Tamsaasa Kallatti:

kitaabni Ida’amuu gara afaan Raashiyaatti hiikame

Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Kitaaba Ida’amuu afaan Raashiyaatti hiikamee dubbistootaaf dhiyaate irratti argamuun ergaa dabarsaniir. Kitaabni kuni dubbistootaaf dhiyaachuu isaas karaa fuula miidiyaa hawaasaa isaaniin ibsaniiru. Ergaan isaanii akka itti aanutti dhiyaateera.


 

Har’a kitaabni Ida’amuu gara afaan Raashiyaatti hiikamee dubbistootaaf dhiyaateera.

Sagantaa eebba kitaabaa irratti qaamaan argamuun gammachuu guddaan natti dhagahameera.

Bu’aan seena qabeessa kun falaasamni Ida’amuu beekumsa dhalootaan Itoophiyaa keessaa bahee amma daangaa ce’ee addunyaa guutuutti babal’achaa akka jiru ragaa jiraataadha.

Yeroo darbe kitaabni kun afaanota biyya keessaatiin alatti gara Ingiliffaa, Chaayinaa fi Arabiitti hiikamee dubbistoota bal’aa bira ga’uu isaa ni yaadatama. Amma garuu yaadni Itoophiyaa daangaa ce’ee balbala lammiilee Raashiyaa bal’aa bira ga’uun isaa, qaqqabummaa addunyaa fi hiika dippilomaasii falaasama kanaa daran guddiseera.

Tarkaanfiin kun falaasamni, duudhaalee fi yaadni ida’amuu Itoophiyaan ala ummatoota biroo bira ga’uuf carraa haaraa uumuu qofa osoo hin taane, Itoophiyaan yaada bilchaataa mataa ishee addunyaaf gumaachuu qabdu ta’uu qabatamaan kan agarsiisudha. Akkuma Raashiyaan lammiilee Itoophiyaa hedduudhaaf lafa ogbarruu fi beekumsaa taatee tajaajilaa turte, amma yaadni Itoophiyaa afaan Raashiyaatiin dubbistoota Raashiyaa bira gahuun waljijjiirraa beekumsaati.

Tattaaffii fi of kennuu ogeeyyiin miidiyaa fi hoggantoota dhaabbata ‘Russia Today’ (RT) milkaa’ina kana taasisaniifi qophii kitaabichaaf gumaacha guddaa godhan baay’een dinqisiifadha.

Boqonnaan seenaa haaraan kun beekumsa, aadaa fi falaasama dhalootaan Itoophiyaa badhaadhaa ta’e waltajjii idil-addunyaa irratti daran guddisuu fi riqicha aadaa fi sammuu cimaa ummatoota gidduutti ijaaruu keessatti gahee olaanaa qaba.

#Mootummaa Ida’amuu

#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa

Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015