Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee ganda Ejersa Boolee Shubbuu Mana Jireenyaa ijaarame jiraattotaaf dabarsanii kennaniiru - ENA Afaan Oromoo
Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee ganda Ejersa Boolee Shubbuu Mana Jireenyaa ijaarame jiraattotaaf dabarsanii kennaniiru
Onkoloolessa 22/2019(ENA) : Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee misooma namooma giddu galeessa godhate ganda Ejersa Boolee Shubbuu tajaajilaaf banaa taasisan.
Aadde Adaanech ergaa toora miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin har’a ganda jiraattotaa walitti qindaa’e Boolee Shubbuu Ejersaa namoota misooma kanaan bakka jireenyaa isaanii irraa kaafamaniif ijaarame jiraattota naannichaaf dabarsinee kennineerra jedhan.
Kaayyoon guddaan misooma magaalaa bu’uuraalee misoomaa ijaaruu qofa osoo hin taane, jireenya lammiilee fooyyessuu, mirgaa fi faayidaa isaanii eeguu akkasumas carraa jireenyaa fooyya’aa uumuudha.
Yuunivarsiitiin Hubannoo Namtolchee (AI) magaalaa Finfinneetti ijaaramaa jiru pirojektii biyyaalessaa guddaa guddina teeknooloojii fi dinagdee biyyattii saffisiisuu danda’uu tahuu kan kaasan Aadde Adaanech haa ta’u malee, pirojektiin kun qonnaan bultoota duraan lafa sana qonnaaf, dheedichaafii jireenyaaf itti fayyadamaa turan irratti dhiibbaa waan geessisuuf, isaan fayyadamtoota misoomaa akka ta’an malee miidhamtoota akka hin taane xiyyeeffannoo addaa kennineerra.
Kanaafuu, qonnaan bultoota Boolee Shubbuu Ejersaa pirojektii Yuunivarsiitii Hubannoo Namtolchee (AI) tiif jecha lafa qonnaa fi bakka jireenyaa isaanii irraa kaafamaniif ganda jireenyaa walitti qindaa’e ijaaruun, madda galii fi jireenya isaanii fooyyessuuf tajaajiloota barbaachisoo ta’anis keessatti hammachiifneerra jedhan Kantiibaa Adaanech.
Kunis hariiroo hawaasummaa jiraattotaa eeguun haala jireenyaa fooyya’aa keessa akka jiraatan kan taasisu, sirna misoomaa namooma giddu galeessa godhate tahuu kaasaniiru.
Gandichi manneen jireenyaa dabalatee tajaajiloota akka dallaa loonii,loon aannanii itti horsiisan, akkasumas nyaata beelladaa itti qopheessan,dhaabbilee daldalaa, suuqota, manneen kuusaafi raabsaa oomishaa, akkasumas daakuu midhaanii akka qabu ibsaniiru.
Tajaajilootni kunneen jiraattotaaf haala jireenyaa fooyya’aa uumuun, misooma aannanii fi maddoota galii biroo akka guddisan, hariiroo hawaasummaa isaanii akka tikfatan, akkasumas daa’imman isaanii naannoo mijataa keessatti akka guddatan gargaaruuf qophaa’aniiru.
Misooma jechuun namoota bakka jireenyaa isaanii irraa kaasuu qofa osoo hin taane, sadarkaa jireenyaa isaanii fooyyessuu, dandeettii dinagdee isaanii cimsuu fi abdii egeree isaanii guddisuu dabalatas jedhan Kantiibaa Adaanech ergaa isaaniitiin.
Jiraattota naannichaa waliin yeroo mari’annu, lafti isaanii kun pirojektii biyyaalessaa guddaa ta’eef akka oolu, yuunivarsiitichi ijoollee isaanii carraa barnootaa akka argatan, akkasumas Itoophiyaan sadarkaa addunyaatti dorgomaa akka taatuuf gahee guddaa akka qabu hubatanii, fedhii isaaniitiin tumsa taasisaniiru kan jedhan Kantiibaa Adaanech,tumsa garaa qulqulluudhaan nuuf taasisaniif galata guddaa qabna, kabaja guddaatuu isiinif mala jedhaniiru.
Hojiin kun, tokkummaa fi tumsa irratti hundaa’uun yeroo hojjenne, qaamolee hunda fayyadamtoota taasisuu fi misooma waaraa mirkaneessuu akka dandeenyu kan agarsiisuudha jedhaniiru.
Gandi jiraattota Ejersaa Boolee Shubbuu kun fakkeenya qabatamaa kallattii misooma namooma giddugaleessa godhatee deemnuuti.
Finfinnee ijaaraa jirru, kabajaa, mirgaa fi faayidaa jiraattota ishee hunda kan eegdu, lammiilee hunda qixa fayyadamtoota misoomaa kan taasisitu akka taatuuf kutannoo qabnaas jechuun hubachiisaniiru.
Hoggantoota Bulchiinsa Kutaa Magaalaa Boolee fi namoota adeemsa hojii kana keessatti gumaacha taasisan hundaaf garaa guutuudhaan galata guddaa qabna jechuun Kantiibaa Adaanech galata dhiyeessaniiru.
#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa
#Mootummaa Ida’amuu