Tamsaasa Kallatti:

Irreechi Malkaa Daabanaa Beddelleetti Kabajame

Onkolooleessa 21/2019 (ENA Godina Kibba Lixa Oromiyaatti Ayyaanni Irreecha Malkaa Daabanaa bakka Birbirsa Lakkuutti karaa duudhaa ayyaanichaa eegeen kabajameera.


Ayyaanicharratti kan argaman Abbaan Gadaa Maccaa Abbaa Gadaa Warqinaa Tarreessaa Irreechi eenyummaa Oromoo agarsiisuun alatti waliin jireenya Oromoo fi saboota biro kan cimsu ta’uu ibsaniiru.


Duudhaaf aadaan Oromoo madda dimokraasiif safuuf nagaa waan ta'eef dhaloonni ammaas duudhaa Oromoo ganamaa fudhachuuf dagaagsuun ittifayyadamuu qaba jedhaniiru.


Abbootiin Gadaa fi hirmaattotni ayyaanichaa duudhaa ayyaana irreechaa dagaagsuuf dhalootatti dabarsuuf kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.

Koomunikeeshinii Godinichaarraa

#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa


 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015