Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Yunivarsiitichi qorannoolee rakkoo qonnaan bulaa bu'ureeffatan irratti xiyyeeffannoon hojjachaa jira
Nov 4, 2025 43
Onkoloolessa 25/2018 (TOI)-Yunivarsiitiin Madda Walaabuu qorannoolee rakkoo qonnaan bulaa bu'ureeffatan irratti xiyyeeffannoon hojjachaa jiraachuu beeksise. Guyyaan dirree qorattoota, ogeessotaa fi qonnaan bultoota adda duree hirmaachise geeggeffame. Saganticharratti kan argaman Pirezidaantii ittaanaa dhimmoota akkaadaamii, qorannoo fi ce'umsa teeknooloojii Dr. Bazzaabbih Wandimmuu Yunivarsiitichi qorannoolee rakkoo qonnaan bulaa bu'ureeffatan irratti xiyyeeffannoon hojjachaa jira jedhan. Keessattuu, qorannooleen oomishtummaa sanyii qamadii fooyyessuun fayyadamummaa qonnaan bultootaa daran dabaluu irratti xiyyeeffate agarsiiftuu kanaa ta'uu akeekan. Yunivarsiitichi jiddugaloota qorannoo dhiheenya qonnaan bulaatti baroottan dabre keessa banuun hojiirra jiran qonnaan bultootaa fi horsiisee bultoota hojimaata fooyya'aan walbarsiisaa jiraachuu yaadachiisan. Yunivarsiitichi yeroo ammaatti qonnaan bultoota adda duree godinoota Baalee lamaanii fi Arsii Lixaa hojimaata kilaastaraatiin gurmaa'aniif deeggarsa sanyii filatamaa, galteelee qonnaa fi leenjii ogummaa kennaa fi jiraachuus kaasan. Guyyaan dirree qonnaan bultootaa fi qooda fudhattoota biroo walitti fiduun giddugala qorannoo Yunivarsiitichaatti geeggeffames qaamuma carraaqqii kanaa ta'uu yaadachiisan. Qonnaan bultoonni dubbifne gama isaaniitiin deeggarsa galteelee qonnaatiifii ogummaa Yunivarsiiticharraa argataniin oomishtummaan isaanii dabalaa dhufuu dubbatan.  
Dureeyyiin Awurooppaa Zoonii Diinagdee Addaa Itiyoophiyaa irratti akka hirmaatan deeggarsi barbaachisaan ni taasifama-Dr.Fissahaa Yittaagasuu
Nov 4, 2025 58
Onkoloolessa 25/2018(TOI)- Mootummaan Dureeyyii Awurooppaa zoonii Dinagdee addaa Itiyoophiyaa irratti fayyadamuu warra barbaadaniif deeggarsi barbaachisaa akka taassisu Hojii raawwachiisaan Olaanaa korporeeshinii Misooma Paarkiiwwan Industirii Dr. Fissahaa Yittaagasuu ibsan. Foramiin Invastimatii Itiyoophiyaa fi gamtaa Awurooppaa Faransaay Paarisitti gaggeeffameera. Zooniin Dinagdee addaa damee Invastimantii saffisiisuuf qooda bahaa jiru Itiyoophiyaan foramicharratti dhiheessiteetti. Zoonii Diinagdee Ammayyaa’aa sadarkaasaa eeggatee fi bu’uuraaleen misoomaa guutamanii ijaaraman fi tajaajila qindaa’aa akka kennan ibsameeraf. Fooramicharratti Itiyoophiyaan abbootii qabeenyaaf haala mijataa uumuun, hammattoo seeraa ifaa fi itti gaafatamummaa qabu, Obolummaa Mootummaa fi damee dhuunfaa ilaalchisee hirmaattotaaf ibsi taassifameera. Hojii raawwachiisaa Olaanaan Misooma Paarkiiwwan Industirii Dr.Fissahaa Yittaagasuu Itiyoophiyaan zoonii Dinagdee addaa gidduu gala Industirii qofa osoo hin taane kan Invastimatii, kan innoveeshinii fi daldalaati jedhaniiru. Mootummaan dureeyyiin bu’aa qabeessa akka ta’aniif deeggarsa barbaachisaa ni taassisa jedhaniiru. Hojii raawwachiisaan olaanaa Zoonii Dinagdee addaa Gadaa obbo MootummaaTamasgeen zoonichi bu’ura misoomaa ammayyaa, meeshaalee itti