Tamsaasa Kallatti:

Carraan egeree Afriikaa yeroon inni garee biyyoota muraasaan itti murtaa’u dhumateera-Pirezidaant Vilaadmiir Putiin

Onkoloolessa 18/2019 (ENA)- Carraan egeree Afriikaa yeroon inni garee biyyoota muraasaan itti murtaa’u dhumateera jechuun ibsan Pirezidaantiin Ruusiyaa Vilaadmiir Putiin.

Yaa’iin Ruusiyaa-Afriikaa 3ffaan har’a magaalaa Mooskootti yoo jalqabamu Pirezidaantiin Ruusiyaa Vilaadmiir Putiin haasawaan bananiiru.

Pirezidaant Puutiin haasaa taasisaniin hariiroon dippilomaasii Ruusiyaan Afriikaa waliin qabdu seena qabeessa, birmadummaa biyyaa kan kabaje, itti fayyadama waloo, obbolummaa fi wal kabajarratti kan hundaa’edha jedhan.

Tumsi kun cimaa kan deemu ta’uus eeraniru.

Guddinni baay’ina ummataa Afriikaan agarsiisaa jirtuu fi dinagdeen ariifataan dinagdee addunyaa keessatti shoora qabdu akka guddisu dubbataniiru.

Biyyoota addunyaarraa guddina dinagdee ariifataa agarsiisaa jiran 20 keessaa 12 Afriikaa keessatti kan argaman ta’uun kanaaf agarsiiftuudha jedhaniiru.

Afriikaan nyaataan akka of dandeessu Ruusiyaan gama teeknooloojiin, ijaarsa bu’ura misoomaa si’achiisuuf, sagantaawwan qonnaa sadarkaa Ardii Afriikaan gargaaruuf qophiidha jedhan.

Kun ammoo afriikaan wabii nyaataa akka mirkaneeffattuu fi fedhiisheerra darbee oomisha ishee gara biyyoota birootti erguu akka dandeessu kan gargaarudha.

Afriikaa “ardii egeree” jechuun kan ibsan pirezidaant Putiin, dhiibbaan sirna idil addunyaa keessatti qabaattu caalaatti akka guddatu ibsaniiru.

Kanaaf biyyoonni adeemsa ilaalcha gita bittaa waliin wal qabatu hordofan dhorkaawwan seera hin qabne, dhiibbaa dinagdee, waraana taarifaa fi sodaachisuu tti fayyadamuun Afriikaanota maxxantummaa idaatti deebisuuf yaalaa akka jiran eeraniiru.

Afriikaan birmadummaa guutuu kabachiisuufii kan gargaaran keessumaa akkaataa kaffaltii haaraa, hordofuu qabdi kan jedhan yoo ta’u, Ruusiyaan deeggarsa teeknooloojii gochuuf qophoofteetti jedhan.

Barri carraan Afriikaa egeree garee biyyoota muraasaan itti murteeffamu dhumachuusaa kan eeran putiin, sirna idil addunyaa keessatti wiirtuuwwan humna haaraa uumamaa akka jiran eeraniiru.

Isaan keessaa gareen biyyoota miseensota ‘BRICS’ bakka barbaachisaa akka qabu dubbataniiru.

Guddinni dinagdee biyyoota miseensa ‘BRICS’ waggoottan shaman darban qofa dhibbantaa 40 ta’uu ibsanii, kunis guddina dinagdee biyyoota miseensa garee 7 dhibbantaa 10 akka caalu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015