Tamsaasa Kallatti:

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad pirezidaanti Vilaadmiir Putiin waliin mari’atan

Onkoloolessa 19/2019(ENA) - Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad pirezidaanti Ruusiyaa Vilaadmiir Putiin waliin mari’ataniiru.

Ministirri muummee ergaa miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin Pirezidaanti Vilaadmiir Putiin waliin hariiroo Itiyoophiyaa fi Ruusiyaa jidduu jiru caalaatti cimsuun haala danda’amurratti marii gamlamee gaggeesseera jedhaniiru.

Mariin isaaniis tumsa gama anniisaa Nuukileeraa, fayyaa fi daldalaan jiru akkasumas dhimmoota gamlamee fi gama hedduu fedhii waloorratti hundaa’e kan of keessaa qabu akka ture ibsaniiru.

Dabalataanis mariif, walii galtee waloo fi guddina itti fufiinsaa hariiroo Itiyoo-Ruusiyaaf kutannoo waloo qabnu kan agarsiisu kitaaba koo Ida’amuu kan afaan Ruusiyaan maxxanfame Pirezidaant Putiniif gumaacheera jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015