Yuuniiyeeniin waldaa hojii gamtaa Qonnaan Bultoota Booree Baakkoo rakkkoo hanqina sanyii Boqqolloo filatamaa furuuf hojjechaa jira - ENA Afaan Oromoo
Yuuniiyeeniin waldaa hojii gamtaa Qonnaan Bultoota Booree Baakkoo rakkkoo hanqina sanyii Boqqolloo filatamaa furuuf hojjechaa jira
Onkolooleessa 23/2019(ENA)- Godina Giddugaleessa Oromiyaa Aanaa Baakkoo Tibbeetti Boqqolloo Sanyii Filataa Yuuniiyeenii Waldaa Hojii Gamtaa Qonnaan Bultoota Booree Baakkootiin Oomishame daawwatameera.
Daawwannaa Sanyii Filataa Yuuniiyeenii Waldaa Hojii Gamtaa Qonnaan Bultoota Booree Baakkootiin Oomishame irratti itti Aanaa Qonnaa fi itti Gaafatamaa Damee Misooma Qonnaa Qonnaa Godina Giddugaleessa Oromiyaa obbo Tarrafaa Araarsaa dabalatee hoggantooni waajjiraalee adda addaa aanichaa argamaniiru.
Kaayyoon Daawwannaa kanaas hanqina Sanyii Filatamaa Boqqolloo Qonnaan Bultoota mudachaa jiru hambisuun badhaadhina maatii mirkaneessuuf ta'uu ibsameera.
Itti Aanaan Waajjira Qonnaa fi itti gaafatamaa Damee Misooma Qonnaa Godina Giddugaleessa Oromiyaa Obbo Tarrafaa Araarsaa rakkoo sanyii filatamaa qonnaan bultoota mudachaa jiru furuuf Yuuniyeenii waliin ta'uun hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Bulchaan Aanaa Baakkoo Tibbee obbo Maamuyyee Dilboo Aanichatti dinagdee qonnaan bultootaa guddisuuf innisheetiiviiwwan bocamanii gadi bu'an hojiirra oolchuun hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Hojigaggeessaan Yuuniyeenii Waldaa Hojii Gamtaa Qonnaan Bultoota Booree Baakkoo Obbo Ittafaa Sambatoo yuuniyeenichi rakkoo dhiyeessii sanyii boqqolloo filatamaa BH-661 Oomishuun Oomishaa fi Oomishitummaa Qonnaan Bulaa dabaluuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Koomunikeeeshinii aanichaarraa
#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa