kennudha. Itoophiyaatti tekinolojiiwwan sadarkaa idil addunyaan kennameef akka eeggatan ta'uu isaanii kan mirkaneessuu Koreen biyyaalessa Elektiroo- tekinikaal hundaa'uun isaa ni yaadatama. Koreen biyyaalessa Elektiroo-tekinikaal Itoophiyaa miseensoota dhaabbilee adda addaarra walitti dhufan 205 kan qabu yoo ta'u isaan keessaa 34 damee Elektiroonikiifi Elektiroo makanikaal irratti kan bobba'anidha. Daarektarri olaantuu Instiitiyuutii sadarkaalee Itoophiyaa doktar Masarat Baqqalee akka himanitti Biyya keessatti kan oomishamaniifi biyya alaa kan galan meeshaalee Elektiroonikiifi meeshaaleen isaan waliin hidhata qaban qulqullina isaanii kan eeggatan ta'uu qaba. Kanaaf Itoophiyaan miseensa Komishiinichaa ta'uun oomishaaleen sadarkaa isaanii eeggatan akka hojiirra oolaniif sadarkaa baasuun hojjechaa jiraachuu himaniiru. Kunis biyya keessatti kan oomishaman sadarkaa isaanii kan eeggatan akka ta'an gochuu keessatti gahee olaanaa akka qabu himaniiru. Haaluma kanaan Itoophiyaatti kan oomishaman haadni Elektironiik, Tiraanisformarootafi meeshaaleen Elektiromakaanilaaliin sadarkaa isaanii eeggatanii oomishamanii biyya keessatti tajaajilarra oolaa jiraachuu himaniiru. Inistiitiyutichi abbummaan sadarkaa oomishaalee kan baasuu yoo ta'u Dhaabbanni madaalli majaa'ummaa sadarkaalee immoo oomishaaleen kunneen haala sadarkaa baheen dhihaachuu isaanii mirkaneessa.
Yaa’iin bulchiinsa Intarneetii Itiyoophiyaatti taa’ame dhimmoota bulchiinsa Intarneetii idiladdunyaa gama waliingahuutiin bu’aqabeessa akka ture ibsame
Mar 11, 2023 155
Bitootessa 02/2015 (TOI)- Yaa’iin bulchiinsa Intarneetii idil addunyaa Itiyoophiyaan keessummeessite keessummoota keessummeessuu fi dhimmoota bulchiinsa Intarneetii idil addunyaa gama waliingahuutiin bu’a-qabeessa jedhame. Itiyoophiyaan waltajjii hooggantoota olaanoo ‘IGF’ (Internet Governance Forum) Ostiriyaa Viyeenaatti adeemsifamaa jirurratti muuxannoo kana itti aansuun kan qopheessitu Jaappaaniif qooddeetti. Yaa’ii Kanaan hammattummaa dijitaalaa, hubachuu namtolchee, teeknooloojii haaraa, nageenya odeeffannoo marsariirii fi dhimmoota bulchiinsa intarneetii kanneen biroo gama waliin gahuutiin milkooftuu turte jedhameera. Waltajjii hooggantoota olaanoo bulchiinsa Intarneetii Viyeenaatti taasifamaa jiruu fi walgahii koree gorsaa hundagaleessa irratti de’eetaan ministiraa Innoveeshinii fi Teeknooloojii Huriyaa Alii akkaataa Itiyoophiyaan yaa’icha milkooftee itti keessummeessite qoodaniiru. Qaamolee yaa’iin Itiyoophiyaan keessummeessite akka milkaa’u taasisan minister de’eetaan kun galateeffatanii yaa’iin Jaappaanitti adeemsifamu akka milkaa’u hawwiisaanii ibsaniiru. Koreen hooggantoota olaanoo fi gorsaa hundagaleessaa dhaabbilee addaddaa Ostiriyaa Viyeenaatti argaman daawwataniiru. Yaa’iin bulchiinsa Intarneetii 17ffaa Itiyoophiyaatti kan qophaa’e yoo ta’u, yaa’iin bulchiinsa Intarneetii 18ffaa baatii Onkoloolessaa dhufu Jaappaan Tookiyootti akka adeemsifamu beekameera.
