Angafoota Oduu
Biyyi omishtee nyaachuu hin dandeenye Faayidaa Biyyoolessaa ishee Mirkaneessuuf ni rakkatti  jechuun wabii nyaataa mirkaneessuuf galma qabannee hojjenneera-Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad
Jul 3, 2025 0
Waxabajjii 26/2017(TOI)-Biyyi omishtee nyaachuu hin dandeenye Faayidaa Biyyoolessaa ishee Mirkaneessuuf ni rakkatti jechuun birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf galma qabannee hojjenneera jechuun Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad ibsan. Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad Qonna ilaachisuun gaaffiiwwan Miseensota Manamareeraa gaafatamaniif deebii fi ibsa kennaniiru. Ibsa isaaniin Qonni Utubaa Dinagdee Itiyoophiya ta’uusaa fi bu’uura galii daldala Al-Ergee keenyaati jedhaniru. Ministirri Muummee Qonni uummanni Itiyoophiyaa hedduun kallattii fi al-kallattiin kan keessatti hirmaatan waan ta’eef bakki guddaan akka kennamuuf godha jedhaniiru. Qonni bara kana dhibbenta 6 tuqaa1 guddina akka fidu karoorfamuu ibsuun, Dameen Qonnaa Dameewwan biroo irra xiyyeeffannoo addaa kan argate, Itiyoophiyaan Birmadhumaa Soorataaa argachuu qabdi, biyyi omishtee nyaacuu hin dandeenye faayidaa biyyoolessa ishee mirkaneessuuf ni rakkatti jechuun Birmadummaa Nyataa Mirkaneessuuf galma qabannee hojjenneera jedhaniiru. Waggoottan muraasa darban Lammiileen Miiliyoona 27 seeftineetiin qabamamii turan , namoota kana seeftineetiirraa ceessisuuf hojjechaa turreerra jedhan. Kanaanis, Itophiyaanota hedduu bara dheeraaf seeftineetiin bulaa turan gara ofiin of danda’uutti ce’aniiru jedhaniiru. Ministirri Muummee itti dabaluun lammiileen Itiyoophiyaa Miiliyoona 23 gargaarsa seeftineetii irraa bilisa bahaniiru jechuun dubbataniiru. Kunis agarsiistuu Bayyanachuu Itiyoophiyaa waan ta’eef itti boonuu qabna kan jedhan Ministirri Muummee, gargaaramtoota seeftineetii Miiliyeena 4 hafan bilisa baasuun Itiyoophiyaa guutummaa guutuuttii biyya wabii nyaataa ishee mirkaneessite gochuu qabna kanaafis Lafa Qotamu Bal’aa qabna jedhaniiru.
Itiyoophiyaan yeroo jalqabaaf oomisha Gaazii gabaa nibaafti-Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Jul 3, 2025 4
Waxabajjii 26/2017(TOI)- Itiyoophiyaan yeroo jalqabaaf oomisha Gaazii yeroo gabaabaa keessatti gabaa nibaafti jedhan Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad. Manni maree bakka bu’oota ummataa bakka ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad argamanitti walgahii idilee 42ffaa taa’aa jira. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad gaaffilee miseensonni mana maree gaafatamaniif deebii fi ibsa kennaa jiru. Ministirri muummee ibsa kennaniin sirnoota mootummaa Itiyoophiyaa darban keessa Gaazii baasuuf yaaliin taasifamaa akka ture yaadachiisaniiru. Jijjiiramaan booda mootummaan Gaazii oomishuuf warshaalee dhaabuuf damee dhuunfaa waliin mallatteessuusaa ibsanii, kaampaaniiwwan haaraa fi dandeettii qaban damee kanarratti akka hojjetan taasifamuu yaadachiisaniiru. Haala Kanaan Itiyoophiyaan yeroo jalqabaaf oomisha Gaazii gabaa akka baaftu ibsaniiru. Adeemsi Gaazii oomishuu kun marsaan jalqabaa xumuramee dhiheenyatti akka eebbifamuu fi adeemsi oomishuu marsaan lammataa akka jalqabamu beeksisaniiru. Haala walfakkaatuun baatii 40 booda warshaan Xaa’oo eebbifamee hojii akka jalqabu ministirri muummee beeksisaniiru. Dameen qonnaa guutummaatti bu’a qabeessa kan ta’u warshaan Xaa’oo yoo jiraate ta’uu kan eeran ministirri muummee, sababa Xaa’ootiin oomishtummaan gadi bu’uu akka danda’u ibsaniiru. Warshaa Xaa’oo dhaabuuf Itiyoophiyaa fi biyyoota Afriikaa keessatti Invastimantii hedduu kan qabudureessa Naayijeeriyaa Aliikoo Daangootee waliin mariin jalqabamuu eeraniiru.
Galmi kuusaa Anniisaa Ardii Afriikaa uumuuf qabame boqonnaa sirrii irra jira-Gamataa Afriikaa 
Jul 3, 2025 5
Waxabajjii 25/2017(TOI)-Mul’anni Sirna kuusaa Annisaa Ardii Afriikaa Boqonnaa Sirrii irratti akka argamu Gamtaan Afriikaa Beeksise. Komishinii Gamtaa Afriikaatti Daarektarri Bu’uuraalee Misoomaa fi Anniisaa Kamuugisha Kaazawura TOI’f akka ibsanitti, Qaama Daldala Bilisaa Ardii Afriikaa kan ta’e gabaan humna ibsaa baaqqee Ardii Afriikaa Misooma Anniisaa itti fufinsa qabu mirkaneessuuf kan kaayyeffatedha jedhaniiru. Gabaa humna ibsaa qindaa’aa uumuun Aannisa ittifufinsa qabu, Amanamaa, Dorgomaa fi Annisaa Madaalawaa ta’e Mana Jireenyaa, dhaabbilee daldalaa fi industiriiwwan , Afriikaaf dhiheessuu akka dandeessisu ibsaniiru. Gama Kanaan biyyoonni Afriikaa ollaasaanii waliiin hariiroo uumuuf pirojektoota raawwachaa jiran dinqisiifataniiru. Walitti hidhamiinsi anniisaa Itiyoophiyaan Sudaan,Jibutii fi Keeniyaa waliin uumte agarsiistuu Sirna Humnaa Ibsaa baaqqee Afriikaati jedhan. Itiyoophiyaan qaama Kuusaa Annisaa Afriikaa Bahaa ta’uushee ibsuun , biyyoota kuusan walitti hidhuun qooda olaanaa bahaa jirti jedhaniiru. Keeniyaan sirna anniisaa qabdu Taanzaaniya waliin walitti hidhuun hojjechaa jiraachuu fi kunis gara fuulduratti kuusaa ibsaa Afriikaa Kibbaa irraa daldala ibsa raawwachuuf kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Itti fufuun kuusaa Annisaa Afriikaa Bahaa, Kuusaa Annisaa Afriikaa Kibbaa waliin waliin walitti hidhuuf karoorfamuu eeraniiru. Akka ibsa Daarektarichaatti gabaan humna ibsaa baaqqee Ardii kanaa maddoota Annisaa hunda irratti Xiyyeeffate Bishaan, Aduu, Qilleensaa fi Annisaa Haaromfamuu danda’udha. Filannoowwan Anniisaa Qaama Sirna Mastar Pilaanii Afriikaa akka ta’ee eeruun, Humna ibsaa Ardii baaqqee dhugoomsuuf kan dandeessisu utubaa murteessaa ta’uu ibsaniiru. Komishiniin gamtaa Afriikaa baankii misooma Afriikaa fi garee baankii addunyaa waliin ta’uun bara faranjootaa itti jirrutti inisheetiivii “Mission 300” jedhamu kan ifoomsan yoo ta’u Inisheetiivichi Afriikaanotaaf qaqqabummaa elektiriikii babal’isuuf kan kaayyeffamedha. Inisheetiivichi A.L.A bara 2030tti lammiilee Afriikaa miiliyoona 300 elektiriikiin walitti hidhuuf karoorfateera jedhan daarektarichi. Baankiin misooma Afriikaa, gamtaan Awurooppaa, mootummaan Jarmanii fi deeggartoonni misoomaa biroon inisheetiivichaaf deeggarsa gochaa akka jiran eeraniiru.