fayyadamaa amanamaa ta’anii fi tajaajiloota garagaraa fedhii irratti hundaa’an qindeessee kan qabate ta’uu dubbataniiru. Kaayyoon keenya Itiyoophiyaa gahumsa Invastimantii taassisuu, guddina mirkaneessuu fi dureeyyii biyya keessaa fi biyya alaaf haala mijataa uumuudha jedhaniiru. Marichaarratti loojistiksii giloobaal Afriikaatti daarekteerri Itiyoophiyaa Haayim konfortii, Itti Aanaan K.F.W Ayiteksii baankii daldalaa Jarman Kariin Mulder fi daarektarri riijinii Afriikaa Bahaa fi Kibbaa Siistiraan dhaabbata gorsaa maandisummaa idil addunyaa Liwiis Deeviid haala invastimantii addunyaa fi misooma lojistiksii ilaalchisuun yaadasaanii qoodaniiru. Fooramicharratti kan hirmaatan dureeyyii Awurooppaa fi gaggeessitoonni daldala zoonii Dinagdee Addaa Itiyoophiyaa manufaakcheringiin, loojistiksiin fi dame daldalaan carraawwan tarsimo’aa jiran bal’isuuf kan deeggran ta’uu hubachiisaniiru. Walitti hidhaminsa diinagdee Itiyoophiyaa fi Gamtaa Awurooppaa gidduu jiru akka cimsan ibsuusaanii ministeerichi odeeffannoo TOI’f ergeen beeksiseera.
Itiyoophiyaan hammattoo “Paartinashiippii giloobaal geet weeyiin” misoomaa fi guddina  hunda galeessa mirkaneessuuf kutannoon ni hojjetti - Ministira Maallaqaa Ahimad Shidee
Nov 4, 2025 54
Onkoloolessa 25/2018(TOI)-Itiyoophiyaan carraalee inisheetiivii Gamtaa Awurooppaa “Paartinashiippii giloobaal geet wayiin ” fayyadamuun guddinaa fi misooma hunda galeessaa mirkaneessuuf kutannoon akka hojjetu Ministirri Maallaqaa Ahimad Shidee ibsan. Fooramiin Invastimatii Itiyoophiyaa fi Gamtaa Awurooppaa faransaay Paarisitti gaggeeffameera. Dhimmoota fooramicharratti mariin gaggeefame keessaa innisheetivii Gamtaa Awurooppaa “Paartinashiippii giloobaal geet wayii”ti. “Paartinashiippii giloobaal geet wayii”’n Innisheetifii Idil-Addunyaa gamtaa Awurooppaa pirezidaantii komishinii Awurooppaa Ursula Von Der Leyin’n gaggeeffamu yoo ta’u, Gamtichi Biyyoota adda addaa waliin Dijiitaalaayizeeshiniin, aannisa haaromfamuun, sirna soorataan, fayyaan, qonna fulla’aan, nagaa fi tagabbii dabalatee dameewwan furtuun tumsa qabuu fi walitti dhufeenya invastimantii cimsuuf kan kaayyeffatedha. Ministirri Maallaqaa Ahimad Shidee fi Qondaaltonni olaanoon Mootummaa Biroon Gamtaa Awurooppaa fi Baankii Gamtaa Invastimatii Awurooppaa haala Innisheetivichaan ijaarsa bu’uuraalee misoomaan Annisaa Haaromfamaan, walitti hidhaminsa Dijiitaalaa fi ce’umsa Misooma Magariisaan yaa’insa Invastimatii guddisuu haala danda’amurratti marii’ataniiru. Ministirri maallaqaa Gamtichaa fi bakka bu’oota Baankichaa waliin Obbolummaa haala cimsuun danda’amurratti kan marii’atan yoo ta’u, Itiyophiyaa giloobaal geet wayiin fayyadamuun guddina hunda galeessa Industirii guddisuu fi jijiirama haala qilleensaaf misooma hin raafamne ijaaruuf kutannoo qabdu ibsaniiru. Marichi Itiyoophiyaa fi Gamtaan Awurooppaa fayyadamummaa waloo haala bu’uura godhateen invastimantii fulla’aa cimsuuf, walitti hidhaminsa Dinagdee dagaagsuu fi hariiroo yeroo dheeraa cimsuuf mul’ata waloo qaban kan agarsiisu ta’uu Odeeffannoon Ministeerri Maallaqaa TOI’f ergeen beeksiseera.
