Tattaaffiin misoomaa Itiyoophyaatti hojjetamaa jiranii fi milkaa’inni galmaa’aa jiru kan raajeffatamudha-Ambaasaaddar Niikolaas Siimard - ENA Afaan Oromoo
Tattaaffiin misoomaa Itiyoophyaatti hojjetamaa jiranii fi milkaa’inni galmaa’aa jiru kan raajeffatamudha-Ambaasaaddar Niikolaas Siimard
Onkoloolessa 17/2019 (ENA)- Tattaaffiin misoomaa Itiyoophyaatti hojjetamaa jiranii fi milkaa’inni galmaa’aa jiru kan raajeffatamudha jedhan Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Kaanaadaa Niikolaas Siimard.
Hariiroon gam-lamee fi dameewwan garaagaraan Itiyoophiyaa fi Kaanaadaa qaban cimee kan itti fufu ta’uu Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Kaanaadaa Niikoolaas Siimaard ibsan
Tattaaffiin misoomaa gama maraan Itiyoophiyaa keessatti taasifamaa jiruu fi bu’aaleen galmaa’aa jiran dinqisiisoo ta’uu Ambaasaaddarichi himaniiru.
Ambaasaaddar Niikolaas Siimaard tattaaffiiwwan misoomaa Itiyoophiyaa fi bu’aalee galmaa’aa jiran ilaalchisuun yaada kennaniin, guddinni magaalotaa biyyattii keessatti mul’achaa jiru kan nama dinqisiisu ta’uu ibsaniiru.
Keessumaa, dhihenya kana kan dawwaataan magaalaa Finfinnee fi Magaalaa Hawaasaatti guddinnii fi ammayyummaan magaalota keessatti mul’achaa jiru isaan argan kan nama dinqisiisu ta’uu himaniiru.
Ijaarsa bu’uuraalee misoomaatiin alattis, tattaaffiiwwan dameewwan misoomaa biroo keessatti eegalaman guddina biyyattiif jalqabbii gaarii ta’uu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan misooma bunaa dabalatee damee qonnaa keessatti carraa misoomaa guddaa akka qabdu eeruun, tattaaffiiwwan misoomaa gama maraan taasifamaa jiranii fi bu’aaleen galmaa’aa jiran abdii guddaa kan namatti horan ta’uu himaniiru.
Ambaasaaddarichi ; Kaanaadaa fi Itiyoophiyaan hariiroo fi tumsa cimaa waggoota 60 lakkoofsise qabaachuu ibsanii; gara fuulduraattis dameewwan qonnaa, invastimantii fi kanneen biroo irratti walitti dhiheenyaan hojjechuun akka itti fufu eeraniiru.
Itiyoophiyaa fi Kaanaadaa gidduu hariiroon dippilomaasii, dinagdee fi ummattoota biyyoota lamaanii jidduu jiru cimaa fi waggoota dheeraa lakkoofsise jiraachuu odeeffannoon ni mul’isa.