Yaa’iin Ruusiyaa-Afriikaa 3ffaan har’aa fi boru Mooskootti gaggeeffama - ENA Afaan Oromoo
Yaa’iin Ruusiyaa-Afriikaa 3ffaan har’aa fi boru Mooskootti gaggeeffama
Onkoloolessa 18/2019(ENA)-Hoggantoonni biyyaa fi imaammata baaftonni dinagdee, invastimantii fi tumsa namoomaa dabalatee dhimmoota ijoorratti kan mari’atan yaa’iin Ruusiyaa-Afriikaa har’aa fi boru Mooskootti gaggeeffama.
Hirmaattonni biyyoota Afriikaa 46 irraa walitti dhufan 200 ol kan argaman yoo ta’u, wal gahiin gam lame fi gama hedduu ni gaggeeffamu jedhameetu eegama.
Kana malees bakka bu’oonni miidiyaalee Afriikaa walii galteewwan hedduu ni mallatteessu.
Waltajjichi tumsa siyaasaa dinagdee, teeknooloojii fi nageenyaa biyyoota Ruusiyaa fi Afriikaa jidduu jiru cimsuuf kan gaggeeffamudha.
Tumsi dijitaal teeknooloojii, hubannoo nam-tolchee, wabii nyaataa, daldalaa fi inarjii yaa’ii kanarratti ajandaawwan ijoo ni ta’u jedhameetu eegama.
Dubbii himaan ministeera dhimma alaa Maariyaa Zakaroovaa kaleessa ibsa kennaniin, biyyisaanii yaa’ii Kanaan dinagdee dabalatee dhimmoota ijoo biroorratti akka xiyyeeffattu ibsanii, kanaafis qophii barbaachisu taasisuushee dubbataniiru.
Akkasumas tumsa daldalaa fi invastimantii babal’isuuf fedhii waloon qabnu kan ittiin calaqqisiifnu ta’a jechuun eeraniiru.