Milkaa’ina Dippiloomaasii Itoophiyaa - ENA Afaan Oromoo
Milkaa’ina Dippiloomaasii Itoophiyaa
Onkololessa 22/2019 (ENA): Itiyoophiyaan waltajjiiwwan naannoo fi idil-addunyaa irratti hirmaannaa cimaa fi dippiloomaasii cimsuun ishee dantaa biyyaalessaa biyyattii tajaajiluu qofa osoo hin taane dirree idil-addunyaa irrattis mul’achuun ishee akka dabale hayyoonni himan.
Biyya Baha Afrikaa keessatti nageenyaa fi tasgabbii naannoo fi walitti hidhaminsa dinagdee keessatti gahee seenaa fi adda duree qabdu Itoophiyaan yeroo dhiyoo asitti dhiibbaa dippiloomaasii biyyoota hedduu keessatti qabdu haalaan babal’isaa jirti.
Biyyattiin gara ‘BRICS’tti makamuun ishee waltajjii idil-addunyaa irratti guddina dippiloomaasii ishee haaromsuun damee dinagdee, daldalaa fi invastimantii irratti balbala walta’iinsa haaraa baneera.
Keessattuu, Itoophiyaan yaa’ii Afrikaa fi Raashiyaa 3ffaa Moskootti gaggeeffame irratti hirmaannaa cimaa gochuun ishee fi marii dippiloomaasii cinaatti taasifamu irratti hirmaannaa cimaa gochuun ishee, biyyittiin tumsa tarsiimoo humnoota addunyaa gurguddoo waliin qabdu cimsuu ishee agarsiisa.
Waltajjiin kun Itoophiyaan gama daldalaa, invastimantii, teeknooloojii, misooma anniisaa fi wabii nyaataatiin waliigalteewwan dantaa biyyaalessaa ishee kabachiisan haala mijeessuuf, akkasumas dhimmoota naannoo fi idil-addunyaa irratti ejjennoo cimaa qabdu calaqqisiisuuf carraa guddaa uumeera.
Hayyoonni siyaasaa fi dippiloomaasii hedduun kunniin sagalee fi dhiibbaan Itoophiyaan damee dippilomaasii keessatti qabdu yeroo kamiyyuu caalaa akka socho’u taasiseera jedhu.
Yunivarsiitii Bulee Horaa keessatti barsiisaa saayinsii siyaasaa fi hariiroo alaa kan ta’an Iddoosaa Daggafaa akka jedhanitti; Itoophiyaan waltajjiiwwan dippilomaasii idil-addunyaa irratti ejjennoo cimaa dantaa biyyaalessaa fi ejjennoo cimaa ishee eegu furmaata waloo barbaaduu fi mari’achuuf dandeettii qabdu haalaan guddifachaa jirti.
Barsiisaa Iddoosaan Itoophiyaan konfiraansii idil-addunyaa ‘COP32’ keessummeessituu ta’uun filatamtee fi biyyoota Baha Giddu Galeessaa waliin tumsa dippiloomaasii cimsuu ishee akka fakkeenyaatti kaasaniiru.
Sochiin qaqqabummaa Galaana Diimaa galmaan gahuuf taasifamaa jiru of eeggannoo fi gaarii ta’uu ibsaniiru.
Yuunivarsiitii Jimmaatti kutaa seeraa fi Bulchiinsa irraa Barsiisaan Dalil Ahimad gama isaaniitiin dandeettiin dippiloomaasii Itoophiyaa fi hirmaannaan waltajjiiwwan idil-addunyaa irratti qabdu kan duraanii caalaa guddachaa akka jiru ibsaniiru.
Keessattuu, humnoota nageenyaa, tasgabbii fi birmadummaa biyyattii miidhuuf hojjetan qolachuuf tarkaanfiiwwan fudhataman malees, haala dhugaa biyyattii ilaalchisee odeeffannoo ifa ta’e hawaasa addunyaaf kennuudhaan hojii dippiloomaasii cimsuun dandeettii fooyya’aa ijaaraa akka jiru kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru.
Walga’ii 3ffaa Afrikaa fi Raashiyaa irratti hirmaannaa cimaa Ministirri muummee Abiy yiAhimad (PhD) taasisan taateewwan hariiroon alaa biyyattii babal’achuu agarsiisan keessaa tokko ta’uu eeraniiru.
Akka barsiisaan kun jedhanitti, barbaachisummaan yaa’ii kanaa walitti dhufeenya Afrikaa fi Raashiyaa cimsuu qofa osoo hin taane, ga’ee dippiloomaasii Itoophiyaan Gaanfa Afrikaa fi dirree bal’aa idil-addunyaa keessatti qabdu guddisuuf gargaara.
Kunis kallattii hariiroo alaa biyyattiin hordofaa jirtu kan agarsiisu ta’uu isaa, qaama tokko qofa irratti kan daangeffame osoo hin taane michoota idil-addunyaa adda addaa waliin hariiroo wal-fayyadu uumuuf akka ta’e akeekeera.
Kanaaf Itoophiyaan dhimmoota naannoo fi idil-addunyaa irratti hirmaannaan qabdu, hariiroon biyyoota adda addaa waliin qabdu guddachaa dhufuu, akkasumas waltajjiiwwan idil-addunyaa irratti ejjennoo mataa ishee dabarsuu danda’uun ishee cimee akka jiru ibsaniiru.