Tamsaasa Kallatti:

Magaalaa Ambootti bulchiinsi lafaa tajaajila dijitaalaan deeggaramee kennuunsaa tajaajila si’ataa akka argannu nu gardaareera

Onkoloolessa 13/2019 (ENA)- Naannoo Oromiyaa magaalaa Ambootti bulchiinsi lafaa tajaajila dijitaalaan deeggaramee kennuunsaa tajaajila si’ataa akka argannu nu gardaareera jechuun dubbatan tajaajilamtoonni.

Riippoortarri ENA biiroo bulchiinsa lafaa magaala Ambootti argamuun kenniinsa tajaajilaa ilaalchisuun tajaajilamtoota dubbiseera.

Tajaajilamtoonni guyyaa kana tajaajila argachuuf dhufan kenniinsi tajaajilaa dijitaalaan erga ta’ee booda tajaajila si’ataa fi ariifataa argachaa jirra jedhaniiru.

Isaan keessaa obbo Xibabee Yimaanee yaada kennaniin Kanaan dura dhimmoota mana jireenyaan wal qabatan raawwachiifachuuf torban lamaa fi sadii fudhachaa akka ture yaadachiisanii, amma yeroo gabaabaatti tajaajilamaa jirra jedhaniiru.

Kenniinsi tajaajila dijitaalaa eegalame kun yeroo fi humna akkasumas hojmaata gaarii maallaqa qusatu ta’uu dubbataniiru.

Obbo Biraanuu Tasfaayee, kaartaa lafaa argachuuf gara waajjirichaa dhufuusaanii ibsanii, battalatti keessummeeffamuusaanii dubbataniiru.

Kanaan dura tajaajila akkasii argachuuf nuffidiidaa akka ture yaadachiisanii, amma garuu hojmaanni ammayyaa fi si’ataa diriifamuusaa galateeffataniiru.

Magaalaa Ambootti tajaajila galmee kaadaastaraa bulchiinsa lafaa argachuuf kan dhufan adde Wayinisheet Atoomsaa tajaajilli teeknooloojiin deeggarame kun bu’aa bayii Kanaan dura ture hambiseera jedhan.

Ogeeyyota tajaajilaa jiran galateeffatanii tajaajilli akkasii cimee itti fufuu qaba jedhan.

Bulchiinsa lafaa magaalaa Ambootti ogeessi galmeessa kaadaastaraa Malkaa Araggaa, sirni kaadaastaraa kun qabeenya lafa magaalichaa sirnaan bulchuurra darbee tajaajilamtootaa haala mijataa uumuusaa ibsaniiru.

Bulchiinsa magaalaa Ambootti namoonni kuma 11 ol  sirna ammayyaan galmeeffamanii kaartaa lafaa fudhachuusaanii ragaaleen ni eeru. See less

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015