Tamsaasa Kallatti:

Pirojektii misooma maneen miiliyoona 1 tuqaa 5 qaama labsii Gubaa ta’e milkeessuuf sadarkaa danda’amurra gahameera

Onkoloolessa 18/2019 (ENA)- Pirojektii misooma maneen miiliyoona 1 tuqaa 5 qaama labsii Gubaa ta’e milkeessuuf sadarkaa danda’amurra gahamuusaa ministirri magaalaa fi bu’ura misoomaa Injiinar Mahaammad Abdurahmaan ibsan.


Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad Qaam’ee 4 bara 2017 hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa eebbifamuusaa erga ifoomsanii booda, waggoottan muraasa itti aananitti pirojektoota gurguddoo doolaara biiliyoona 30’n ijaaraman ifoomsaniiru.

Pirojektoonni Gubaarratti ifooman Itiyoophiyaa cabiinsa dinagdee keessaa baasuun gara badhaadhina hunda galeessaatti kan ceesisanidha.


Pirojektoonni kun madda nuukilaaraa, warshaa Xaa’oo, buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu, bakka gaaziin uumamaa itti oomishamu, calaltuu boba’aa fi misooma manneeniiti.


Ministirri magaalaa fi bu’ura misoomaa injinar Mahaammad Abdurahmaan ENA’tti akka himanitti, mootummaan ida’amuu waggoottam muraasa dura hojiileen misooma magaalotaa fi ijaara maneen jireenyaatiin hojjete fayyadama walii galaa lammiilee kan mirkaneessanidha.


Keessumaa Teeknooloojii fi tooftaaleen hojmaataa haaraan ijaarsa manneenii irratti hojiirra oolan qama labsii Gubaa kan ta’e pirojektiin misooma manneenii miiliyoona 1 tuqaa 5 muuxannoon guddaan kan irraa argame ta’uu ibsaniiru.

Pirojekticha dhugoomsuuf gama faayinaansii, humna namaa, teeknooloojii fi hojiilee qophii bal’aa kana fakkaatan hojjetamuusaanii eeraniiru.


Mootummaan ida’amuu fedhii dhiheessii manaa guutuuf hojiileen bu’a qabeessi hojjete keessaa hojiileen dame dhuunfaa waliin hojjetaman qooda guddaa akka qaban dabalanii ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015