Ispoortii
Piriimer Liigii Beetkiingii Itiyoophiyaatiin magaalaan Arbaa Miinci magaalaa Walqixxee waliin nitaphatu
Mar 9, 2023 208
Guraandhala 30/2015 TOI) – Sagantaa torbee 16ffaa Piriimer Liigii Beetkiing Itiyoophiyaatiin magaalaan Arbaa Minci magaalaa Walqixxee waliin nitaphatu. Taphni kilaboota lamaanii guyyaa keessaa sa’aatii 11tti Istaadiyeemii Dirreedawaatti nitaphatama. Magaalaan Arbaa Minci taphoota Liigichaa 15amma ammaatti taphateen sadii mohatee al afur mo’atameera, al saddet ammoo walqixa baheera. Taphoota 15’n goolii 18 lakkoofsiseera, gooliin 20 ammoo ittigaleera. Haala Kanaan qabxii 17’n sadarkaa 14ffaa qabatee sadarkaa gadi bu’aa keessatti argama. Magaalaan Arbaa Minci taphoota liigichaa walitti aanan shan Kanaan dura taphateen altokko qofa mo’ate. Al tokko mo’atameera, alsadii ammoo walqixa baheera. Morkataansaa magaalaan Walqixxee taphoota piriimer Liigii amma ammaatti taphateen al shan mo’ateera, alshan ammoo mo’atameera, alshan ammoo walqixa baheera. Taphoota 15niin goolii 18 galcheera,gooliin 17 itti galeera. Qabxii jahaan sadarkaa 12ffaarra jira. Magaalaan Walqixxee taphoota Liigichaa walitti aanan shan taasiseen al tokko qofa mo’ate. Al lama mo’atameera,al lama walqixa baheera. Taphni garee lamaanii Guraandhala 23 bara 2015 taphatamuun kan irra ture yoo ta’u rooba cimaa Dirreedawaatti roobeen dirreen manca’uusaatiin taphni kun har’a akka taasifamu koreen naamusaa fi dorgommii murteessuunsaa nibeekama. Oduu walfakkaatuun taphoota torbee 16ffaa kaleessa taphatamaniin magaalaan Bahaardaar Itiyoo-elektiriik goolii 3 fi 1’n akkasumas magaalaan Adaamaa Faasiil Kanamaas goolii 2 fi 1’n mo’ataniiru.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Godina Harargee lixaatti biqiltuuwwan ganna dhufu sagantaa ashaaraa magariisaan dhaabaman miiliyoona 368 qophaa’aa jiru
Mar 17, 2023 79
Bitootessa 08/2015 (TOI) - Godina Harargee lixaatti biqiltuuwwan ganna dhufu sagantaa ashaaraa magariisaan dhaabaman miiliyoona 368 qophaa’aa akka jiran waajjirri qonnaa fi qabeenya uumamaa godinichaa beeksise. Itti aanaa ittigaafatamaa waajjirichaa obbo Aliyyi Daadhii TOI’f akka ibsanitti, qophii amma ammaatti taasifameen biqiltuuwwan miiliyoona 368 ol qopheessuudhaan karoorarraa dhibbantaa 80 milkeessuun danda’ameera. Qophiin biqiltuu kun gandoota 495 aanaalee godinichatti argaman 15 keessatti fi buufataalee biqiltuu mootummaatti hojjetamaa akka jiru dubbataniiru. Godinichatti waggoota dheeraaf biqiltuu haaraa qopheessuu mannaa kan ture qofa fayyadamuun akka mul’atu itti gaafatamaa itti aanaa kun ibsaniiru. Haala Kanaan godinicha aanaalee hedduu keessatti muka ciruu fi lafti duwwaatti hafuun mudatee akka ture yaadataniiru. Kan darberraa barachuun sagantaan ‘ashaaraa magariisaa’ erga jalqabamee asitti ummata hirmaachisuun jijjiirama fiduun danda’ameera jedha. Kaayoon olaanaa hojii misooma sululaa hirmaannaa ummataan hojjetame kun naannoo magariisa uffisuu ta’uu ibsaniiru.   Hojii misooma sululaa godinichatti hojjetameen lafa heektaara kuma 288 caalurratti hojiin misooma sululss hojjetameera jedhan. Biqiltuuwwan qophaa’aa jiran Maangoo, Avokaadoo, Giishxaa fi Temirii akkasumas mukoota misooma bosonaaf oolanii fi nyaanni loonii keessatti argamu. Biqiltuuwwan waggoota darban gaarren muka malee hafanii fi lolaan haqaman irratti dhaabaman akka gaariitti qabachuusaanii ibsanii, iddoowwan bosonni deebi’etti bineensonni bosonaa deebi’aa akka jiran dubbataniiru. Biqiltuuwwan Kanaan dura sagantaa ashaaraa magariisaatiin godinichatti dhaabaman keessaa dhibbantaan 88 qabachuusaanii mirkaneessaniiru. Namoonni miiliyoona 1 ol biqiltuu dhaabuurratti kan hirmaatan yemmuu ta’u, sagantaan biqiltuu dhaabuu kun lafa heektaara kuma 200 irratti ni adeemsifama jedhaniiru.
