Yuunivarsiitiin Finfinnee Hayyoota 10’f guddina sadarkaa piroofeesarummaa guutuu mirkaneesse - ENA Afaan Oromoo
Yuunivarsiitiin Finfinnee Hayyoota 10’f guddina sadarkaa piroofeesarummaa guutuu mirkaneesse
Onkoloolessa 13/2019(ENA) Boordiin Bulchiinsaa Yuunivarsiitii Finfinnee guddina sadarkaa piroofeesarummaa guutuu mirkaneesseera.
Boordichi murtoo kana kan dabarse walga'ii kaleessa gaggeessaniini.
Guddinni sadarkaa kun bu'aalee fi gumaacha ol'aanaa hayyoonni kunniin barnoota fi tajaajila akadaamii, qorannoo fi tajaajila hawaasummaa irratti galmeessan irratti hundaa'uun kan kenname ta'uu yuunivarsiitichi beeksiseera.
Bu’uuruma Kanaan:
Dr.Abrahaam GabreeTekkaaleenyi – Istiraakcharaal Injiinaringiin,
Dr.Adaanee Bitaw Tagnyi– Medikaal Maayikiroobaayoolojiitiin,
Dr. Adeey Felleqee Dastaa–Invaayiroonmentaal Maayikiroobaayoolojiin,
Dr. Dassaaleny Yaayyeehii Ayyaal – Diizaaster riski manaajimantiin,
Dr. Haayileli'uul Nugusee Dubbaalee – Veeterinaarii Eepideemiyaalojii
Dr. Kaasaa Mikaa'el W/Yesuus – Barnoota Herregaa
Dr. Salamoon Gannet Gabree – Baayyookeemistrii
Dr. Salamoon Ara'aayaa Kaasaa – Barnoota Waliigalaa (General Education)
Dr. Yaregaal Assaabee Laaqee – Arfiishaala Intaallajensii
Dr. Yedilfaanaa Sexxe'argee Mekonnin – Fiizikaal Keemistrii (Physical Chemistry)
Milkaa'inni kun gumaacha yuunivarsiitichi fooyyinsa akkadaamii, qorannoo fi kalaqa haaraa akkasumas tajaajila hawaasaaf kennaa jiruus fi kanaan dura kennees kan agarsiisu ta'uun ibsameera.
Yuunivarsiitiin Finfinnee hayyoota sadarkaa ol'aanaa akkadaamiikii kanaaf ga’aniif baga gammaddan jechuun, fuulduraafis milkaa'ina akkadaamii, qorannoo fi tajaajila jalqabame kana cimsuun akka itti fufsiistan waamicha dhiyeesseera