Naannoo Harariitti dhaabbilee daldalaa 336 gatii hin malle dabalan irratti tarkaanfiin bulchiinsaa fudhatame
Nov 4, 2025 43
Onkoloolessa 25/2018 (TOI)- Naannoo Harariitti dhaabbilee daldalaa 336 shaqaxarratti gatii hin malle dabalanii fi gatii shaqaxaa hin maxxansine irratti tarkaanfiin bulchiinsaa fudhatamuuejensiin misooma daldalaa naannichaa ibse. Ejensii misooma daldalaa naannoo Harariitti daarektarri hordoffii fi to’annaa daldalaa obbo Miiliyoon Tsiggee TOI’f akka ibsanitti,naannichatti humni waloo hordoffii fi to’annoo gabaa hundaa’ee dhaabbilee daldalaa shaqaxootaa fi oomishoota biroorratti gatii hin malle dabalanirratti to’annaan taasifamaa jira. Humni waloo dhaabbilee sektara garagaraa irraa walitti dhufan amma aanaatti gurmaa’uun odeeffannoo gabaa walitti qabuu fi gatii gurgurtaa ummanni akka beeku akka maxxansan gochaa turuu eeraniiru. Akkasumas shaqaxoonni man-kuusaa keessatti akka hin kuufamnee fi akka hin miliqfamne sakatta’iinsa gochaa turuu ddabalanii dubbataniiru.. Amma ammaatti dhaabblee daldalaa kuma 3 fi 565 irratti hordooffii fi to’annaa gochuu isaa fi dhaabbilee daldalaa gatii hin malle dabaliinii fi gatii gurgurtaa kan hin maxxansine 336 irratti tarkaanfii seerraa fudhachuusaa dubbataniiru. Kanneen keessaa 3 maallaqaan kan adabaman yemmuu ta’u kanneen hafan saamsamuu, dinniinni afaanii fi barreeffamaa kennamuu ibsaniiru. Kana malees naannichatti buufataalee boba’aa gatii hin malleen boba’aa osoo gurguranii argaman lama irratti himannaan banamee dhimmisaanii mana murtiin ilaalamaa akka jiru dubbataniiru. Kana malees ejensichi hanqinni dhiheessii shaqaxaa akka hin mudanne oomishaalee naannichatti oomishaman gabaa Sanbataa fi Dilbataan hawaasaaf dhiheessuu akkasumas waldaalee fi Yuuniyeenota waliin qindaa’uun oomishoonni bakka biraa irraa galfamuu isaa dubbataniiru.
