Tamsaasa Kallatti:

Dhaabbanni qorannoo Qonna qulumsaa bu’aa qabeessummaa fi oomishtummaa qamadii dabaluuf qorannoo teekinooloojiin deeggarame gaggeessaa jira

Onkoloolessa 10/2019 (ENA) Dhaabbanni qorannoo Qonnaa Qulumsaa bu'aa qabeessummaa fi oomishtummaa qamadii mirkaneessuuf tattaaffii taasifamu teeknoolojiiwwan haaraa qorannoodhaan maddisiisuun deeggaraa akka jiru beeksise.

Guyyaan Daawwannaan misooma qamadii biyyaalessaa Godina Baha Oromiyaa Aanaa Xiyyoo fi Giddu-gala Qorannoo Qulumsaatti gaggeeffameera.

Daayirektarri Giddu-gala Qorannoo Qonnaa Qulumsaa Obbo Shimallis Alamaayyoo akka ibsanitti, giddu-galichi sanyii qamadii jalqabaa dhibbeentaa 80 ol ta’u lafa qorannoo isaa fi ooyruu qonnaan bultootaa irratti baay'isaa jira.

Akka Obbo Shimallis jedhanitti, giddu-galichi sanyii baay’isuu malees, Sanyii qamadii ilbiisota oomishtummaa qamadii hir'isuu danda'an dandamachuu danda'an sanyii baay'isuu irratti hojjechaa jira.


 

Dabalataanis, sanyiiwwan qamadii hongee fi ho’a dandamachuun ooomisha gaarii kennan baay’isuudhaan qonnaan bultootaa fi horsiise bultootaaf bal'inaan geechisaa jiraachuu eeranii; kanaafis qamadii jallisii bonaa fi sanyiiwwan qamadii naannoo gammoojjii giddu-gala kana irraa qorannoodhaan kan bahan ta’uu ibsaniiru.

Kaniinis, biyya keenyatti oomishtummaa qamadii dabaluu irratti shoora olaanaa taphachaa akka jiran ibsuun sanyii qamadii ka’umsaa kuntaala kuma shanii ol baay'isuun waggaa waggaadhaan dhaabbilee oomishtootaa fi fayyadamtootaaf dhiyeessaa jiraachuu ibsaaniiru.

Keessattuu dandeettia ogeessota qamadii cimsuu irratti hojjechaa akka jiran kan ibsan Obbo Shimallis, kanaafis hojiiwwan hedduun raawwatamaa jiraachuu eeraniiru.

Bu’aa oomishtummaa fi qorannoo qamadii irratti dhufeef kutannoon mootummaa fi hordoffiin akkasumas deeggarsi hoggansaa itti fufinsa qabu shoora guddaa qabaachuu ibsaniiru.

Inistitiyuutii Qorannoo Qonnaa Itoophiyaatti Daayirektarri bakka bu’aan daarektara Misooma Misooma midhaanii Dr.Fiqaaduu Gurmuu akka ibsanitti, inistitiyuutichi misooma qamadii irratti teeknoolojiiwwan haaraa hojii irratti akka oolan qooda fudhattootaaf dhaqqabsiisuun omishtummaa irratti jijiiramni qabatamaan akka dhufu qooda isaa bahachaa jiraachuu dubbataniiru.


Keessattuu jallisii bonaa fi naannoolee gammoojjii biyyattii keessatti qamadiin jallisiidhaan bal'inaan akka oomishamu gochuun oomisha qamadiitiin of danda'uu keenya irratti shoora guddaa taphachaa akka jiran ibsaniiru.

Teeknoolojii maddisiisuu fi babal'isuun, keessattuu sanyiiwwan qamadii jalqabaa bal'inaan baay'isuu fi gahaa gochuudhaan guddina oomishtummaa qamadii irratti bu’aa qabatamaan akka dhufu gumaacha bahaa jiru caalaatti cimsuudhaaf kaayyeffatee guyyaan daawwannaa biyyaalessaa gaggeeffamuu eeraniiru.

Itti dabaluudhaanis, dhaabbileen qorannoo, yunivarsiitiiwwanii fi qooda fudhattoonni hedduun shoora guddaa qabaachuu isaanii ibsaniiru.

Daawwannaa kana irratti hoggantoonni damichaa, qorattoonni, bakka bu'oota Yunivarsiitii, Qonnaan Bultoonni fi qooda fudhattoonni biroos hirmaataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015