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Naannicha fakkeenya nageenyaa, misoomaa fi waldanda’uu gochuuf hojii hojjetameen bu’aalee argaman ittifufsiisuu barbaachisa-obbo Adam Faaraah
Jul 1, 2025 201
Waxabajjii 24/2017 (TOI)-Naannicha fakkeenya nageenyaa, misoomaa fi waldanda’uu gochuuf hojii hojjetameen bu’aalee argaman ittifufsiisuu barbaachisa jedhan sadarkaa itti aanaa ministira muummeetti hoogganaan jiddugalaa qindeessaa ijaarsa sirna demokiraasii fi itti aanaan pirezidaantii paartii badhaadhinaa obbo Adam Faaraah. Konfaransiin nageenyaa, misoomaa fi tokkummaa mata duree “tokkummaa fi waloomni naannoo cimaan nageenyaa fi badhaadhina egereef” jedhuun sadarkaa naannootti magaalaa Walaayittaa Sooddootti gaggeeffameera. Obbo Adam Faaraah wayita kana akka jedhanitti, bu’aa gama hawaasummaa, dinagdee fi siyaasaan naannichatti galmaa’aa jiru ittifufsiisuuf waldeeggaruun hojjechuu barbaachisa. Konfaransichi naannichatti nagaa, misoomaa fi tokkummaa irratti jijjiirama gaarii fiduun fi fayyadama ummataa mirkaneessuun dhimmoota bulchiinsa gaarii sadarkaa caalutti ceesisuuf akka deeggaru eeraniiru.   Yeroo itti aanutti seenessoota qoqqoodan dhabamsiisuuf yaadama ida’amuutiin obbolimmaa fi obboleettummaa cimsuun imala badhaadhinaa si’achiisuu barbaachisa jedhaniiru. Sab-daneessummaa eenyummaa waloo gabbisan mirkaneessuuf komii darbe dhiifamaan bira darbuun egereef bu’aa caalu galmeessuuf hojjechuun akka barbaachisu dubbataniiru. Dhaabbilee cimoo sadarkaa naannootti uumuun hooggansa ga’umsa qabuun akka gaggeeffaman gochuun dhaloota hojmaata badaa fi malaammaltummaa jibbu uumuun akka barbaachisu cimsanii kaasaniiru. Inisheetiivota misoomaa garagaraa sadarkaa olaanaatti ceesisuun badhaadhina naannichaa mirkaneessuuf carraaquun akka barbaachisu hubachiisaniiru. Bulchaan naannoo Kibba Itiyoophiyaa obbo Xilahun Kabbadaa gamasaaniin, bariituu naannichi hundeeffamee eegalee seenessoota waloo walooma cimsan hubachuusuuf hojiin hojjetame bu’aa buusuu dubbataniiru. Ija dandeettii naannichi misoomuu qabuun yoo ilaalamu ammallee hedduun akka hafu eeranii, gama hundaan bu’aa caalu galmeessisuuf carraaquun akka barbaachisu hubachiisaniiru. Konfaransiin nageenyaa, misoomaa fi tokkummaa mata duree “tokkummaa fi waloomni naannoo cimaan nageenyaa fi badhaadhina egereef” jedhuun sadarkaa naannootti magaalaa Walaayittaa Sooddootti gaggeeffamaa ture har’a xumurameera.

Hawaasummaa
Labsichi lammiilee hojiif biyya alaatti ergaman sirnaan hoogganuun kabajaa fi faayidaa isaanii kan eegsisudha-Ministira Mufarihaat Kaamil
Jul 2, 2025 99
Waxabajjii 25/2017(TOI)- Labsichi lammiilee hojiif biyya alaa garagaraatti ergaman sirnaan hoogganuun kabajaa fi faayidaa isaanii eegsisuu kan dandeessisu ta’uu Ministirri hojii fi ogummaa Mufarihaat Kaamil ibsan. Manni maree bakka bu’oota ummataa walgahii idilee 41ffaa kaleessa gaggeesseen labsii lmmiilee Itiyoophiyaa hojiif biyyal alaatti erguuf dandeessisu ilaalee mirkaneesseera. Labsichi mirgi, nageenyii fi kabajni lammiilee akka eegamu kan taasisu akkasumas faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaan damee kanarraa argachuu qabdu akka argatu kan taasisudha. Ministirri hojii fi ogummaa Mufarihaat Kaamil labsichi lammiilee hojiif biyya alaatti erguu ilaalchisee tumaalee bal’aa ofkeessaa qaba. Dhimmoota waggoottan jijjiiramaa xiyyeeffannaan kennameef keessaa tokko dippilomaasii lammiirratti xiyyeeffate ta’uu eeranii, labsichi kana hubannoo keessa galchuun qophaa’uusaa ibsaniiru. Gama dippilomaasii namarratti xiyyeeffateetiin nageenyi lammiilee fi faayidaan biyyaa kan jalqabaa fi kan xumuraa akka ta’an gochuu ilaallata jedhaniiru. Labsichi Namoota seeraan ala deddeebisuu hambisuun qooda guddaa akka qabaatu eeruun, lammiileen biyya alaatti hojjechuu barbaadan kabajnii fi faayidaansaanii eegameefii karaa seera qabeessaa akka deeman taasisa jedhaniiru. Labsichi lammiin biyya alaatti hojjechuu barbaadu barumsa gitni hojii barbaadu, beekumsa damee sanarratti qabu, ogummaa fi muuxannoo hojii akka qabaatan kan dandeessisu akka ta’e eeraniiru. Damee hojii irratti qacaraman irratti jiddugala madaallii seera qabeessa irraa raga ga’umsa ogummaa mirkaneessu akka argatan akka taasisu ta’uus ministirittiin ibsaniiru. Sirni leenjii fi ga’oomsuu cimaan akka dhimma murteessaa tokkooti kan jedhan ministirittiin, ofitti amanamummaa fi dandeettiin mariin waliigaluun qacaramuu lammiilee akka guddatu gochuuf labsichi qooda guddaa qaba jedhan. Labsichi damee kanarratti kan hojjetan gurmaa’insaa fi sirna hojmaataa akka qabaatan kan godhu ta’uusaa dabalanii ibsaniiru.