Kan mul'ate

Dhuma bara hojii Mana richaarraa maaltu eeggamaa
Nov 3, 2025 219
Onkoloolessa 24/2018(TOI)-Mana maree bakka bu’oota Uummataa Marsaa 6ffaa bara hojii dhumaarra dhimmoonni eegaman maalfa’ii ? Mana maree bakka bu’oota Uummataa Marsaa 6ffaa bara hojii 5ffaan bara kana ni xumurama jedhameetu eegama. Manni marichi Aangoo heera mootummaan kennameef bu’uureffachuun seera ni baasa, dhaabbiilee raawwachiiftotaa ni hordofa, ni to’ata. Dippiloomaasii Paarlaamaa akkasumas bakka bu’ummaa ummataa ni raawwata. Manni marichi waggoottan Afran darban jijiirama biyyoolessaa caalaatti kan saffisiisanii fi hojiiwwan gaaffiiwwan misoomaa fi bulchiinsa gaarii uummataa ilaallatan hojjechaa turuusaa Miseensonni Mana Maree kaasaniiru. Dhimmicharratti Miseensonni Mana maree bakka bu’oota uummataa TOI’n dubbise yeroo hojiisaanii hafe guddina hunda galeessa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf hojiiwwan eegalaman caalaatti bu’aa qabeessa akka ta’aniif cimmanii akka hojjetan mirkaneessaniiru. Miseensota Mana Maree keessaa Dr.Mabiraatuu Alamuu bara qabame dhimmoota eegaman keessaa Komishiniin Mareen biyyoolessaa ajandaawwan filatamanirrattii marii taassisudha jedhaniiru. Komishinichi cabinsa siyaasa Itiyoophiyaa suphuu fi rakkoowwan turan aadaa mariin furuuf dagaagsuuf furmaata akka fidu amanamuusaa kaasaniiru. Manni marichi yeroo hojiisaa hafetti komishiniin marii biyoolessaa gara hojiitti akka galuu fi rakkoowwan mariin furmaata akka argataniif cimsee ni hojjeta jedhaniiru. Gareen obbolaawwan Paarlaamaa Itiyoophiyaan biyyoota Ollaa waliin hariiroo qabdu caalaatti cimsuuf xiyyeeffanoon akka hojjetan kan ibsan immoo miseensa mana maree biroo Saadiq Adami. Dippiloomasii paarlaamatiin faayidaa biyyoolessa Itiyoophiyaa kan kabachiisanii fi dhimmoota fedhii misooma biyyattii hubachiisan irratti bal’inaan ni hojjetama jedhaniiru. Miseensa Mana Maree bakka bu’oota Ummataa Dr. Alamuu Gonfaa gamasaaniin, bara bajataa qabametti Itiyoophiyaatti Pirojektoonni misoomaa hedduun eegalamuusaanii ibsaniiru. Miseensonni mana marichaas yeroo hojiisaanii waggaa dhumaa pirojektoota kana saffisa foyya’aa fi kalaqaan akka dhugoomuuf deeggarsaa fi hordoffii addaa taassisu jedhaniiru. Mana maree Itti aanuuf haala mijataa uumuu fi qooda miseensota mana maree bakka bu’oota ummataa waggaa shanii ta’uu hubachiisaniiru.
Riijinichatti Wabii nyaataa Mirkaneessuuf tattaaffiiwwan ta’aniif deeggarsi taassifama-IGAD
Nov 3, 2025 104
