Tamsaasa Kallatti:

Gaaffiin mirga abbummaa hulaa galaanaa Itoophiyaa guddina waloofi nageenya naannichaaf murteessaadha - Ministirri Muummee duraanii Haayilamaariyaam Dassaalanyi

Onkololessa 18/2019 (ENA): Gaaffiin mirga abbummaa hulaa galaanaa Itoophiyaa guddina waloofi nageenya naannichaaf murteessaa waan ta’eef biyyoonni olla naannichaa mariif wal hubannaaf taa’uu qabu jedhan Ministirri mummee duraanii Hayilamaariyaam Dassaalanyi.

Itoophiyaa fi Galaanni Diimaan adda bahanii jiraachuu hin danda’ani; galaanni Diimaan bu’uura jiraachuu lammiilee Itoophiyaati.

Galaanni Diimaan qabeenya uumamaa Itoophiyaa, bu’uura daldalaa fi qaroomina akka ta’es seenaan, teessuma lafaa, aadaa fi seerri ni mirkaneessa.

Ministirri Muummee Itiyoophiyaa duraanii Haayilamaariyaam Dassaalany ENAtti akka himanitti,Itoophiyaan biyya galaanaan hin marfamne, bal'ina lafaa bal'aa, baay'ina ummataa miliyoona 130 fi guddina dinagdee ariifataa qabdudha jedhani.

Itoophiyaan galaana irraa km 60 fagaattee argamtus, karri galaanaa itti cufamuun sirrii akka hin taane dubbatan.

Shirri Itoophiyaa hulaa gala irraa fageessuu akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 1880moota keessa yeroo Awurooppaanonni Afrikaa weeraruuf qabatan akka ta’e yaadachiisuun, gaaffiin hulaa galaanaa Itoophiyaa yoo deebii sirrii hin arganne dhalootaa dhalootatti darbuun isaa waan hin oolledha jedhan.

Gaaffiin hulaa galaanaa Itoophiyaa sirrii ta’uu ibsuun Hayilamariyaam Dassaalayni, akkaataa ittiin deebii sirrii argannu irratti qaamni hunduu tumsuu qaba jedhaniiru.

Biyyoonni ollaas gaaffiin abbummaa hulaa galaanaa Itoophiyaa waliin guddachuu, nagaa fi tasgabbii eegsisuu, waan fooyya’aa dhaloota dhufuuf dabarsuu fi tasgabbiidhaan fi mariin taa’uu akka ta’e hubataniiru.

#Mootummaa Ida’amuu

#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa

Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015