Tamsaasa Kallatti:

Badhaasi kun hojiiwwan misoomaa gurguddoo magaalatti keessatti hojjetamanii fi sadarkaa idila-addunyaatti dorgomtuu ta’uu ishee ifatti kan agarsiise – Kantiibaa Adaanech Abeebee

Onkoloolessa 21/ 2019 (ENA)-- Badhaasi kun hojiiwwan misoomaa gurguddoo magaalatti keessatti hojjetamanii fi sadarkaa idila-addunyaatti dorgomtuu ta’uu ishee ifatti kan agarsiise ta’uu Kantiibaa Adaanech Abeebee ibsan 

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti akka beeksisanitti, Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti Sagantaan Qubsuma Namaa (UN-Habitat) badhaasa ‘Shen haay’ 2026 guyyaa magaalota addunyaa sababeeffachuun Chaayinaatti qopheesseen Magaalaan Finfinnee badhaasicha injifateetti.


 

Injifannoon argame kun kan Magaalaa Finfinnee qofaa osoo hin taane seenaa Itiyoophiyaa boonsu tauu himan.

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti, Sagantaan Qubsuma Namaa(UN-Habitat) badhaasa inni Chaayinaatti qopheesse kun, waggaa waggaan magaalota shan filee kan badhaasu yoo tau, ulaagaan isaa misooma magaalaa waaraa, hunda hammataa taeefi ummata giddu galeessa godhate dha.

Haaluma kanaan magaalaan Finfinnee ulaagaalee dorgommichaa mara guutuun magaalota ALA bara 2026 badhaasa kana argatan shanan keessaa tokko tauu ishee Aadde Adaanach beeksisaniiru.

Badhaasni Magaalaa Finfinneef kenname kun kan jalqabaa akka hin taane kan himan Aadde Adaanach ALA bara 2024 “Badhaasa Magaalaa See’ul” kan Kooriyaa Kibbaatti geggeeffame injifachuu ishees yaadachiisaniiru.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015