Qabeenya uumamaa eeguun qonna ammayyeessuuf hundi qindoominaan hojjechuu qaba- pirezidaantiinaannoo Gaambeelleeobbo Umood Ujuluu
Feb 11, 2023 200
Guraandhala 4/2015 (TOI)- Naannoo Gaambeellaatti kunuunsaa fi itti fayyadama qabeenya uumamaa egeree fooyyessuun qonna ammayyeessuuf hundi qindoominaan hojjechuu akka qabu pirezidaantiin naannichaa ob. Umood Ujuluu hubachiisan. Misoomni sululss baatiiwwan bonaa godinichaa godina Sablammii Nuweer aanaa Makkootyitti har’a ifatti jalqabameeera. Pirezidaant Umood wayita kanatti akka jedhanitti, Kunuunsaa fi itti fayyadama lafa, bishaanii fi qabeenya bosonaa naannichaa fooyyessuun wabii nyaataa mirkaneessuuf hundi qindoomee ciminaan hojjechuu qaba. Hojiiwwan kunuunsaa fi itti fayyadama qabeenya uumamaa waggoota darban hojjetamaniin rakkoo lafti qullaatti hafuu fi manca’a bosonaa gama ittisuutiin hojiileenjajjabeessoo hojjetamuu dubbataniiru. Kanaaf lafa qullaatti hafe gara duriitti deebisuun wabii nyaataa mirkaneessuuf hojiin misooma sululaa cimee akka itti fufu ibsaniiru. Milkaa’ina hojiiwwan sululaa baatii bonaa jalqabame kanaaf qaamoleen hooggansaa sadarkaa hundarra jiran kutannoon hojjechuu akka qabu hubachiisaniiru. Bulchaan godina sablammii Nuweer ob. Boot Teer gamasaaniin hojiilee misooma sululaa cimsuun hojiin wabii nyaataa mirkaneessuu hojii ijoo qaamolee qooda fudhattoota hundaa ta’uu akka qabu dubbataniiru. Hijiin misooma sululaa baranaa sadarkaa naannootti aanaa keenya aanaa Makkooyitti jalqabamuusaatiin gammachuu qaban ibsanii bu’aqabeessummaasaatiif ummata qindeessanii akka hojjetan ibsaniiru. Baatii bonaa baranaatiin sululoota 124 lafa heektaara kuma 60 olirratti hojiilee eegumsa biyyoo fi bishaaniirratti hojjechuuf karoorfamee gara boqonnaa hojiitti seenamuusaa kan ibsan ammoo itti gaafatamaa biiroo qonnaa fi qabeenya uumamaa ob. Ajaak Uchaalaa ti. Hojiileen misooma sululaa kan adeemsifaman idilee fi pirojektootaag gargaaramuun ta’uu kan ibsan itti gaafatamaan kun kanaanis ummanni kuma 120 ol akka hirmaatu nieegama jedhaniir. Sagantaan sosochii misooma sululaa guyyaa kana jalqabame baatii tokkoof akka turu Ob. Ajaak ibsaniiru. Sagantaa jalqabsiisa misooma Sululaa irratti hooggantoonni olaanoo naannoo, godinaa fi aanaa akkasumas ogeeyyonni argamaniiru.