Tajaajila waldhaansa Kaansarii babal’isuuf misooma humna namaa fi Teekinooloojiif  Xiyyeeffannoon Kennameera-Dr.Maqdas Dhaabaa
Jul 1, 2025 108
Waxabajjii 24/2017(TOI)-Itiyoophiyaan taajaajila waldhaansa kaansarii babal’isuuf misooma namaa fi teekinooloojiif xiyyeeffannoo kennite cimsitee itti fufti jedhan Ministirri Fayyaa Dr.Maqdas Dhaabaa ibsan. Ejensiin Inarjii Atoomikii Idil Addunyaa gama isaatiin, Itiyoophiyaatti wal’aansa kaansarii babal’isuuf deeggarsa isaa cimsee akka itti fufu ibseera. Yaa’iin Idila Addunyaa Ministeerri fayyaa Ejensii Inarjii Atoomikii Idil Addunyaa waliin ta’uun mata duree ‘’ ifa abdii ‘’ jedhuun qopheessanii fi Atoomik Inarjiin gama fayyaan faayidaa qabu irratti marii’atu Galma walga’ii Gamtaa Afriikaatti gaggeeffamaa jira. Yaa’icha cinaatti Ministirri Fayyaa Dr.Maqdas Dhaabaa,Ministirri Innooveeshinii fi Teekinooloojii Dr.Ballaxaa Mollaa, hoggantoonni mootummaa olaanoo fi Daarektarri olaanaa Ejensii Annisaa Atoomikii Idil Addunyaa jeneraal Maariyaanoo Giroosii Gidduugala Qorichaa Nikulaaraa Hospitaala Xuqur Anbassaa Eebbisaniiru. Ministirri Fayyaa Dr.Maqdas Dhaabaa saganticha irrati akka ibsanitti, dhukkuba kaansarii ittisuuf akkasumas dhaqqabummaa waldhaansa isaa bal’isuuf baasii guddaa gaafata. Kanaaf Mootummaan kaansarii yaaddoo fayyaa hawaasaa kan ta’e ittisuuf misooma humna namaa fi teekinooloojii irratti xiyyeeffachuun lammiilee wal’aansa barbaadaniif qorannoo kaansarii fi waldhaansaa raadiyeeshinii babal’isuuf xiyyeeffachuu beeksisaniiru. Kana bu’aa qabeessa gochuuf dhaabbilee deeggartoota waliin ta’uun hojii bal’aa raawwachaa jiraachuu ibsaniiru. Keessattuu Ministeerichi Ejensii Anniisaa Atoomikii Idil addunyaa waliin ta’uun wiirtuuwwan wal’aansa Raadiyeeshinii kaansariif hojiin mijatoo ta’an akka hundeeffaman haala mijeessuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Gahumsa Ogeeyyii toora sanaan jiranii guddisuuf kan dandeesisan hojiiwwan bal’aan hojjetamaa jiraachuu ibsuun, hojiin toora Kanaan hojjetamu fuuldurattis cimee akka ittifufu mirkaneessaniiru. Daarektarri olaanaan Ejensii Inarjii Atoomikii idil Addunyaa Maariyaanoo Giroosii gama isaaniin Ejensichi Itiyoophiyaan fayyaa lammiileeshee eeguuf hojiiwwan gama hedduun hojjettu deeggaruu cimsee itti fufa jedhaniiru. Oduu walfakkaatuun, Daarektarri olaanaan Ejensii anniisa Atoomikii Idil Addunyaa Maariyaanoo Giroosii hambaalee Seenaa Itiyophiyaa Masaraa biyyoolessaa keessatti argamu daawwataniiru.
Yuunversiitiiwwan Hojiiwwan Qorannoo Bu’aa Qabeessa Dhiheessuun Imala Badhaadhina biyyaa deeggaruun isaanirraa eegama-Pirofeesar Birhaanuu Naggaa
Jun 30, 2025 169
Waxabajjii 23/2017(TOI)-Ministirri Barnootaa pirofeesar Biraanuu Naggaa, Yuunvarsiitiiwwan qorannoo bu’aa qabeessa ta’ee fi galmoota misooma biyyoolessaa milkessuuf deeggaru dhiheessuun fi imala badhaadhinaaf gumaacha taassisuun akka irraa eegamu ibsan. Ministirichi guyyaa hara’a kutaa hawaasaa Yuunvarsiitii Boongaa waliin dhimmoota adda addaa irraatii marii’ataniiru. Yuunversiitiiwwan hojii baruu fi barsiisuu beekumsa irratti hundaa’e raawwachuurra darbee, wiirtuu qorannoo ta’uu qabu jedhaniiru ministirichi wayita kanatti. Qorannoowwan Galmoota misooma biyyoolessaa milkeessanii fi bu’aa qabatamaan mirkanaa’an dhiheessuudhaan Imala Badhaadhinaa eegalame deeggaruun akka iraa eregamu hubachiisaniiru. Yaadama naannoo keessa bahuun beekumsa Idil Addunyaa qabsiisuu fi Qorannoowwan Jireenya hawaasaa jijjiiran irratti xiyyeeffachuu akka qaban eeraniiru. Yuunversiitonni lammii yaada qaban fi yaadota biyyaaf fayyadan maddisiisuun dhaabilee wiirtuu dhugaa fi beekumsaa gochuu qabdu jedhaniiru. Barsiisonni yuunvarsiitii yeroo hunda of fooyyessuun fi Ilaalcha Idil Adduyaa qabaachuun akka isaan irraa eegamu eeruun, rakkoon barsiisotaa adeemsa keessa hiikamu jechuun ibsaniiru. Rakkoolee Yuunvarsiitii Boongaa Mudatan furuun haala fuulduratti tarkaanfaturratti waliin hojjechuun barbaachisaa ta’uu hubachiisuun, dhaabatichaaf deeggarsiii fi hordoffiin dhiheenyaan akka taassifamu himaniiru. Eggataan Pirezidaantii Yuunvarsiitii Boongaa Dr. Degala Ergenoo gama isaaniin, kutaa Hawaasaa Yuunvarsiitii sadarkaa sadarkaan jiran waliin marii gaggeeffameen dhaabbaticha gara sadarkaa fooyya’aatti ceessisuuf galmi kaa’amee gara raawwiitti galameera jedhaniiru. Kanaafis hojiiwwan adda addaa raawwatamuu fi kana cimsuuf hojjetamaa jiraachuu ibsuun kanaafis gaheen hawaasa Yuunvarsiitii olaanaadha jedhaniiru. Saganticha irratti dub deebiin deeggarsaa fi hordoffii bara bajaataa 2017 dhihaatee irratti marii’atameera. Hoggantoonni Hojii Yuunversiitichaa, Barsiisonni, Bulchiinsii fi Hojjettoonni Deeggaarsaa Maricha irratti Hirmaachuunsaanii Ibsameera.
