Tamsaasa Kallatti:

Magaalaa Maqaleetti manneen barnootaa hundatti hojiin baruu fi barsiisuu eegalame

Onkoloolessa 16/2019 (ENA) Manneen barnootaa Bulchiinsa magaalaa Maqalee jalatti argaman hundatti hojiin baruu fi barsiisuu irra deebi’amee eegalameera.

Manneen barnootaa sababa garee seeraan alaa TPLFn addaan citee ture hojiin barnootaa deebi’ee eegalamuun isaa; barattoonni gara gabatee barnootaa isaaniitti akka deebi’anii fi hojiin barnootaa adda cite akka itti fufu ta’eera.


Magaalichaitti hojiin baruu fi barsiisuu har’a Onkoloolessa 16 bara 2019 irraa eegalee irra deebi’ee kan eegale yoo ta’u; kunis addaancitinsi barnoota irratti uumamee ture hambisuudhaan barattoonni barnoota isaanii akka itti fufan ni gargaara.

Hojiin barnootaa eegalamuun isaa magaalaa Maqalaatti dhaabbileen barnootaa tajaajila idilee isaaniitti deebi’uu isaanii mirkaneessuu fi itti fufinsa barnootaa barattootaaf tarkaanfii barbaachisaa ta’uunsaa ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015