Godina Arsii Lixaatti sagantaa ashaaraa magariisaa ganna dhufuuf biqiltuun miiliyoona 200 qophaa’aa jira
Feb 8, 2023 192
Guraandhala 01/2015 (TOI) - Godina Arsii Lixaatti sagantaa ashaaraa magariisaa ganna dhufuuf biqiltuun miiliyoona 200 qophaa’aa akka jiru waajjirri qonnaa godinichaa ibse. Waajjirichatti gaggeessaan garee qabeenya uumamaa fi eegumsa naannoo ob. Umar Ejeree TOItti akka himanitti, biqiltuun kunneen gogiinsa dandamachuu fi ciidha tursiisuun oomishtummaa kan dabalanidha. Bara kana biqiltuuwwan miiliyoona 200 ol qopheessuuf karoorfamee hojjetamaa akka jiru ibsaniiru. Godinichi bokkaa gannaa roobu kuusuuf daagaa, boollii fi hojiin eegumsa biyyoo fi bishaanii kanneen biroo hojjechaa akka jiru ibsanii, sagantaan biqiltuu dhaabuu baatii Eblaa irraa kaasee akka adeemsifamu eeraniiru. Biqiltuuwwan qophaa’an xaa’ummaa lafaa kan dabalamanii fi nyaata looniif kan oolan sanyii addaddaa yoo ta’an, kunis hojiilee gogiinsa damdamachuuf hojjetamaa jiran keessaa isa tokkodha jedhaniiru. Biqiltuuwwan kunneen qophaa’aa kan jiran buufataalee biqiltuu godinichatti argaman kuma 3 fi 225 fi qonnaan bultootaan akka ta’e ibsaniiru. Sagantaan ashaaraa magariisaa ganna dhufuuf biqiltuuwwan biyya keessaa kanneen akka Waddeessaa, gaattiraa, muka gurraachaa, birbirsaa fi kanneen biroo qophaa’aa akka jiran beeksisaniiru. Sagantaa ashaaraa magariisaan waggaa darbe biqiltuuwwan dhaabbatan miiliyoona 146 keessaa kunuunsa taasifameen dhibbantaan 85 qabachuusaa ibsaniiru. Biqiltuu dhaabuun ala tajaajilaaf amma oolanitti kunuunsi barbaachisaan akka taasifamudubbataniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 395
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Tajaajilli oduu Itiyoophiyaa Marsariitii Afaan Faransaayii fi Tigreetiin odeeffannoo qaqqabaa taasisu jalqabsiise
Mar 4, 2023 351
Guraandhala 25/2015 (TOI)- Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa marsariitii haaraa odeeffannoowwan biyya keessaa fi idil addunyaa afaan Faransaayii fi Afaan Tigreetiin qaqqabaa taasisu jalqabsiise. Hojii raawwachiisaan olaanaa dhaabbatichaa Ob. Seeyfee Darribee fi Itti aantuu hojii raawwachiiftuuejensii nageenyaa weebii infoormeeshinii Tigisti Haamiid marsariitii haaraa kana hojii jalqabsiisaniiru. Sdministireetariin marsariitii dhaabbatichaa Heenook Abiyyi sirna jalqabsiisaa kanarratti akka jedhanitti, marsariitiin haaraan afaanota addaddaan odeeffannoowwan qulqullina walfakkaatuun qaqqabsiisuu akka danda’utti kan hojjetamedha. Marsariitiin biraandii dhaabbatichaarratti hundaa’uun qophaa’e kun gama qulqullina odeeffannoo fi nageenyummaanis amansiisaa ta’ee tajaajila akka kennu karaa ejensii nageenya weebii infoormeeshinii hojjetamuusaa ibsaniiru. Marsariitiin kun afaan Ingilizii, Arabaa, amaaraa,fi afaan Oromoo Kanaan dura ittiin hojjetamaa ture dabalatee dhiheenya akka haaraatti kan jalqaban Afaan Faransaayii fi Tigree dabaluun tajaajila akka kennu taasifamee akka hojjetame beeksisaniiru. Hojii raawwachiisaa olaanaa Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa Ob. Seeyfee Darribee akka jedhanitti, TOI;n hojiiwwan dhimmoota biyyaa Itiyoophiyaa ijaaran hawaasa addunyaaf beeksisan hojjrchaa jira. Marsariitiin haaraan amma ifoome kaayyoo kana raawwachiisuuf kan deeggarudha jedhanii, amansiisummaa fi nageenyummaansaa eegamee tajaajila ammayyaa kennuu akka dandeessisu ejensii nageenya weebii infoormeeshinii hojjetamuusaa dubbataniiru. Fuula duras TOI’n hojiiwwan ejensii nageenya weebii infoormeeshinii waliin ta’uun misooma damee kanaa n hojjetu cimsee akka itti fufu dubbataniiru. Daarektarri itti aantuu muummee ejensii nageenya weebii infoormeeshinii Tigisti Haamiid gamasaaniin dhaabbannisaanii hojiiwwan nageenya dhaabbilee sabquunnamtii eegsisuuf dandeessisan hojjechaa akka jiru ibsaniiru. TOI waliinis rakkoolee quunnamuu danda’an qolachuuf waliin hojjechuurra darbee fuula duras dhimmoota biroorratti hojiiwwan hariiroo qaban guddisan akka cimsan ibsaniiru. Itti gaafatamtoonni olaanoo fi ogeessonni dhaabbilee lamaanii sagantaa jalqabsiisaa marsariitii kanarratti argamaniiru.
Gabaasa addaa
Balaa ibiddaa Finfinneefi Buraayyuutti mudateen qabeenyaa birrii miliyoona 2.9 ta'urraa miidhaan gaheera.
Jan 24, 2023 223
Amajji, 16/2015(TOI) - Komishiniin hooggansa balaa ibiddaa fi sodaa balaa Finfinnee balaa kaleessa magaalaa Finfinneefi Buraayyuutti Balaa ibiddaa mudateen qabeenyaa birrii miliyoona 2.9 ta'urraa miidhaan gahuu beeksise. Komishinichi qabeenyaa birrii 258 baasu balaa kanarraa baraaruun akka danda'amees beeksiseera. Daarektarri hariiroo hawaasaa komishinichaa obbo Gululaat Geetaneehe akka TOItti himanitti kaleessa galgala sa’aatii 4:48 irratti Kutaama magaala Lammii Kuraatti sababa balaa Elektirikiin gamootti ibiddi qabtee qabeenya birrii miliyoona 1.6tti tilmamamuu barbadeeseera. Hojjettoonni balaa tasaa 40 poolisii magaalaa Finfinnee fi hawaasni naannoo waliin ta’uun qabeenya birrii miiliyoona 148tti tilmaamamu balaa ibiddaa kanarraa baraaru danda'uus himaniiru. Balaa kanaan hojjettoota balaa tasaa sadii fi namoota biroo 7 irraa miidhaan salphaa gahuu himaniiru. Haaluma walfakkatuun kaleessaa galgala sa'aatii 3:55 irratti Kutaama magaalaa Gullee aanaa 5 naannoo buufata Konkolaataa konkolaataa geejjiba ummataa qaxxaamura biyyaa irratti ka'een qabeenyi birrii miliyoona tokkootti tilmaamamu barbadaa'uu ibsameera. Akka daayreektarri hariiroo hawaasaa kun jedhanitti, hojjettoonni balaa tasaa sagal Poolisii Federaalaa Itoophiyaa fi hawaasni naannoo waliin ta’uun balaa ibiddaa kana dhaamsaniiru. Gama biraatiin kaleessa galgala sa'aatii 10:46tti magaalaa Buraayyuutti warshaa huccuu Chaayinaa Shufenia jedhamu keessatti balaa ibiddaa sababa elektirikiin mudateen qabeenyi Birrii kuma 300tti tilmaamamu barbadaa'uu himaniiru. Balaa ibiddaa kana dhaamsuuf carraaqqii guddaa taasifameen qabeenyi birrii miiliyoona 100tti tilmaamamu balaarra hambisuun danda'umuus himaniiru. Obbo Gululaat lammiileen fi dhaabbileen ergaa of eeggannoo komishinichi yeroo yeroon erguun balaa ibiddaa fi balaa tasaa ittisuuf sirnaan hojiirra oolchuu akka qaban dhaamaniiru. Hawaasni balaan akkasii yeroo mudatu sarara bilbilaa bilisaa 939 bilbili; Bilbila 0111555300 ykn 0111568601 bilbiluun beeksisuu akka danda'us hubachiisaniiru.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015