Tamsaasa Kallatti:

Magaalaan Finfinnee jireenyaaf, turizimii fi carraa hojii uumuuf mijattuu taateetti

Onkololessa 22/2019 (ENA): Magaalaan Finfinnee misoomni koridarii fi qarqara lageenii gaggeeffamaa jiru saffisaa fi qulqullina olaanaan ijaaramaa akka jiru kutaaleen hawaasaa adda addaa ibsaniiru. Kunis magaalattiin jireenyaaf, turizimii fi carraa hojii uumuuf mijattuu akka taatu ishee taasiseera jedhani.

Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr.) Misooma Koridaarii qarqara Lageenii Qacanee hanga Ambaasaaddaraa-Giyoonii, Irreechaa- Baambis lafa bal’ina heektaara 351 qabu eebbisuun tajaajilaaf banaa taasisuun isaanii ni yaadatama.

Pirojektiin guddaan kun eegumsa naannoo jijjiirama magaalaa waliin walitti makuun magaalaa Finfinnee ammayyaa, magariisaa fi jireenyaaf mijataa taasisuuf kan kaayyeffate ta’uu Ministirri Muummee ibsaniiru.
Kutaaleen hawaasaa adda addaa ENA’n qarqara lageeniitti bashannanaa jiran dubbise akka himanitti, misoomni qarqara lageenii kun miidhagina magaalattii kan guddise, walitti dhufeenya hawaasummaa kan cimseefi turizimiidhaaf haala mijataa kan uumedha jedhani.


Shamarreen Harar irraa dhufte Sixootaa Taarikuu pirojektoonni misoomaa magaalaa magaalaa Finfinneetti hojjetamaa jiran baay’ee kan miidhaganii fi daawwattoota kan hawwatan ta’uu dubbatteetti.


 

Shamarree Batsaloot Gaashaawuu gama isheetiin akka misoomni koriidaraa fi qarqara lageenii hawwattummaa magaalattii dabaluun jiruuf jireenyaaf akka mijattu taasiseera jette.

Bakkeewwan dargaggoonni sammuu isaanii itti haaromsan, dhiibbaa jireenya guyyaa guyyaa irraa aaragalfatanii fi yeroo isaanii haala qulqullina qabuun itti dabarsan kan argite ta’uu himteetti.


Obbo Fiqaaduu Tolaa gama isaaniin dur bifti magaalaa Finfiinnee rakkoo qulqullina dhabuu fi foolii badaan kan guutame ta’uu himuun, yeroo ammaa garuu haalli kuni jijjiiramee baay’ee kan namatti tolu ta’uu dubbatani.

 

 



Yaada isaanii ENA’f kan kennan Zakkaariyaas Tashoomaa gama isaaniin akka himanitti, kanaan dura bakkeewwan akkanaa cufaa ta’anii kan tursiifaman ta’uu eeruun,yeroo ammaa garuu misoomni qarqara lageenii hojjetamuun yaa’insa turistii kan dabale ta’uu dubbatani. Kana malees bakka aara galfii ta’uun jireenyaaf mijattuu taasiseera jedhani.


Yaada kennaan kan biraan Ashaagiree Kasiisaa gama isaaniitiin akkuma magaalattiin miidhagaa deemtu yaa’insi turistootaas dabalaa deemaa jiraachuu dubbatani.
Kunis lammiilee hedduudhaaf carraa hojii bal’aa kan uumuu fi sochii dinagdee magaalichaa kan kakaasu ta’uu ibsaniiru.

#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa
#Mootummaa Ida’amuu

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015