Tamsaasa Kallatti:

Nageenyi Saayibarii bu’uura maqaa Gaarii fi amantaa maamiltoota Baankii Daldala Itoophiyaati – Abbee Saanoo

Onkoloolessa 19/2019 (ENA) – Nageenyi saayibarii bu’uura maqaa gaarii Baankii daldala Itoophiyaa fi amantaa maamiltootaa ta’uu Pirezidaantiin baankichaa Abbee Saanoo ibsan.

Baankiin Daldala Itoophiyaa yaa’ii ji’a nageenya Saayibarii 3ffaa gaggeessuu eegaleera.

Pirezidaantiin Baankii Daldala Itoophiyaa Abbee Saanoo sirna baniinsa yaa’ichaa irratti ergaa dabarsaniin, qabeenyi tajaajila baankichaa inni guddaan amantaa uummataa ta’uu ibsaniiru.

Amantaa maamiltootaa eeganii itti fufsiisuuf nageenya maallaqaa fi odeeffannoo isaanii mirkaneessuun murteessaa ta’uu dubbataniiru.

Kana milkeessuufis hoggantoonnii fi hojjettoonni baankichaa hundi itti gaafatamummaa waloo isaanii bahachuu akka qaban dhaamaniiru.

Addunyaa dijitaalaa keessatti amantaa maamiltootaa mirkaneessuuf nageenya maallaqaa fi odeeffannoo isaanii eeguun murteessaa ta’uu kan ibsan Abbee Saanoo, sirrii ta’uun raawwii daldalaa fi dabarsa maallaqaa baankichaas wabii amantaa maamiltootaa ta’uu himaniiru.

Nageenyi saayibarii maqaa gaarii baankichaa eeguu fi amantaa maamiltootaa cimsuuf bu’uura murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.

Namoonni haleellaa saayibarii raawwatan bilbilootaa fi ergaawwan Baankii Daldala Itoophiyaa irraa ergaman fakkeessuun maamiltoota gowwoomsuuf yaalii akka taasisan ibsaniiru.

Keessumaa, jecha iccitii maamiltootaa, koodii mirkaneessaa yeroo tokko qofaaf tajaajilu (OTP) fi odeeffannoowwan iccitii biroo argachuuf mala gowwoomsaa garaagaraatti akka fayyadaman eeraniiru.


Kanaaf, Baankiin Daldala Itoophiyaa sirnootaa fi teeknooloojiiwwan isaa haleellaa saayibarii irraa eeguudhaan amantaa maamiltootaa itti fufsiisuuf hojii bu’a qabeessa ta’e hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Maamiltoonni hundi beekumsa teeknooloojii fi hubannoo nageenya saayibarii walqixa waan hin qabneef, hojii hubannoo uumuu cimsuun barbaachisaa ta’uu himaniiru.

Hojjettoonni baankichaa qaama sirna ittisa haleellaa saayibarii ta’uu kan ibsan Abbee Saanoo, haleellaawwan saayibarii hedduun dogoggora namootaa fi walitti dhufeenya amantaa jiru fayyadamuuf kan yaalan ta’uu hubachiisaniiru.

Kanaafuu, hojjettoonni baankichaa maallaqaa fi odeeffannoo iccitii maamiltootaa eeguu qofa osoo hin taane, sochiiwwan shakkisiisoo ta’an qaama dhimmi ilaallatuuf beeksisuu akka qaban dhaamaniiru.

Hubannoo maamiltootaa yeroo yeroon guddisuun hojii ittisa haleellaa saayibarii itti fufiinsa qabu hojjechuun barbaachisaa ta’uus ibsaniiru.

Baankiin Daldala Itoophiyaa haleellaawwan saayibarii erga raawwatamanii booda ittisuuf yaaluu caalaa, osoo hin raawwatamin dura adda baasuu fi ittisuuf xiyyeeffannaan hojjechaa jiraachuu Pirezidaantii baankichaa Abbee Saanoo ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015