Tamsaasa Kallatti:

Bulchiinsa magaalaa Adaamaatti lafa hektaara kuma 24 fi 900 rooba gannaan misoome irraa midhaan dhibbantaa 90 walitti qabameera

Onkoloolessa 18/2019 (ENA)- Naannoo Oromiyaa bulchiinsa magaalaa Adaamaatti lafa hektaara kuma 24 fi 900 rooba gannaan misoome rooba yeroo malee jalaa baasuuf midhaan dhibbantaa 90 duulaan walitti qabamuu waajjirri qonnaa bulchiinsichaa beeksise.

Itti gaafatamaan waajjirichaa obbo Alamuu Qilxuu har’a ENA’f akka ibsanitti, bara oomishaa 2018/19 bulchiinsa magaalichaatti lafa hektaara kuma 24 fi 900 irra sanyiin garagaraan facaafameera.

Midhaan kana rooba yeroo malee jalaa baasuuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Duula Kanaan kombaayinaroota 15 dabalatee barattootaa fi qaamolee nageenyaa akkasumas tola ooltota hirmaachisuun midhaan dhibbantoaa 90 walitti qabamuu dubbataniiru.

Qonnaan bultoonni gareewwan misoomaa fi gurmaa’insatti gargaaramuun daboodhaan walitti qabachaa akka jiran himaniiru.

Kan osoo walitti hin qabamiin hafe kutaalee hawaasaa garagaraa hirmaachisuun amma torban dhufuutti xumuruuf hojjetamaa akka jiru beeksisaniiru.

Boqqoolloo, Qamadii, Xaafii fi midhaan biroo qisaasama irraa oolchuuf maashinaroota xixiqqaa fi kombaayinaroonni gahaan hojiirra oolfamuu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015