Tamsaasa Kallatti:

Lammii waan hunda guuttate uumuuf kutaan hawaasaa hundi qooda irraa eegamu bahachuu qaba-kantiibaa Adaanech Abeebee

Onkoloolessa 22/2019 (ENA) - Lammii waan hunda guuttate uumuuf kutaan hawaasaa hundi qooda irraa eegamu bahachuu akka qabu kantiibaa Adaanech Abeebee ibsan.

Kitaabni “Mili’innat’ jedhamu kan qrataa seenaa fi siyaasaa Dr. Alamaayyoo Aradaan barreeffame eebbifameera.

Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee wayita kana akka jedhanitti, barreessaan Dr. Alamaayyoo Araddaa yeroo dheeraaf nama ummata tajaajilanidha.

Kitaabichi dhugaa yeroo uummata tajaajilaa turan argan kan ibsu ta’uu dubbatanii, yaada wal-qoodinsa uumu dhabamsiisuu, waliin hojjechuu fi seenessa waloo ijaaruun barbaachisaa ta’uu hubachiisa jedha.

Humni walitti ida’ame hunda kan fayyadu waan ta’eef, garaagarummaa ciminaatti jijjiiruun akka barbaachisu dubbataniiru.

Kalaqni dargaggootaa fi yaadni hayyootaa dhaloota yaada madaalawaa qabu uumuuf murteessaa ta’uu ibsanii, hawaasa guutuu ijaaruun mootummaa qofa osoo hin taane hirmaannaa qaamolee hawaasaa hunda akka gaafatu hubachiisaniiru.

Kitaabichi yaadama ida’amuu cimsuun dhalootaaf karaa ifaa kan agarsiisuu fi yaadni walitti ida’ame hawaasa guutuu akka ijaaru agarsiisa jedhaniiru.

Qorataa seenaa fi siyaasaa Dr. Alamaayyoo Araddaa gumaacha taasisaniif galateeffataniiru.

Barreessaan kitaabichaa, qorataan seenaa fi siyaasaa Dr. Alamayyoo Araddaa, kitaabichi galteewwan hawaasa guutuu ijaaruuf barbaachisan dabarsuuf kan qophaa’e ta’uu ibsaniiru.

Itiyoophiyaan yeroo dheeraaf walitti bu’iinsa yaada siyaasaa fi Ayidiyooloojii keessa turuu yaadachiisanii, yeroo ammaa garuu karaa namoomaa hordofaa akka jirtu dubbataniiru.

Hayyoonni kitaabicha irratti yaada kennanis, kitaabichi hawaasa guutuu ijaaruuf yaadota furmaataa adda addaa kan dhiyeessuu fi gara fuulduraatti ce’uuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.

Kitaabichi kutaa afurii fi boqonnaa 16 kan qabu yoo ta’u, fuula 328 irratti qophaa’ee dubbistootaaf dhiyaateera.

Yunivarsiitii pabiliik sarviisii Itiyoophiyaatti diiniin kolleejii qorannoo misooma saayinsii hawaasaa Dr. Waaqgaarii Nagarii, kitaabichi jaarraa 21ffaa wajjin wal-simuun akkamitti tarkaanfachuu akka qabnu kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru.

Kitaabichi yaada Ida’amuu kan cimsuu fi dhalootaaf ifa kan agarsiisu ta’uu kaasaniiru.

Qorataan Saayinsii Hawaasaa fi dhimmoota daldalaa Damsee Gaaramaw gamasaaniin, yaadni walitti ida’ame guutummaa kan fiduu fi hawaasa guutuu ijaaruuf gahee olaanaa akka qabu kitaabichi bal’inaan kan ibsu ta’uu dubbataniiru.

Kitaabichi kallattiiwwan furmaataa garaagaraas kan agarsiisu ta’uu hubachiisaniiru.

Kitaabni ‘Milu’innat’ jedhu kutaa afurii fi boqonnaa 16 kan qabu yoo ta’u, fuula 328’n qophaa’ee dubbistootaaf dhiyaateera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015