Onkoloolessa 24/2018(TOI)-Riijinichatti wabii nyaataa, omishtummaa Qonnaa mirkaneessuuf tattaaffiiwwan taassifamaniif deeggarsi akka taassifamu IGAD beeksise. IGAD workishooppii Mirkaneessa Tarsiimoo Qorannoo Jallisii Magaalaa Finfinneetti gaggeessaa kan jiru yoo ta’u, saganticharratti bakka bu’oonni biyyoota miseensa Riijinichaa hirmaachaa jiru. IGADtti Daarektarri tumsa Diinagdee fi walitti hidhaminsa Riijinii Moheeladdiin Alitohamii wayita kana akka jedhanitti, Riijinichi hongee fi rakkoo dhiheessii bishaaniin rakkachaa jira. Biyyoonni Miseensa IGAD omishtummaa Qonnaa dabaluuf misooma jallisii fi qabeenya bishaanii qabachuuf dursa kennuu akka qaban hubachiisaniiru. Tarsiimoon jallisii Riijinichatti humna jallisii fi misooma Qonnaa guddisuuf, wabii nyaataa mirkaneessuu fi mancaatii naannoof furmaata kennuuf murteessaa ta’uu dubbataniiru. Riijinichatti lafti Qonnaaf mijataa ta’e jiraachuu hordofee omishtummaa Qonnaa Jallisiin deeggaruun guddisuun akka danda’amu eeraniiru. Ministeera jallisii fi Naannoowwan gamoojjiitti hojii gaggeessaan Diizaayinii pirojektoota Jallisii Yaared Mulaat gamasaaniin biyyoonni miseensaa hongee dedeebi’aa fi dhimma rakkoon raabsa dhiheessii bishaanii hordofiisaniin qoramaa jiraachuu dubbataniiru. Damee Qonnaan jallisii babal’isuu, omishtummaa qonnaa fooyyessuu, Jireenya fulla’aa hawaasa baadiyaa mirkaneessuu, hiyyummaa hir’isuu fi wabii nyaataa mirkaneessuuf daandii guddaa ta’uu dubbataniiru. Hammattoo misooma jallisii fi Bulchiinsa Bishaanii Itiyoophiyaa bocuu fi duudhaaleesaa hojiirra oolchuun hirmaannaa taassisaa jirachuu eeraniiru. Hammattichi karoora Ardii ta’us, Tarsiimoo biyyoolesaa Itiyoophiyaa fi imaammattoota kaayyoowwansaa waliin walsimuusaanii dubbataniiru. Mootummaan saaxilamummaa Jijiirama Haala qilleensaa hir’isuuf eegumsa biyyee fi bishaanii, qabinsa sulula bishaanii irratti sagantaawwan xiyyeeffatan bocee hojjechaa jiraachuu beeksiseera. Itiyoophiyaan Pirojektoota Jallisii Guddaa, Gidduu galeessaa fi xiqqaa ijaruurratti akka argamtu beeksisuun karoorawwan jiran ammayyeessuu fi raawwiisaanii fooyyeessuuf tattaaffiiwwan gargaaran itti fufuusaanii kaasaniiru. Qamadii fi RuuziinJallisiin misoomaa jiru akkasumas Ashaaraa magariisaa Innisheetivoota jijiirama biyyoolessaa ta’uusanii eeraniiru. Qoodni tarsiimichaa guddaa fi qabeenya hin tuqamne kan qabdu Afriikaan caalaatti omishaa fi egeree dhaabbataa ta’e mirkaneessuuf kan dandeessisu ta’uu eeraniiru.
Humnoonni hojii baandaa raawwachaa jiran hojii biyya ganuurraa of qusachuu qabu – fiildi maarshaal Birhaanuu Juulaa
Nov 3, 2025 150
Onkoloolessa 24/2018(TOI)- Humnoonni gocha baandaa raawwachaa jiran hojii biyya ganuurraa of qusachuu akka qaban Itaamaajoor Shuumiin humnoota waraanaa walii gala fiildi maarshaal Birhaanuu Juulaa ibsan. Haleellaan raayyaa ittisaa Izzii kaabaarratti raawwatame kan yaadatamu gochi gaddisiisaan raawwatame kan yaadatamu yoomiyyuu akka hindeebine yaadachuuf ta’uu Itaamaajoora Shuumiin humnoota waraanaa walii gala ibsaniiru. Raayyaan ittisaa Izzii Kaabaa Yaadannoo haleellaa irratti raawwatame waggaa shanaffaa mata duree “akka hindeebine