Tamsaasa Kallatti:

Godina kibba bahaa Oromiyaatti oomishtummaa rooba gannaa dabaluuf hojjetamaa jira

Onkoloolessa 22/2019( ENA) - Godina kibba bahaa Oromiyaatti oomishtummaa rooba gannaa baranaa milkeessuuf kunuunsii fi eegumsi midhaanii taasifamaa akka jiru waajjirri qonnaa godinichaa beeksise.

Godinni kibba baha Oromiyaa oomisha Qamadii, Xaafii, Boqqolloo, Garbuu fi Biloqqeetiin ni beekama.

Waajjirri qonnaa godina kibba bahaa Oromiyaa qonnaan bulaa waliin qindaa’uun eegumsaa fi kunuunsa midhaaniif taasisuuf duularra jira.

Duulli kun oomishtummaa qonnaa guddisuu fi wabii nyaataa fulla’aa mirkaneessuuf qooda guddaa akka qabaatu ni amanama.

Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godinichaa Obbo Ibraahiim Qaiasoo akka ibsanitti, bara oomishaa 2018/19 lafti hektaarri miliyoona 2.5 ol ta’u midhaan gurguddoon misoomeera. Keessumaa qamadii fi garbuu biiraa bal’inaan kilaastaraan misooman; oomishtummaa guddisuuf xaa’oo fi teeknooloojiiwwan qonnaa ammayyaa hojiirra oolaniiru.

Naannolee gammoojjii fi badda-daree kilaastaroota Asallaa fi Shaashamannee keessatti midhaan gannaa maashinarii fi humna namaatiin walitti qabamaa kan jiru yoo ta’u, naannolee baddaa Asallaa, Roobee fi Gindiiriitti ammoo qamadii fi garbuun biiraa bilchaachaa jira.

Naannolee kanneen keessatti dhukkuboota midhaanii, keessumaa waagii keelloo fi aramaa ittisuuf qoricha farra ilbiisotaa fi farra aramaa xiyyaaraan dabalatee biifuudhaan, akkasumas humna maatii fayyadamuun kunuunsi midhaanii taasifamaa jira. Qonnaan bultoonni dhukkuboota ittisuuf lafa qonnaa isaanii guyyaa guyyaan akka hordofan itti gaafatamaan kun hubachiisaniiru.

Godinichatti bara oomisha gannaa baranaatiin midhaan gurguddoon oomishni kuntaala miliyoona 96.8 ol akka eegamu Obbo Ibraahiim Qasoon ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015