Tamsaasa Kallatti:

Dandeettiin dippiloomaasii Itoophiyaa fi hirmaannaan isheen waltajjiiwwan addunyaa irratti qabdu guddachaa dhufeera — Hayyoota

Onkoloolessa 23/2019 (ENA) –Itoophiyaan hirmaannaa fi dippiloomaasii waltajjiiwwan naannoo fi addunyaa irratti agarsiisaa jirtu guddachuunsaa, faayidaa biyyaaleessa ishee kabachiisuu bira darbee, dhageettii fi dhiibbaa isheen waltajjii addunyaa irratti qabdu ol kaasaa dhufuu isaa hayyoonni ibsaniiru.

Itoophiyaan nageenyaa, wabii nageenyaa fi walitti hidhaminsa dinagdee Gaanfa Afrikaa keessatti gahee seenaa fi dhiibbaa qabu kan qabdu yoo ta'u, dhiyeenya kana dippiloomaasii karaa hedduutiin dhiibbaa uumuu ishee mul’isaa jirti.

Biyyittiin miseensa BRICS ta'uu isheetiin sadarkaa Addunyaatti dhageettiin dippiloomaasii Itoophiyaan qabdu kan haaroomse fi dinagdee, daldala dabalataanis damee investimentiitiin balbala walta'insaa haarawa kan bane ta'ee jira.

Keessattuu yaa'ii Afriikaa-Raashiyaa 3ffaa Mooskootti gaggeeffame irratti hirmaannaa fi mariiwwan gamlamee dippiloomaasii yaa’ichaan cinaatti Itoophiyaan raawwatte, biyyoota gurguddoo addunyaa waliin tumsa tarsiimawaa qabdu cimsuu ishee kan agarsiisuudha.

Waltajjiin kun Itoophiyaan damee daldalaa, investimentii, teeknoolojii, misooma anniisaa fi wabii nyaataa irratti waliigalteewwan faayidaa biyyaaleessa ishee kabachiisan akka mijeessitu, akkasumas dhimmooqan naannoo fi addunyaa irratti ejjennoo cimaa qabdu akka calaqqisiistu carraa guddaa uumeera.

Kunis dhageettii fi dhiibbaa dippiloomaasii Itoophiyaan yeroo kaanii caalaa irra deebiiin akka dabalu taasisuu isaa hayyoonni siyaasaa fi dippiloomaasii hedduun ni ibsu.

Barsiisaa Saayinsii siyaasaa fi hariiroo Alaa Yuunivarsiitii Bulee Horaa Iddoosaa Daggafaa akka jedhanitti; Itoophiyaan waltajjiiwwan dippiloomaasii addunyaa irratti faayidaa biyyaaleessa fi ejjennoo cimaa ishee eeggachuun furmaata waliinii barbaaduu fi dandeettii marii fi araaraa ishee sadarkaa ol'aanaatti guddisaa jirti.

Barsiisaa Iddoosaan itti dabaluudhaanis; Itoophiyaan yaa'ii Addunyaa COP32 akka keessummeessitu filatamuu ishee fi biyyoota Baha gidduu galeessaa waliin tumsa dippiloomaasii qabdu cimsuu ishee akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

Yuunivarsiitii Jimmaatti kutaa barnoota seeraa fi bulchiinsaatti barsiisaa Dalliil Ahimeed gama isaaniitiin, dandeettiin dippiloomaasii Itoophiyaa fi hirmaannaa isheen waltajjii addunyaa irratti qabdu yeroo kaan caalaa guddachaa dhufuu isaa ibsaniiru.

Keessattuu humnoota nagaa, wabii nageenyaa fi birmadummaa biyyattii booressuuf socho'an qolachuu bira darbee, haala dhugaa biyyattii ilaalchisee hawaasa addunyaatiif odeeffannoo qulqulluu dhiheessuudhaan hojiiwwan dippiloomaasii ishee cimsuun dandeettii fooyya'aa ijaaraa dhufuu isaa kan agarsiisu ta'uu ibsaniiru.

Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimed yaa'ii Afrikaa-Raashiyaa 3ffaa irratti hirmaannaa taasisan walitti dhufeenyi alaa biyyattii bal'achaa dhufuu isaa kan agarsiisu keessaa isa tokko ta'uu kaasaniiru.

Akka ibsa barsiisaa kanaatti, barbaachisummaan yaa'ii kanaa walitti dhufeenya Afrikaa fi Raashiyaa jiru cimsuu bira darbee, gahee dippiloomaasii Itoophiyaan Gaanfa Afrikaa fi waltajjii addunyaa irratti qabdu kan guddisuuf kan gargaaruudha.

#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015