yoomiyyuu hin hrraanfannu” jedhuun wiirtuu leenjii izzii komaandoo fi humna qilleensaatti Bishooftuutti kabajameera. Onkoloolessa 24 bara 2013 waggaa shan dura qaama raayyaa ittisa biyyaa kan ta’e Izzii Kaabaarratti hojiin gantummaa akka irratti raawwatame ni beekama. Itaamaajoor Shuumiin humnoota waraanaa walii gala Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa, Itti aanaan Itaamaajoor shuumii humnoota waraanaa walii gala Jeneraal Ababaawu Taaddasaa fi qondaaltonni jeneraalaa onaanoo biroo fi miseensonni raayyaa ittisaa saganticharratti, argamaniiru. Itaamaajoor Shuumiin humnoota waraanaa walii gala Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa wayita kana akka jedhanitti, Onkoloolessi 24 yaadannoo wareegamtoota Izzii kaabaati. Raayyaan ittisaa daangaa biyyasaa kabachiisuun birmadummaa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf qophii ta’uus dubbataniiru. Miseensonni raayyaa ittisaa izzii kaabaa naannoo Tigraayiif dahannoo fi dallaa akka ture ibsanii, amma ammaatti Izzii kaabaan alatti lammii isaatiin haleellaan kan irra gahe akka hin uumamne dubbataniiru. Raayyaan ittisaa ofirraa hir’isee Tigraayitti mana barumsaa hedduu, dhaabbilee fayyaa fi misooma qonnaa akka raawwate ibsanii, gochi Onkoloolessa 24 raawwatame garuu seenaa Itiyoophiyaa keessatti godaannisa bara baraati jedhaniiru. Haleellaan Izzii kaabaarratti raawwatame yoomiyyuu akka hin hirraanfatamne ta’uu ibsanii, guyyaan kun kan yaadatamu kana booda akka hin deebineef ta’uu dubbataniiru. Fiildi maarshaal Birhaanuu Juulaa guyyaa kana yemmuu yaadatan, mootummaan wayita sana walitti bu’iinsa bakka garagaraatti ture qabbaneessuuf yeroo itti dhama’u malee waraanaaf qophiirra akka hin turre yaadataniiru. Mootummaan yeroo hundaa daandii nagaaf balballisaa banaa taassisuu eeruun, kaleessarra barachuu dhabun walmorkiin taassifamu dhaabbachuu qaba jedhaniiru. Miseensonni muraasni ABUT qaamolee hidhatan deeggaruun, biyyoota ollaa waliin hidhata uumuun biyya diiguuf D.D.R.’n kan walitti qabaman diiguun walii galtee nagaa Piriitooriyaa cabsaa jiraachuu ibsaniiru. Humnoonni hojii baandaarratti bobba’an kan ummata bakka hin buune kunneen hojiiisaanii biyya gantummaarraa of qusachuu akka qaban dubbataniiru. Daarektarri Olanaan Ijaarsa Xinsammuu Raayyaa Ittisa biyyaa Mejer Jeneraal Indaalkaachoo Waldakidaan gamasaaniin, waggaa shanii dura miseensora raayyaa Ajaja Kaabaarratti haleellaan raawwatame birmadummaa biyyarratti shira yaadame ta’uu eeraniiru. Yeroon yaadannoo Ajaja kabaa haala yeroosaa gituun kabajamaa jira jedhaniiru. Haleellaan raawwatame akka hin dabalamneef yoomiyyuu hin dagannu kan jedhan Mejer Jeneraal Indalkaachoon, haleellicha qolachuuf miseensota raayyaa Aarsaa kaffalan yaadachuu fi qabsosaaniif beekamtii kennuuf akka kabajamu ibsaniiru.  