Diinagdee
Biyyi omishtee nyaachuu hin dandeenye Faayidaa Biyyoolessaa ishee Mirkaneessuuf ni rakkatti  jechuun wabii nyaataa mirkaneessuuf galma qabannee hojjenneera-Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad
Jul 3, 2025 0
Waxabajjii 26/2017(TOI)-Biyyi omishtee nyaachuu hin dandeenye Faayidaa Biyyoolessaa ishee Mirkaneessuuf ni rakkatti jechuun birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf galma qabannee hojjenneera jechuun Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad ibsan. Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad Qonna ilaachisuun gaaffiiwwan Miseensota Manamareeraa gaafatamaniif deebii fi ibsa kennaniiru. Ibsa isaaniin Qonni Utubaa Dinagdee Itiyoophiya ta’uusaa fi bu’uura galii daldala Al-Ergee keenyaati jedhaniru. Ministirri Muummee Qonni uummanni Itiyoophiyaa hedduun kallattii fi al-kallattiin kan keessatti hirmaatan waan ta’eef bakki guddaan akka kennamuuf godha jedhaniiru. Qonni bara kana dhibbenta 6 tuqaa1 guddina akka fidu karoorfamuu ibsuun, Dameen Qonnaa Dameewwan biroo irra xiyyeeffannoo addaa kan argate, Itiyoophiyaan Birmadhumaa Soorataaa argachuu qabdi, biyyi omishtee nyaacuu hin dandeenye faayidaa biyyoolessa ishee mirkaneessuuf ni rakkatti jechuun Birmadummaa Nyataa Mirkaneessuuf galma qabannee hojjenneera jedhaniiru. Waggoottan muraasa darban Lammiileen Miiliyoona 27 seeftineetiin qabamamii turan , namoota kana seeftineetiirraa ceessisuuf hojjechaa turreerra jedhan. Kanaanis, Itophiyaanota hedduu bara dheeraaf seeftineetiin bulaa turan gara ofiin of danda’uutti ce’aniiru jedhaniiru. Ministirri Muummee itti dabaluun lammiileen Itiyoophiyaa Miiliyoona 23 gargaarsa seeftineetii irraa bilisa bahaniiru jechuun dubbataniiru. Kunis agarsiistuu Bayyanachuu Itiyoophiyaa waan ta’eef itti boonuu qabna kan jedhan Ministirri Muummee, gargaaramtoota seeftineetii Miiliyeena 4 hafan bilisa baasuun Itiyoophiyaa guutummaa guutuuttii biyya wabii nyaataa ishee mirkaneessite gochuu qabna kanaafis Lafa Qotamu Bal’aa qabna jedhaniiru.
Itiyoophiyaan yeroo jalqabaaf oomisha Gaazii gabaa nibaafti-Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Jul 3, 2025 4
Waxabajjii 26/2017(TOI)- Itiyoophiyaan yeroo jalqabaaf oomisha Gaazii yeroo gabaabaa keessatti gabaa nibaafti jedhan Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad. Manni maree bakka bu’oota ummataa bakka ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad argamanitti walgahii idilee 42ffaa taa’aa jira. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad gaaffilee miseensonni mana maree gaafatamaniif deebii fi ibsa kennaa jiru. Ministirri muummee ibsa kennaniin sirnoota mootummaa Itiyoophiyaa darban keessa Gaazii baasuuf yaaliin taasifamaa akka ture yaadachiisaniiru. Jijjiiramaan booda mootummaan Gaazii oomishuuf warshaalee dhaabuuf damee dhuunfaa waliin mallatteessuusaa ibsanii, kaampaaniiwwan haaraa fi dandeettii qaban damee kanarratti akka hojjetan taasifamuu yaadachiisaniiru. Haala Kanaan Itiyoophiyaan yeroo jalqabaaf oomisha Gaazii gabaa akka baaftu ibsaniiru. Adeemsi Gaazii oomishuu kun marsaan jalqabaa xumuramee dhiheenyatti akka eebbifamuu fi adeemsi oomishuu marsaan lammataa akka jalqabamu beeksisaniiru. Haala walfakkaatuun baatii 40 booda warshaan Xaa’oo eebbifamee hojii akka jalqabu ministirri muummee beeksisaniiru. Dameen qonnaa guutummaatti bu’a qabeessa kan ta’u warshaan Xaa’oo yoo jiraate ta’uu kan eeran ministirri muummee, sababa Xaa’ootiin oomishtummaan gadi bu’uu akka danda’u ibsaniiru. Warshaa Xaa’oo dhaabuuf Itiyoophiyaa fi biyyoota Afriikaa keessatti Invastimantii hedduu kan qabudureessa Naayijeeriyaa Aliikoo Daangootee waliin mariin jalqabamuu eeraniiru.
