Afriikaan sirna teeknooloojii dijitaalaa ofiin to’achuu dandeessu ijaaruun birmadummaa teeknooloojii ishee mirkaneessuu qabdi - Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Afriikaan sirna teeknooloojii dijitaalaa ofiin to’achuu dandeessu ijaaruun birmadummaa teeknooloojii ishee mirkaneessuu qabdi - Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad
Onkololeessa 14/2019 (ENA)-Afriikaan dandeettii ishee walitti fiduun, sirna teeknooloojii dijitaalaa ofiin to’achuu dandeessu ijaaruun abbummaa teeknooloojii ishee mirkaneessuu qabdi jedhan Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad.
Itiyoophiyaan hulaa galaanaa argachuun ishee dhimma birmadummaa fi jireenya ummata miliyoona 130 ta’uu isaa ibsaniiru.
Sagantaan baniinsa waltajjii Foramii Xaanaa 12ffaa magaalaa Bahaar Daar qarqara haroo xaanaatti mata-duree “Karaa Nagaa Afriikaa Keessatti; birmadummaa dinagdee fi jijjiirama Jji’oo-siyaasaa” jedhuun eegalameera.
Afriikaa keessatti furmaata nageenyaa sadarkaa ardiitti maddisiisuun, birmadummaa dinagdee fi jijjiiramni ji’oo-siyaasaa ajandaawwan Foramii Xaanaa baranaa irratti xiyyeeffatudha.
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad yeroo kanatti, keessummoota Iiytoophiyaa, biyya seenaa durii qabduu fi Bahaar Daar, bakka madda Abbayyaa ta’etti argaman baga nagaan dhuftan jechuun simataniiru.
Foramiin Xaanaa nageenyaa fi tasgabbii Afriikaa irratti mari’achuuf waltajjii ardii Afriikaaf murteessaa ta’uu isaa ibsaniiru.
Rakkoolee Afriikaa keessatti umaman hunda to’achuun akka hin danda’amne ibsanii, dandeettii lammiileen rakkoolee dandamachuu cimsuun garuu dirqama keenya ta’uu hubachiisaniiru.
Nageenyaa fi misooma waaraa Afriikaa keessatti mirkaneessuuf, jalqaba nageenya lammiilee eeguun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Walitti bu’insa marii fi walii galteen hiikuuf aadaa gaarii horachuun nageenya waaraa mirkaneessuuf murteessaa ta’uu kan ibsan Ministirrri muummee, waltajjiin Foramiin Xaanaa marii qofaan osoo hin daangeffamiin tarkaanfii qabatamaa fudhachuu akka qabu dubbataniiru.
Afriikaan nageenya ishee ofiin murteessuu qabdi kan jedhan Ministirri muummeen, xiyyeeffannoon keenya ummata keenya irratti ta’uu qaba jechuun ibsaniiru.
Itiyoophiyaan nageenyaa fi misooma walitti hidhuun, hidha haaromsa guddicha xumuruudhaan humna elektirikii biyyoota ollaa isheefis dhiyeessaa jiraachuu dubbataniiru.
Dabalataanis, yeroo dhihoo keessatti warshaa qulqulleessa albuudaa banachuun albuuda Afriikaa qulqulleessuuf gumaacha akka taasisu ibsaniiru.
Afriikaan dandeettii ishee walitti fiduu akka qabdu kan hubachiisan Ministirri muummeen, sirna teeknooloojii dijitaalaa ofiin to’achuu dandeenyu ijaaruun abbummaa teeknooloojii keenya mirkaneessuu qabna jedhaniiru.
Itiyoophiyaan Yunivarsiitii Nam-tolchee (AI) Ida’amuu ijaaruu irratti argamuu ishee kan ibsan Ministirri muummee, Yuunivarsiitichi Afriikaanota dabalatee namoota hedduu hirmaachisuu akka danda’u dubbataniiru.
Itiyoophiyaan hulaa galaanaa argachuun ishee dhimma abbummaa biyyaalessaa fi jireenya ummata miliyoona 130 ta’uu isaa irra deebi’anii ibsaniiru.
Itiyoophiyaan biyyoota ollaa waliin ta’uun hojjechaa jiraachuu kan eeran Ministirri muummee, naannoon Daldala Bilisaa Ardii Afriikaa hojiirra ooluu akka qabu hubachiisaniiru.
Itiyoophiyaan sagantaa Ashaaraa Magariisaa (Green Legacy Initiative) jalatti biqiltuuwwan biliyoona hedduutti lakkaa’aman dhaabuu ishee kan ibsan Muummeen Ministiraa, misoomni karaa nagaa isa ijoo ta’uu dubbataniiru.