Milkaa'inni misooma Anniisa haaromfamaa Itoophiyaa biyyoota Afriikaa birootiif fakkeenya ta'uu danda'a - ENA Afaan Oromoo
Milkaa'inni misooma Anniisa haaromfamaa Itoophiyaa biyyoota Afriikaa birootiif fakkeenya ta'uu danda'a
Onkoloolessa23/2019(ENA)--Milkaa'inni misooma Anniisa haaromfamaa Itoophiyaa fi kallattiiwwan isheen hordoftu biyyoota Afrikaa birootiif fakkeenya ta'uu danda'a jechuun Itoophiyaatti Imbaasii Deenmaarkitti gorsaan damee Inerjii Toomaas Filuuriin Soreensen ibsan.
Itoophiyaatti gorsaan Imbaasii Deenmaark Toomaas Filuuriin Soreensen turtii ENA waliin taasisaniin kallattiin Itoophiyaan misooma humna haaromfamaa irratti hordoftu sirrii ta'uu ibsaniiru.
Murteewwan Itoophiyaan misooma anniisaa irratti fudhattu biyyoota birootiif kaka’umsa ta'uu isaa ibsuun, guddinni damee kanaan jiru biyyoota Afriikaatiif muuxannoo akka ta'u hubachiisaniiru.
Itoophiyaan omisha Annisa haaromfamaa irratti guddina gaarii agarsiisaa jiraachuu eeruun; karoorawwan fi kallattiiwwan misoomaa damichaan qabaman cimaa ta'uusaa ibsaniiru.
Deenmaark Itoophiyaa waliin damee bishaanii fi inerjiitiin tumsa yeroo dheeraa fi cimaa ta'e akka qabdu ibsaniiru.
Tumsi kun ijaarsa dandeettii dhaabbilee, muuxannoo waljijjiirraa dhaabbiilee damee wal-fakkaatu irratti hojjetan jiddutti taasifamu fi pirojektootamisooma bu'uuraa kan hammatudha jedhaniiru.
Pirojektiin anniisa qilleensaa Asallaas tumsa biyyoota lamaanii kan agarsiisudha jechuun; Deenmaark dame bishaan fi inerjiitiin Itoophiyaaf michuu jabduu ta'uu ishee hubachiisaniiru.
Tumsi biyyoota lamaan jiddus damee dhuunfaa hammachuun caalaatti jabaachuu akka danda'u fi kunis uummata biyyoota lamaaniitiif fayyidaa akka argamsiisu ibsaniiru.
Deenmaark hojiiwwan Itoophiyaan misooma annisaa irratti raawwattuu fi taasiftuuf deeggarsa ishee akka itti fuftu dubbataniiru.