Galmi kuusaa Anniisaa Ardii Afriikaa uumuuf qabame boqonnaa sirrii irra jira-Gamataa Afriikaa 
Jul 3, 2025 5
Waxabajjii 25/2017(TOI)-Mul’anni Sirna kuusaa Annisaa Ardii Afriikaa Boqonnaa Sirrii irratti akka argamu Gamtaan Afriikaa Beeksise. Komishinii Gamtaa Afriikaatti Daarektarri Bu’uuraalee Misoomaa fi Anniisaa Kamuugisha Kaazawura TOI’f akka ibsanitti, Qaama Daldala Bilisaa Ardii Afriikaa kan ta’e gabaan humna ibsaa baaqqee Ardii Afriikaa Misooma Anniisaa itti fufinsa qabu mirkaneessuuf kan kaayyeffatedha jedhaniiru. Gabaa humna ibsaa qindaa’aa uumuun Aannisa ittifufinsa qabu, Amanamaa, Dorgomaa fi Annisaa Madaalawaa ta’e Mana Jireenyaa, dhaabbilee daldalaa fi industiriiwwan , Afriikaaf dhiheessuu akka dandeessisu ibsaniiru. Gama Kanaan biyyoonni Afriikaa ollaasaanii waliiin hariiroo uumuuf pirojektoota raawwachaa jiran dinqisiifataniiru. Walitti hidhamiinsi anniisaa Itiyoophiyaan Sudaan,Jibutii fi Keeniyaa waliin uumte agarsiistuu Sirna Humnaa Ibsaa baaqqee Afriikaati jedhan. Itiyoophiyaan qaama Kuusaa Annisaa Afriikaa Bahaa ta’uushee ibsuun , biyyoota kuusan walitti hidhuun qooda olaanaa bahaa jirti jedhaniiru. Keeniyaan sirna anniisaa qabdu Taanzaaniya waliin walitti hidhuun hojjechaa jiraachuu fi kunis gara fuulduratti kuusaa ibsaa Afriikaa Kibbaa irraa daldala ibsa raawwachuuf kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Itti fufuun kuusaa Annisaa Afriikaa Bahaa, Kuusaa Annisaa Afriikaa Kibbaa waliin waliin walitti hidhuuf karoorfamuu eeraniiru. Akka ibsa Daarektarichaatti gabaan humna ibsaa baaqqee Ardii kanaa maddoota Annisaa hunda irratti Xiyyeeffate Bishaan, Aduu, Qilleensaa fi Annisaa Haaromfamuu danda’udha. Filannoowwan Anniisaa Qaama Sirna Mastar Pilaanii Afriikaa akka ta’ee eeruun, Humna ibsaa Ardii baaqqee dhugoomsuuf kan dandeessisu utubaa murteessaa ta’uu ibsaniiru. Komishiniin gamtaa Afriikaa baankii misooma Afriikaa fi garee baankii addunyaa waliin ta’uun bara faranjootaa itti jirrutti inisheetiivii “Mission 300” jedhamu kan ifoomsan yoo ta’u Inisheetiivichi Afriikaanotaaf qaqqabummaa elektiriikii babal’isuuf kan kaayyeffamedha. Inisheetiivichi A.L.A bara 2030tti lammiilee Afriikaa miiliyoona 300 elektiriikiin walitti hidhuuf karoorfateera jedhan daarektarichi. Baankiin misooma Afriikaa, gamtaan Awurooppaa, mootummaan Jarmanii fi deeggartoonni misoomaa biroon inisheetiivichaaf deeggarsa gochaa akka jiran eeraniiru.
Ijaarsi dhaabbilee bu’ura misoomaa gaaffilee hawaasummaa fi dinagdee ummataa deebisan bal’inaan raawwatamaa jira
Jul 2, 2025 89
Waxabajjii 25/2017(TOI)-Ijaarsi dhaabbilee bu’ura misoomaa gaaffilee hawaasummaa fi dinagdee ummataa deebisan magaalaawwan naannoo Oromiyaatti bal’inaan raawwatamaa jiraachuu sadarkaa itti aanaa pirezidaantii naannichaatti qindeessaan misooma magaalaa Masfin Malaakuu ibsan. Godina Wallagga Lixaa aanaa Yuubdootti dhaabbileen bu’ura misoomaa garagaraa ijaarsisaanii xumurame hooggantoonni olaanoo mootummaa naannichaa bakka argamanitti eebbifamanii eebbaaf gahaniiru. Kanneen keessaa jiddugalli dargaggootaa, manni barumsaa ifa boruu Yuubdoo fi kanneen biroos keessatti argamu. Sadarkaa itti aanaa pirezidaantii naannichaatti qindeessaan misooma magaalaa Masfin Malaakuu sirna eebbaarratti, ijaarsi dhaabbilee bu’ura misoomaa jiraattota fayyadamoo taasisan bal’inaan gaggeeffamaa jira jedhaniiru. Pirojektoonni bu’ura misoomaa magaalota naannichaatti bara bajatichaa ijaaramaa turan tibbana eebbifamanii tajaajilaaf oolaa akka jiran himaniiru.   Fuulduras ijaarsi pirojektoota bu’ura misoomaa sochii hawaasummaa fi dinagdee hawaasaa mijeessan cimee ittifufa jedhaniiru. Keessumaa dhaabbileen bu’ura misoomaa Wallagga Lixaatti xumuraanii tajaajilaa qaqqaban misooma naanawichaa kan dadammaqasan ta’uu ibsaniiru. Godinichatti sochiin misoomaa abdachiisaan dhufuusaa eeranii, yoomiyyuu caalaa ummanni nageenyasaa eeguu akka qabu hubachiisaniiru. Bulchaan godina wallagga Lixaa Obbo Taliilaa Tarrafaa gamasaaniin, ngeenya naannichaa cimsuun cinaatti gaffilee misoomaa ummanni gaafatu deebisuuf karoorri yeroo dheeraa fi gabaabaa qophaa’ee hojeeffamaa jira jedhaniiru. Guyyaa har’aas dhaabbileen bu’ura misoomaa birrii miiliyoona 249 caaluun ijaaraman tajaajila ummataaf banamuusaanii ibsaniiru.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Akkaadaamiin Leenjii Siviil Aviyeeshinii Itiyoophiyaa biyyoota Afriikaaf jiddugala leenjii filatamaa ta’aa jira-Abbaa taayitichaa
Jul 1, 2025 93
Waxabajjii 24/2017(TOI)- Akkaadaamiin Leenjii Abbaa taayitaa Siviil Aviyeeshinii Itiyoophiyaa biyyoota Afriikaaf hedduuf jiddugala leenjii filatamaa ta’aa akka jiru daarektarri tajaajila reeguleeshinii ernaavigeeshinii fi eeggataan daarektaraa akkaadaamichaa Li’ulsaggad Gullulaat ibsan. Akkadaamichi bu’a qabeessummaa industirichaaf ogeeyyota horachaa jira jedhan turtii TOI waliin Taasisaniin. Waggoota dheeraaf naannolee biyyattii garagaraatti to’annaa tiraafika qilleensaa, damee komunikeeshinii fi Naavigeeshin Sarviilaansi(CNC)n ogeeyyota Aviyeeshinii ga’oomaa boddaasaa akka jiru eeraniiru. Bara kana qofa ogeeyyota 86 leenjisee hojiitti galchuu kaasaniiru. Akkaadaamichi biyyoota ollaa fi biyyoota Afriikaa biroof leenjii ga’aa kennaa akka jiruu fi fudhatama guddaa argachaa akka jiru dubbataniiru. Dhihoo kana leenjifamtoota Aviyeeshinii Jibutii, Somaaliyaa akkasumas Komoroosii fi biyyoota biroorraa dhufan leenjisuusaa dubbataniiru. Biyyoonni Afriikaa hedduun ogeeyyotasaanii akkaadaamii leenjii Aviyeeshinii Itiyoophiyaatti leenjisuuf leenjisuuf filachuusaanii dubbataniiru. Akkaadaamichi Afriikaa keessaa maqaa gudda fi fudhatama akka qabu kaasanii, riijinicha walitti hidhuuf hojiilee hedduu hojjechaa akka jiru beeksisaniiru. Akkaadaamichatti leenjiftuu fi to’attuun tiraafika qilleemsaa Beeteliheem Mollaa Gamasheetiin, leenjichi sadarkaa industiriin Aviyeeshinii addunyaa irra gaheen kennamaa akka jiru ibsiteetti. Baatii sadan darban leenjii ga’aa argachuusaa kan dubbate ammoo Dirree Dawaa irraa kan dhufe Mintasinoot Alamaayyoo jedhama.
