Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaan koree fannoo diimaa idil addunyaa waliin tumsa qabdu cimsuuf qophiidha

Onkoloolessa 16/2019 (ENA)- Itiyoophiyaan koree fannoo diimaa idil addunyaa waliin tumsa dhimmoota namoomaarratti qabdu cimsuuf qophii ta’uushee pirezidaanti Taayyee Atsqasillaasee ibsan.

Pirezidaanti Taayyee Atsqasillaasee daarektara koree naannoo Afriikaa Mamaduu Sowu fi jilasaanii waliin mari’ataniiru.

Itiyoophiyaan koree fannoo diimaa idil addunyaa waliin tumsa yeroo dheeraa qabduuf iddoo guddaa akka kennitupirezidaantichi ibsaniiru.

Itiyoophiyaan dhimmoota namoomaarratti koricha waliin tumsa qabdu cimsitee akka itti fuftu mirkaneessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015