Tamsaasa Kallatti:

Nageenyi milkaa’ina hundaaf bu’uuradha

Onkololessa 18/2019(ENA): Nageenyi milkaa’ina hundaaf bu'uura ta’uu himame.

Godina Giddugaleessa Oromiyaatti gamaaggamni raawwii hojii nageenyaa qaamolee nageenyaa waliin gaggeeffame.


 

Itti Aanaan Waajjira Nagaa Godinichaa Obbo Girmaa Warqinaa, nageenya waaraa mirkaneessuu fi misooma itti fufiinsa qabu fiduuf qaamoleen nageenyaa xiyyeeffannoo fi qindoominaan hojjechuu akka qaban ibsaniiru.

Qajeelchi Olaanaa Ittisaa Yakkaa Godinichaa Komaandar Tolasaa Malkaas, misoomni nageenya malee galma gahuu akka hin dandeenye ibsuun, hawaasnii fi qaamoleen nageenyaa tokkummaa fi qindoominaan hojjechuu akka qaban dhaamaniiru jechuun waajjirri komunikeeshinii Godinichaa beeksiseera.

#Mootummaa Ida’amuu

#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa

Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015