Dijiitaal Itiyoophiyaa 2025  sirna Dijiitaalaa keessatti bu’aa guddaa argamsiiseera- Dr.Balaxaa Mollaa 
Jul 1, 2025 65
Waxabajjii 24/2017 (TOI)-Waggoottan shanan darban hojiirra oolaa kan ture dijiitaal Itiyoophiyaa 2025 sirna Dijiitaalaa keessatti bu’aa argamsiiseera jechuun Ministirri Teekinooloojii fi Innovaashinii Dr.Ballaxaa Mollaa Ibsan. Mistirichi turtii TOI waliin taassisaniin akka ibsanitti , guddina waliigalaa biyya tokkoo mirkaneessuun kan danda’amu sirni hojmaataa Saayinsii fi Teekinooloojiin, akkasumas Innoveeshiniin yoo deegaramedha. Itiyoophiyaan hammattoo seeraa fi Tarsiimoo sirna dijiitaalaatti galuuf ishee dandeessisu qopheessitee hojii eegaluushee ibsaniiru. Dabalataanis bu’uuraaleen misoomaa gara sirna dijiitaalaatti galchuuf gargaaran guutamanii hojiirra ooluu jalqabuu beeksisaniiru. Tarsiimichi Riifoormii Dinagdee Mandhalee fi tarsiimoo karoora misoomaa waggaa 10 akkasumas Tarsiimoo Tiraanisfoormeeshinii Dijiitaalaa Afriikaa waliin walitti hidhamee raawwatamaa turuu ibsaniiru. Waggoottan darban hojiirra oolaa kan ture tarsiimoon Dijiittal Itiyoophiyaa 2025 baatii tokkoo booda akka goolabamu ibsuun, hanga 20230tti hojiirra kan oolu tarsiimoon waggaa shanii qophaa’aa akka jiru ibsaniiru. Tarsiimoon dijitaal Itiyoophiyaa 2025 waggoottan shanan darban hojiirra oolaa ture damee saayinsii, teeknooloojii fi Innoveeshiniirratti bu’aan guddaan akka irraa argame ministirichi beeksisaniiru. Waggoota shanan darban sirna kaffaltii Dijiitaalaa Diriirsuun Tajaajila Dijiitaalaa babal’isuun akkasumas, waraqaa eenyummaa Dijiitaalaa dhaqabamaa taassisuurratti hojiin bu’aa qabeessi hojjetamuu kaasaniiru. Sirna hojii Mootummaa Ammayyeessuu waliin wal qabatee Dijiitaala Itiyoophiyaa 2025 dhugoomsuuf tattaaffii milkaa’aa taasifamaa jiru keessatti tajaajilli jiddugaleessa tokkoo (Masoob) dhugoomsuuf hojii milkaa’inaa hojjetaman keessaa tokko ta’uu ibsaniiru. Dhaabbatichi Tajaajila Teekinooloojii Dijiitaalaa bakka tokkootti fayyadamuun Tajaajiloota Mootummaa adda addaa walitti hidhuun tajaajilaa kennaa akka jiru beeksisaniiru. Fuulduratti tajaajila jiddugaleessa tokkoo (masoob) gara Magaalota Naannooleetti babal’isuun fayyadamtoota tajaajilichaa akka ta’aniif hojjetamaa jirachuu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan qaqqabummaa waldhaansa cararii bal’isuuf hojjechaa jirti-Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa
Jun 30, 2025 104
Waxabajjii 23/2017(TOI)- Itiyoophiyaan qorannoo kaansarii dabalatee qaqqabummaa waldhaansa cararii bal’isuuf hojjechaa akka jirtu Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa ibsan. Yaa’iin idil addunyaa Ministirri fayyaa ejensii inarjii atoomikii idil addunyaa waliin ta’uun mata duree “carariiwwan abdii” jedhuun qopheessanii fi faayidaa atoomiik inarjiin gama fayyaan qabu irratti mari’atu galma walgahii gamtaa Afriikaatti eegalameera. Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa, daarektar jeneraaliin ejensii atoomiik inarjii idil addunyaa Raafaa’eel Giroosii, ministiroonni, ambaasaaddaroonni, bakka bu’ooni dhaabbilee idil addunyaa fi qooda fudhattoonni waltajjicharratti hirmaataniiru. Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen wayita kana, haalli fayyaa addunyaa jijjiiramuusaa eranii, Itiyoophiyaanis sirna fayyaa haala kana bu’uureffate ijaaraa jirti jedhaniiru. Ekisteenshiniin fayyaa hojiirra ooluusaatiin waggoottan darban eegumsi fayyaa namoota hedduu fooyya’uusaa ibsaniiru. Itiyoophiyaan qorannoo kaansarii fi waldhaansa cararii qaqqabamaa taasisuuf hojjechaa akka jirtu kaasanii, kanaaf ammoo teeknooloojiiwwan yeroon gaafatu fayyadamuu eegaluushee eeraniiru. Waldhaansi cararii ofeeggannoo fi ittigaafatamummaan faayidaarra ooluusaa mirkaneessuuf sirni to’annoo cimaan diriirfamuu himaniiru. Inarjii Nuukilaaraa tajaajila fayyaaf oolchuun waldhaansa cararii bal’isuun dhukkuba kaansarii saffisaan qorannoon adda baasuun jireenya namootaa baraaruuf gumaacha olaanaa akka qabu ibsaniiru. Kanumaan Walqabsiisuun sagantaan ashaaraa magariisaa fayyaa hawaasaa fooyyessuun jireenya fayyaalessaa gabbisaa akka jiru kaasaniiru.
