Tamsaasa Kallatti:

Taphni Arsenaal fi Nottingiham Forest, akkasumas Manchesteer yuunaayitidii fi Liidsi yuunaayitid Sagantaawwa hawwiin eegamanidha

Onkoloolessa 8/2019 (ENA) Taphoota torbee 7ffaa Piriimeer Liigii Ingilaandi guyyaa lammaffaa har'a taphooni afur ni gaggeeffamu.

Galgala sa'aatii 12 fi daqiiqaa 30 irratti Nottingiham Foresti Arsenal waliin Istaadiyeemii Siti Giraawundiitti ni taphatu.


 

Nottingiham Forest qabxii shan qabaachuudhaan sadarkaa 17ffaa irratti argama. Shaampiyooniin liigii yeroo ammaa Arsenal qabxii 15 dhaan sadarkaa lammaffaa irratti taa'eera.

Keessummeessaan Foresti taphoota liigii darban lamaanmoo injifatamuu dabarsaniiru. Sagantaan kun gara injifannoo deebi'uuf kan taasifamu dha.

Torbee ja'affaatti Leedsi United 2 fi 1 injifachuun gara injifannoo deebi'e Arsenaal deemsa injifannoo isaa itti fufuuf ni tapha.

Arsenaal yoo injifatan garagaraa qabxii Liigii durfamaa Manchester Siitii waliin qaban gara sadiitti gadi buusu.

Sagantaa biraa irratti Liidsi yuunited Manchester yuunaayitid waliin Istaadiyeemii ayilaandi Rooditti waaree booda sa'aatii 10 irratti tapha isaanii ni gaggeessu.

Keessummeessaan Leedsi qabxii sagal qabaachuudhaan sadarkaa 8ffaa irratti argama. Dorgomaan isaa Manchisteer Yuunaatid qabxii ja'aan sadarkaa 14ffaa irratti argama.

Liids yuunaayitid taphoota lamaan darban, Manchister yuunaayitid immoo sagantaawwan liigii afur darban injifachuu hin dandeenye.

Kilaboonni lamaan gara injifannoo deebi'uuf tapha taasisan dorgommii wal-madaalaa akka qabu ni eegama.

Sagantaawwan biroo irratti Birayitan Kiristaal Paalaas waliin, akkasumas Boornimaawuz Sanidar Laandi waliin walduraa duubaan waaree booda sa'aatii 10 irratti tapha isaanii ni taasisu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015