Itiyoophiyaan Jeettiiwwan waraanaa SU-35 dhaloota 4ffaa++ Ruusiyaa harkaa fudhatte - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan Jeettiiwwan waraanaa SU-35 dhaloota 4ffaa++ Ruusiyaa harkaa fudhatte
Onkoloolessa 18 /2019 (ENA)- Itiyoophiyaan Jeettiiwwan waraanaa SU-35 dhaloota 4ffaa++ (Su-35 4++ Generation) Ruusiyaa harkaa fudhachuushee ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan.
Ministirri muummee ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaaniirratti dabarsaniin, tattaaffiin hunda galeessa nagaa fi tasgabbii fulla’insaan mirkaneessuuf tasifnu har’a boqonnaa haaraarra gaheera jedhan.
Itiyoophiyaan raayyaa ittisaatiin qophii taasisaa jirtu dandeettii haleellaa dursanii ittisuuf ishee dandeessisu ishee gonfachiisaa jira.
Akkaataa walii galtee Ruusiyaa waliin Kanaan dura irra geenyeen, har’a jeettii waraanaa suu-35 dhaloota 4ffaa++ (Su-35 4++ Generation) kudha lama harkatti galfanneerra. Dabalataanis Itiyoophiyaan baatirii sirna ittisa qilleensaa S-400 harkatti galfatti.
Qophaa’ummaan Itiyoophiyaan humna ittisaan taasisaa jirtu haleellaa dursanii hambisuuf humna ishee dandeessisu ishee gonfachiisaa akka jiru ibsaniiru.
Akkaataa walii galtee Ruusiyaa waliin Kanaan dura irra geenyeen, har’a jeettii waraanaa suu-35 dhaloota 4ffaa++ (Su-35 4++ Generation) kudha lama harkatti galfanneerra jedhaniiru.
Dabalataanis Itiyoophiyaan baatirii sirna ittisa qilleensaa S-400 afura harkatti ni galfatti jedhan.
Ministirri muummee ergaasaaniin, michuun koo pirezidaantiin Ruusiyaa Vilaadmiir Putiin walii galtee keenya wagga tokko dura xiyyaarota waraanaa kana akka harkatti galfannu tattaaffii taasisaniif galanni isaaniif mala jedhaniiru.
Jeettiiwwan waraanaa kana hidhachuun Itiyoophiyaan biyyoota Afriikaa Sahaaraan gadiirraa kan jalqabaati jechuun ibsaniiru.
Milkaa’inni seena-qabeessi kun birmadummaa biyya keenyaa caalaatti kan cimsu yoo ta’u, fuulduras nageenya waloo keenyaa fi tasgabbii naannoo mirkaneessuuf imala itti jirru garaa guutuun akka itti fufnu humna guddaa ta’a jedhaniiru.