Itiyoophiyaan Tiraanisfoormeeshinii Dijitaalaan Jijjiirama Guddaa Galmeessiteetti-GamtaaTelekomunikeeshinii Idil Addunyaa
Jun 26, 2025 236
Waxabajjii 18/2017 (TOI)- Itiyoophiyaan yeroo Gabaabaa KeessattiTiraanisfoormeeshinii Dijitaalaan Jijjiirama Guddaa Galmeessisuushee GamtaanTelekomunikeeshinii Idil Addunyaa Beeksise. Daarektarri Riijinii Afriikaa Gamtaan Telekomunikeeshinii Idil Addunyaa (ITU) Imaanu’eel Manasee Itiyoophiyaan Tarsiimoo Dijitaalaa Bocuun fi Hojiirra Oolchuun Tiraanisfoormeeshinii Dijitaalaa Fiduuf Hojiin Hojjechaa Jirtu Kan Raajeffamu Ta’uu Turtii TOI waliin Taasisaniin Ibsaniiru. Walitti Hidhamiinsi Idil Addunyaa fi Tiraanisfoormeeshiniin Dijitaalaa Galma Tarsiimawaa Gamtichaati Kan Jedhan Daarektarichi Itiyoophiyaan Ajandaa Tiraanisfoormeeshinii Dijitaalaa Irratti Jijjiirama Olaanaa Fiduushee Himaniiru. Gamtichi Ajandaa Tiraanisfoormeeshinii Dijitaalaa Itiyoophiyaa Bocuu fi Deeggarsa Taasisuusaa Dubbataniiru. Itiyoophiyaan Dirree Dijitaalaa Bal’isuun Hojii Dinqisiisaa Hojjechuushee Ibsaniiru. Waggoota sadii Keessatti Sababa Tajaajiloota Dijitaalaatiin Baay’ina Lakkoofsa Fayyadamtoota Teelee Birrii Yeroo Gabaabaatti Miiliyoona 50 Oliin Gahuun Milkaa’ina Guddaadha Jedhan. Carraa Itiyoophiyaa Fuulduraa Tiraanisfoormeeshinii Dijitaalaa fi Innoveeshinii Keessatti Argaa Jirra Jedhaniiru. Inisheetiiviin Koodarsii Miiliyoona Shanii Itiyoophiyaan Misooma Dijitaalaaf Xiyyeeffnnoo Kennite Ifattia Akka Mul’isu Ibsaniiru. Gamtaan Telekoomii Idil Addunyaa A.L.A Bara 1865 Kan Hundeeffame Ejensii Addaa Dhaabbat Mootummoota Gamtoomanii Isa Hanfafadha. Teessoon Gamtichaa Siwiizarlaand Jenevaa Yoo Ta’u Teekiniiloojiiwwan Odeeffanoo fi Komunikeeshiniin Walqabatan Nihojjeta. Dhaabbanni Idi Addunyaa Kun Itiyoophiyaa Dabalatee Miseensa Biyyoota 194 Qaba.
Ispoortii
Hoggansii  fi gurmaa’insi  waraanaa gahumsa hundagaleessa olaanaan,Ogummaa waraanaa fi  Teeknooloojii ammayyaan kan deeggaramedha-Leetenaal Jeneral  Zawuduu Balaay
Jun 27, 2025 274
Waxabajjii 20 /2017(TOI)-Hoggansii fi gurmaa’insi waraanaa gahumsa hundagaleessa olaanaan,Ogummaa waraanaa fi Teeknooloojii Ammayyaan kan deeggarame ta’uu Ajajaa Olaanan izii giddugalaa Daalol Leetenaal Jeneraal Zawuduu Balaay ibsan. Festivaaliin Ispoortii Kooriwwan adda addaa Raayyaa Ittisa Biyyaatti izzii jiddugalaa Daalol jalatti argaman hirmaachise Magaala Jimmaatti eegalameera. Baniinsa Feestivaalichaarratti kan argaman Raayyaa Ittisa biyyaatti ajajaa Olaanaan izzii giddugala Daalol Leetenaal Jeneraal Zawuduu Balaayi Izichi daangaa biyyaa kabachiisuurra darbee hojiiwwwan waloomaa fi Tajaajila Hawaasummaa cimsan raawwachaa jiraachuu ibsaniiru. Izziin Daalol tajaajila tola ooltummaan dhiiga arjoomuun,mana namoota harka qal’eeyyii haaromsuu fi biqiltuu dhaabuu dabalatee hojiii misooma adda addaa irratti hirmaachuun beekama jedhaniiru. Raayyaan Ittisa Biyyaa Tokkummaa Sab-Daneessummaa gootummaan kabajaa fi birmadummaa biyyaatiif halkanii fi guyyaa hojjechaa kan jiru raayyaa cimaa fi gahoome ta’uu dubbataniiru. Raayyichi gahumsa hunda galeessa olaanaa, ogummaa waraanaa fi teekinooloojii ammayyaan haala gurmaa’een gaggeeffamaa jiraachuu kaasuun, gaachana birmadummaa biyyaa ta’uurra darbee, misoomaa fi tajaajila Hawaasummaa biroo itti gaafatamummaa isaa bahaa jiraachuu ibsaniiru. Kanaaf Kaayyoon guddaan festivaala Ispoortii Iizzichi walitti dhufeenya raayyaa ittisa biyyaa fi hawaasa naannoo gidduu jiru daran cimsuuf ta’uu kaasaniiru. Hogganaan Waajjira izzii Gidduugala Daalol Koloneel Bazaabbihi Yimar akka jedhanitti, kooriiwwan izzii kana jala jiran 5 dorgmmii Ispoortiii kana irrratiti kan hirmaatanii fi guyyaa10’f gosa ispootii adda addaan akka dorgoman himaniiru. Sagantaa Baninsaa irrratti Qondaaltonni Olaanoon Raayyichaa, miseensonnii fi keessummooni wamichi taasifamee fi biroon argamaniiru.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Sagantaan ashaaraa magariisaa lafti miidhame akka bayyanatuu fi oomishtummaan akka dabalu waan godhuuf biqiltuu dhaabuurratti cimnee nihirmaanna-Jiraattota godina Iluu Abbaa Boor
Jul 2, 2025 54
