Tamsaasa Kallatti:

Manni Maree Bulchiinsa Dirree Dhawaa Boru walgahii ariifachiisaa isa jalqabaa gaggeessa


Onkololessa 23/2019 (ENA): Manni Maree Bulchiinsa Dirree Dhawaa walgahii ariifachiisaa jalqabaa Boru, waggaa 1ffaa bara hojii 4ffaa isaa ni gaggeessa jedhan Af-yaa’iin mana marichaa Caaltuu Huseen.

Akka Afyaa’iin kun ibsa miidiyaaleef kennaniin, manni marichaa walga’ii ariifachiisaa kanarratti dambiiwwanii fi muudama adda addaa ni raggaasisa.
Itti dabaluunis manni marichaa muudama dura taa’oota koree dhaabbii adda addaa ni raggaasisa; gibirri qabeenyaafi dambiiwwan biroos ni ragga’u.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015