Tamsaasa Kallatti:

Kantiibaa Adaanech Abeebee sagantaa qubsuma namaa mootummoota gamtoomanii waliin misooma waaraa Finfinnee cimsuuf walii galtee mallatteessan

Onkoloolessa 16/2019 (ENA) Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee sagantaa qubsuma namaa mootummoota gamtoomanii waliin misooma waaraa Finfinnee cimsuuf walii galtee mallatteessaniiru.

Waliigaltichi magaalaatti odeeffannoo walitti qabuu fi xiinxaluu, hordoffii bu’aalee misoomaa, qophii pilaanii caasaa 11ffaa, gatii madaalawaan mana dhiheessuu fi qophiilee magaalichatti COP32 waliin wal qabatan irratti kan xiyyeeffatedha.

Tumsi kun bulchiinsa magaalaa fooyyessuuf, carraalee invastimantii babal’isuu fi haala jireenya jiraattotaa cimsuuf kan gargaarudha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015