Waxabajjii 25/2017(TOI)- Sagantaan ashaaraa magariisaa lafti miidhame akka bayyanatuu fi oomishtummaan akka dabalu waan godhuuf biqiltuu barana dhaabuurratti cimanii akka hirmaatan Jiraattonni godina Iluu Abbaa Boor ibsan. Sagantaan jalqabsiisa biqiltuu ashaaraa magariisaa dhaabuu bara 2017 godinichatti aanaa Alleetti gaggeeffameera. Jiraataan godinichaa saganticharratti hirmaatan obbo Sisaayi Wandimmuu, sagantaalee biqiltuu waggaa waggaan dhaabuuf qophaa’anirratti hirmaachaa turuu ibsaniiru. Biqiltuu dhaabuun lafti miidhame akka bayyanatu kan godhuu fi oomishtummaa kan dabalu waan ta’eef akkuma waggoottan darbanii baranas biqiltuu dhaabuurratti akka hirmaatan dubbataniiru. Obbo Huseena Kabbadaa biqiltuuwwan dhuunfaa fi waloon dhaabaman irratti gumaacha isaanii taasisaa akka jiran eeraniiru. Hojiilee misooma magariisaa waggoottan darban raawwatamaniin naannoon isaanii jjjiiramaa dhufuu, oomishtummaan fooyya’aa waan jiruuf baranas hirmaannaasaanii akka cimsan ibsaniiru. Bulchaan aanaa Allee Yohaannis Kabbadaa gamasaaniin sagantaa ashaaraa magariisaan aanichatti muduraawwan Avokaadoo, Muuzii dabalatee biqiltuuwwan faayidaa dinagdee qabaniif xiyyeeffannoon kennamee akka dhaabamu dubbataniiru. Biqiltuu dhaabuun dhaloota boruu hubannoo keessa galchuun waan ta’eef sagantaa ashaaraa magariisaa gannaatiin biqiltuuwwan faayidaa garagaraa qaban akka dhaabaman kan ibsan ammoo bulchaa godina Iluu Abbaa Boor Indaalkaachoo Tafariidha.   Sagantaa ashaaraa magariisaa baranaa mata duree “dhaabuun bayyanachuu” jedhuun gaggeeffamuun biqiltuuwwan lafa miidhaman bayyanachiisanii fi faayidaa dinagdee qabaniif xiyyeeffannoon nitaasifama jedhaniiru. Saganticharratti kan argaman komishinariin komishinii manneen sirreessaa naannoo Oromiyaa Shaafii Huseen, biqiltuu dhaabuun madaallii uumamaa eeguu fi naannawa oomisha kennu uumuuf akka gargaaru ibsaniiru. Hojii waggoottan darban hojjetamaniin naannawoonni hedduu miidhaman bayyanatanii magariisatti jijjiiramaniiru jedhaniiru. Sagantaa ashaaraa magariisaa baranaatiin hawaasni biqiltuuwwan naannawa jijjiiruu fi faayidaa dinagdee mirkaneessuu danda’an dhaabee akka kunuunsu ergaa dabarsaniiru.
Sagantaan Ashaaraa magariisaa bifa magaalattii jijjiireera-kantiibaa magaalaa Adaamaa
Jul 1, 2025 58
Waxabajjii 24/2017 (TOI)- Sagantaan Ashaaraa magariisaa bifa magaalattii jijjiiruusaa kantiibaa magaalaa Adaamaa ibsan. Sagantaan ashaaraa magariisaa jalqabsiisu har’a gaggeeffameera. Saganticha kan jalqabsiisan kantiibaan bulchiinsa magaalaa Adaamaa Hayiluu Jaldee akka jedhanitti, qabeenya uumamaa xiqqaachaa deemu ittisuuf ashaaraan magariisaa xiyyeeffannoon hojjetamaa jira. Biqiltuuwwan waggoota darban magaalaa Adaamaatti ashaaraa magariisaan dhaabaman bifa magaalatti jijjiiruurra darbee madda galii ta’uun faayidaa buusaa jiru jedhaniiru. Sagantaa ashaaraa magariisaa baranaatiinis sululoota 14 irratti bakka km120 misoomsuuf karoorfamee hojiitti galamuu ibsaniiru. Kana malees dhaabbilee barnootaa fi fayyaatti akkasumas lafa waloo fi bakka misoomni kooriidaraa itti adeemsifamuu fi bakkeewwan birootti biqiltuun akka dhaabamu dubbataniiru. Hoogganaan biiroo qonnaa magaalaa Adaamaa obbo Alamuu Qilxuu gamasaaniin, biqiltuuwwan muduraa fi bosonaaf oolan magalattii keessa akka dhaabaman dubbataniiru. Sagantaa kanarratti biqiltuu osoo dhaabanii kan dubbifne abbaa Gadaa Magraa Laggasaa TOI’f yaada kennaniin, ashaaraan magariisaa gammoojjummaa qolachuuf qooda olaanaa gumaachaa akka jiru dubbataniiru. Jiraataan magaalaa Adaamaa Girmaa Toleeraa gamasaaniin, sagantaan ashaaraa magariisaa naannawa bayyanachiisuurra darbee miidhagina magaalattiif ashaaraa kaa’eera jedhan. Haala walfakkaatuun kantiibaan magaalaa Jimmaa Xahaa Qamar guyyaa har’aa sagantaa shaaraa magariisaa baranaa magaalichatti eegalchiisaniiru. Waamicha ministira muummee fudhachuun barana waggaa jahaffaaf biqiltuun dhaabamuu eeraniiru. Sagantaa dhaabbii biqiltuu ganna kanaaf biqiltuuwwan muduraa fi mukaa buufata biqiltuu 12tti qophaa’uu dubbataniiru. Sagantaa biqiltuu dhaabuurratti kan hirmaatan keessaa obbo Najiib Alamuu sagantaa ashaaraa magariisaa wagga waggaan gaggeeffamurratti hirmaachuusaanii dubbatanii, dhaabuu qofa osoo hintaane kunuunsuun akka barbaachisu himaniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 11596
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015