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Dhuma bara hojii Mana richaarraa maaltu eeggamaa
Nov 3, 2025 219
Onkoloolessa 24/2018(TOI)-Mana maree bakka bu’oota Uummataa Marsaa 6ffaa bara hojii dhumaarra dhimmoonni eegaman maalfa’ii ? Mana maree bakka bu’oota Uummataa Marsaa 6ffaa bara hojii 5ffaan bara kana ni xumurama jedhameetu eegama. Manni marichi Aangoo heera mootummaan kennameef bu’uureffachuun seera ni baasa, dhaabbiilee raawwachiiftotaa ni hordofa, ni to’ata. Dippiloomaasii Paarlaamaa akkasumas bakka bu’ummaa ummataa ni raawwata. Manni marichi waggoottan Afran darban jijiirama biyyoolessaa caalaatti kan saffisiisanii fi hojiiwwan gaaffiiwwan misoomaa fi bulchiinsa gaarii uummataa ilaallatan hojjechaa turuusaa Miseensonni Mana Maree kaasaniiru. Dhimmicharratti Miseensonni Mana maree bakka bu’oota uummataa TOI’n dubbise yeroo hojiisaanii hafe guddina hunda galeessa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf hojiiwwan eegalaman caalaatti bu’aa qabeessa akka ta’aniif cimmanii akka hojjetan mirkaneessaniiru. Miseensota Mana Maree keessaa Dr.Mabiraatuu Alamuu bara qabame dhimmoota eegaman keessaa Komishiniin Mareen biyyoolessaa ajandaawwan filatamanirrattii marii taassisudha jedhaniiru. Komishinichi cabinsa siyaasa Itiyoophiyaa suphuu fi rakkoowwan turan aadaa mariin furuuf dagaagsuuf furmaata akka fidu amanamuusaa kaasaniiru. Manni marichi yeroo hojiisaa hafetti komishiniin marii biyoolessaa gara hojiitti akka galuu fi rakkoowwan mariin furmaata akka argataniif cimsee ni hojjeta jedhaniiru. Gareen obbolaawwan Paarlaamaa Itiyoophiyaan biyyoota Ollaa waliin hariiroo qabdu caalaatti cimsuuf xiyyeeffanoon akka hojjetan kan ibsan immoo miseensa mana maree biroo Saadiq Adami. Dippiloomasii paarlaamatiin faayidaa biyyoolessa Itiyoophiyaa kan kabachiisanii fi dhimmoota fedhii misooma biyyattii hubachiisan irratti bal’inaan ni hojjetama jedhaniiru. Miseensa Mana Maree bakka bu’oota Ummataa Dr. Alamuu Gonfaa gamasaaniin, bara bajataa qabametti Itiyoophiyaatti Pirojektoonni misoomaa hedduun eegalamuusaanii ibsaniiru. Miseensonni mana marichaas yeroo hojiisaanii waggaa dhumaa pirojektoota kana saffisa foyya’aa fi kalaqaan akka dhugoomuuf deeggarsaa fi hordoffii addaa taassisu jedhaniiru. Mana maree Itti aanuuf haala mijataa uumuu fi qooda miseensota mana maree bakka bu’oota ummataa waggaa shanii ta’uu hubachiisaniiru.
Humnoonni hojii baandaa raawwachaa jiran hojii biyya ganuurraa of qusachuu qabu – fiildi maarshaal Birhaanuu Juulaa
Nov 3, 2025 150
Onkoloolessa 24/2018(TOI)- Humnoonni gocha baandaa raawwachaa jiran hojii biyya ganuurraa of qusachuu akka qaban Itaamaajoor Shuumiin humnoota waraanaa walii gala fiildi maarshaal Birhaanuu Juulaa ibsan. Haleellaan raayyaa ittisaa Izzii kaabaarratti raawwatame kan yaadatamu gochi gaddisiisaan raawwatame kan yaadatamu yoomiyyuu akka hindeebine yaadachuuf ta’uu Itaamaajoora Shuumiin humnoota waraanaa walii gala ibsaniiru. Raayyaan ittisaa Izzii Kaabaa Yaadannoo haleellaa irratti raawwatame waggaa shanaffaa mata duree “akka hindeebine yoomiyyuu hin hrraanfannu” jedhuun wiirtuu leenjii izzii komaandoo fi humna qilleensaatti Bishooftuutti kabajameera. Onkoloolessa 24 bara 2013 waggaa shan dura qaama raayyaa ittisa biyyaa kan ta’e Izzii Kaabaarratti hojiin gantummaa akka