Tamsaasa Kallatti:

Magaalaa Ambootti sagantaan soorata barattootaa qulqullina barnootaa fi hirmaannaa barattootaa guddisaa jira

Onkoloolessa 22/2019 (ENA)- Sagantaan soorata barattootaa magaalaa Ambootti hojiirra oole qulqullinni barnootaa akka fooyya’uu fi fedhiin barattoonni barachuuf qaban akka guddatu gumaacha taasisuusaa waajjirri barnootaa bulchiinsa magaalichaa beeksise.

Sagantaan nyaata barattootaa bara 2014 irraa eegalee magaalaa Ambootti hojiirra oolaa jiru qulqullina barnootaa eeguu fi fedhii barattootaa barachuuf qaban guddisuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu itti gaafatamaan waajjirichaa obbo Caalaa Magarsaa ibsaniiru.

Bara kana manneen barnootaa idileen duraa fi sadarkaa tokkoffaaa 17 keessatti barattoonni kuma13 fi 970 sagantaa kana irraa fayyadamaa kan jiran yoo ta’u, sagantichaafis baajanni Birrii miliyoona 34 ramadameera.

Hawaasni fi Buusaa Gonofaanis hanga ammaatti Birrii miliyoona 7 tuqaa 5 deeggarsa kan taasise yoo ta’u, hawaasni deeggarsa isaa akka cimsu itti gaafatamaan kun waamicha dhiyeessaniiru.

Saganticha babal’isuu fi qulqullina barnootaa guddisuuf sadarkaa manneen barnootaa fooyyessuu fi meeshaalee barnootaa barbaachisan guutuufis hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Manni Barumsaa Sadarkaa 1ffaa Sadan Liibaan keessatti barattoonni kuma 2 fi 134 sagantaa nyaata barattootaa irraa fayyadamaa akka jiran daarektarri mana barumsichaa Caalaa Qananii ibsaniiru.

Sagantichi keessumaa barattoota maatiin isaanii harka qalleeyyii barnoota isaanii rakkoo malee akka hordofanii fi bu’aa gaarii akka galmeessan gargaaraa jira jedhaniiru.

Kana malees, baay’ina barattoota irra deddeebi’anii baratanii, barnoota addaan kutanii, hafanii fi barfatanii hir’isuun, dhibbeentaa darbuus dabaleera.

Abbaan barataa Obbo Silashii Milkessaa fi barattuun Kiisee Dabalee gama isaaniitiin, sagantichi baasii fi yaaddoo maatii hir’isuu bira darbee barattoonni xiyyeeffannoo guutuu barnoota isaanii irratti akka xiyyeeffatanii fi bu’aa gaarii akka galmeessan gargaaraa jiraachuu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015