Qooda fudhattootni tajaajila Geejjibaa Magaalaa (Taaksii) hojiiwwan hojjattan keessatti ergama maqaa gaarii magaalattii ijaaruu keessanii sirnaan ba'achuuf of qopheessuu qabdu. Obbo Waasee Girmaa - ENA Afaan Oromoo
Qooda fudhattootni tajaajila Geejjibaa Magaalaa (Taaksii) hojiiwwan hojjattan keessatti ergama maqaa gaarii magaalattii ijaaruu keessanii sirnaan ba'achuuf of qopheessuu qabdu. Obbo Waasee Girmaa
Onkoloolessa 22/2019 (ENA) - Guuyyaa Sabaa fi Sablammoota Itiyoophiyaa 21ffaa Magaalaa Jimmaatti kabajamu sababeeffachuun mariin Abbootii qabeenyaa, Konkolaachiftoota fi gargaartota Taaksii waliin gaggeeffameera.
Marichi qindoomina waajjira daandiif geejjibaa fi qajeelcha poolisii magaalaa Jimmaatiin kan qophaa'e yemmuu ta'u, hoggansi olaanoon irratti argamuun mariisisaniiru.
Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Jimmaa Obbo Waasee Girmaa ergaa dabarsaniin kabaja guyyaa ayyaana sabaaf sablammootaa marsaa 21ffaa akka biyyaatti Magaalaa Jimmaatti kabajamu ilaalchisee hojiin isin hojjattan hundi dhimma safuu fi maqaa ummata Jimmaa waliin kan wal qabatu ta'uu hubattanii naamusa guutuun tajaajiluu qabdu jedhan.
Obbo Waaseen itti dabaluun, qaamoleen hojii tajaajila taaksii irratti hirmaataa jirtan hojiiwwan misoomaa fi nageenyaa gurguddoo akka magaalaa Jimmaatti hojjatamaa turee fi jiru keessatti hirmaannaa ho'aa taasisaa turtaniif galata guddaa isiniif qabna jedhaniiru.
Ayyaanni Sabaa fi Sablammoota Itiyoophiyaa 21ffaan bara kana akka biyyaatti magaalaa Jimmaatti kabajamu isinifis magaalaa Jimmaafis carraa guddaa fidee kan dhufu ta'uu hubachuun hirmaattotni ayyaana kanaaf magaalatti dhufan jaalala, nageenyaa fi kabaja magaalattiin ittiin beekamtu qabatamaan arganii ragaa ba'anii akka galaniif naamusa olaanaan tajaajiluu qabdu jedhaniiru.
Itti gaafatamaan Waajjira Nagaa magaalattii Obbo Kadir Abdullee gama isaaniin, keessummootni ayyaana kanaaf gara magaalaa kanaatti dhufan karaa nagaa fi jaalalaan saganticha xumuuranii maqaa gaarii Jimmaan qabdu daran hubatanii akka galaniif ga'ee keessan ba'achuu qabdu jedhaniiru.
Itti gaafatamaan Waajjira Daandii fi Geejjibaa Bulchiinsa Magaalaa Jimmaa Injinar Waaqjiraa Dhinsaa, gama isaaniin; tajaajilli Taaksii tajaajila bu'uraa waan ta'eef naamusa olaanaan hojjatamuu akka qabu kaasanii, dhimmoota akka rakkootti ka'an furuuf qindoominaan hojjanna jedhaniiru.
Hirmaattotni gama isaaniin hojii keenya sirnaan hojjachuun keessummoota kana simannee tajaajiluun maqaa gaarii magaalattii ijaaruu keessatti ga'ee keenya ba'achuuf qophiidha jedhaniiru.
waajjira komunikeeshinii magaalaa Jimmaarraa