Tamsaasa Kallatti:

Tooftaawwan oomishtummaa qonnaa Itiyoophiyaa birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf bu'aa olaanaa galmeessisaa jiru

Onkoloolessa 18/2018(ENA)-Tooftaawwan oomishtummaa qonnaa Itoophiyaa birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf bu'aalee olaanoo galmeessisaa jiraachuu de’eetaan Ministira Tarsiimoo Biyyaalessaa Abbaas Mahaammad ibsan.


Yaa'iin Imaammata Qonnaa Ardii Afrikaa, Inistiitiyuutii Qorannoo Imaammataa Itiyoophiyaa fi Inistiitiyuutii Qorannoo Imaammata Nyaataa fi Qonnaa Afrikaa waliin ta’uun qophaa'e Finfinneetti gaggeeffamuu eegaleera.


Yaa'iin waggaa 13ffaan qooda fudhattoota ardii Afrikaa kun guyyaa har'aa dabalatee guyyoota sadiif kan turu yoo ta'u, mata duree “Dinagdee Nyaataa fi Qonnaa Dorgomaa Ijaaruu: Daandiiwwan Misooma Imaammataa, Daldalaa fi Industirii Afrikaa” jedhuun gaggeeffamaa jira.


Deetaan Ministara Tarsiimoo Biyyaalessaa, Abbaas Mahaammad, yaa'icharratti akka ibsanitti, misoomni qamadii jallisii bonaa Itiyoophiyaa fedhii fayyadama biyya keessaa guutuun, biyyattii qamadii alaa galchuu irraa gara of danda'uutti ceesisuu danda'eera.


Sagantaan Maaddii Guutuu oomishtummaa aannanii, lukkuu, damma, qurxummii, kuduraalee fi muduraalee guddisuun wabii nyaataa lammiilee mirkaneessuuf dandeettii guddaa uumuu ibsaniiru.


Duulli Sagantaa Ashaaraa Magariisaas eegumsa biyyee fi bishaanii cimsuun oomishtummaa qonnaa waaraa mirkaneessuuf gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuu himaniiru.


Tattaaffiin Itiyoophiyaan oomishtummaa qonnaa gama maraan guddisuuf taasisaa jirtu, Afrikaa qabeenyaa fi dandeettii qonnaa bal'aa qabdu gara oomishtummaa dorgomaa ta'etti jijjiiruun birmadummaa nyaataa ardichaa mirkaneessuun akka danda'amu kan agarsiisu ta'uu ibsaniiru.


Gara fuulduraattis, oomishtummaa qonnaa Afrikaa fooyyessuun sirna walitti hidhamiinsa gatii oomisha industirii jijjiirama qilleensaa dandamachuu danda'u diriirsuun barbaachisaa ta'uu hubachiisaniiru.


Gama biraatiin, Daarektarri Olaanaan Inistiitiyuutii Qorannoo Imaammataa Itiyoophiyaa, Fiqaaduu Tsaggaa, fooyya'iinsi imaammata qonnaa Itoophiyaa damee qonnaa gara sirna ammayyaa fi gabaan hoogganamutti ceesisuu ibsaniiru.


Keessumaa, maashinoota qonnaa gibira irraa bilisa ta'anii galchuu, gabaa dijitaalaa babal'isuu, misooma jallisii fi fooyya'iinsa sirna gabaa irratti hojiiwwan hojjetaman industiriiwwan oomisha qonnaa qindeessanii galtee itti dabalan guddisuu fi dargaggootaaf carraa hojii uumuuf gumaacha gaarii taasisaa jiraachuu himaniiru.


Biyyoonni Afrikaas tarsiimoowwan oomishtummaa qonnaa Itiyoophiyaa irraa muuxannoo fudhachuun, sirna guddinaa fi badhaadhina waloo mirkaneessu hordofuu akka qaban ibsniiru.


Walitti Qabaan Boordii Inistiitiyuutii Qorannoo Imaammata Nyaataa fi Qonnaa Afrikaa, Piroofeesar Andiruu Teemuu, gama isaanitiin, imaammattoonni qonnaa Afrikaa haala qabatamaa ardichaa irratti hundaa'uu akka qaban eeraniiru.


Sagantaan Misooma Qonnaa Afrikaa Waliigalaa fi waliigalteen Naannoo Daldala Walabaa Ardii Afrikaa (AfCFTA) guddina ardichaa saffisiisuuf bu'uuraalee ifa ta'an ta'uu himaniiru.


Daarektarri Olaanaan Inistiitiyuutii Qorannoo Imaammata Nyaataa fi Qonnaa Afrikaa, Dr Antoonii Chaapoottoo , sirna qonnaa fooyyessuuf qindoominni qooda fudhattoota damee qonnaa murteessaa ta'uu ibsaniiru.


Yaa'iin qooda fudhattootaa kun bu'aalee qorannoo fi yaadota furmaataa oomishtummaa qonnaa Afrikaa guddisuu danda'an waljijjiiruun, tarkaanfiiwwan imaammataa qabatamoo fudhachuuf carraa kan uumu ta'uu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015