irratti raawwatame ni beekama. Itaamaajoor Shuumiin humnoota waraanaa walii gala Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa, Itti aanaan Itaamaajoor shuumii humnoota waraanaa walii gala Jeneraal Ababaawu Taaddasaa fi qondaaltonni jeneraalaa onaanoo biroo fi miseensonni raayyaa ittisaa saganticharratti, argamaniiru. Itaamaajoor Shuumiin humnoota waraanaa walii gala Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa wayita kana akka jedhanitti, Onkoloolessi 24 yaadannoo wareegamtoota Izzii kaabaati. Raayyaan ittisaa daangaa biyyasaa kabachiisuun birmadummaa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf qophii ta’uus dubbataniiru. Miseensonni raayyaa ittisaa izzii kaabaa naannoo Tigraayiif dahannoo fi dallaa akka ture ibsanii, amma ammaatti Izzii kaabaan alatti lammii isaatiin haleellaan kan irra gahe akka hin uumamne dubbataniiru. Raayyaan ittisaa ofirraa hir’isee Tigraayitti mana barumsaa hedduu, dhaabbilee fayyaa fi misooma qonnaa akka raawwate ibsanii, gochi Onkoloolessa 24 raawwatame garuu seenaa Itiyoophiyaa keessatti godaannisa bara baraati jedhaniiru. Haleellaan Izzii kaabaarratti raawwatame yoomiyyuu akka hin hirraanfatamne ta’uu ibsanii, guyyaan kun kan yaadatamu kana booda akka hin deebineef ta’uu dubbataniiru. Fiildi maarshaal Birhaanuu Juulaa guyyaa kana yemmuu yaadatan, mootummaan wayita sana walitti bu’iinsa bakka garagaraatti ture qabbaneessuuf yeroo itti dhama’u malee waraanaaf qophiirra akka hin turre yaadataniiru. Mootummaan yeroo hundaa daandii nagaaf balballisaa banaa taassisuu eeruun, kaleessarra barachuu dhabun walmorkiin taassifamu dhaabbachuu qaba jedhaniiru. Miseensonni muraasni ABUT qaamolee hidhatan deeggaruun, biyyoota ollaa waliin hidhata uumuun biyya diiguuf D.D.R.’n kan walitti qabaman diiguun walii galtee nagaa Piriitooriyaa cabsaa jiraachuu ibsaniiru. Humnoonni hojii baandaarratti bobba’an kan ummata bakka hin buune kunneen hojiiisaanii biyya gantummaarraa of qusachuu akka qaban dubbataniiru. Daarektarri Olanaan Ijaarsa Xinsammuu Raayyaa Ittisa biyyaa Mejer Jeneraal Indaalkaachoo Waldakidaan gamasaaniin, waggaa shanii dura miseensora raayyaa Ajaja Kaabaarratti haleellaan raawwatame birmadummaa biyyarratti shira yaadame ta’uu eeraniiru. Yeroon yaadannoo Ajaja kabaa haala yeroosaa gituun kabajamaa jira jedhaniiru. Haleellaan raawwatame akka hin dabalamneef yoomiyyuu hin dagannu kan jedhan Mejer Jeneraal Indalkaachoon, haleellicha qolachuuf miseensota raayyaa Aarsaa kaffalan yaadachuu fi qabsosaaniif beekamtii kennuuf akka kabajamu ibsaniiru.  
Gaaffiin ulaa galaanaa jiraachuu fi jiraachuu dhabuu biyyaa fi dhimma faayidaa biyyaalessaa waan ta’eef hojiirra oolmaasaaf ni hojjetama-Mana maree waloo
Oct 31, 2025 514
Onkoloolessa 21/2018(TOI)-Gaaffii ulaa galaanaa jiraachuu fi jiraachuu dhabuu biyyaa fi dhimma faayidaa biyyaalessaa gochuun hojiirra oolmaasaaf kan hojjetu ta’uu manni maree waloo paartilee siyaasaa naannoo Oromiyaa ibse.   Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad miseensota mana maree bakka bu’oota ummataaf dhimmi galaana diimaa gaaffii seera qabeessa, seenaa qabeessaa, teessuma lafaa fi dinagdee jenneetu amanna jechuun isaanii ni yaadatama. Itiyoophiyaan itti cufamee jiraachuu hin dandeessu, olloota keenyaaf waanti jechuu barbaannu Itiyoophiyaan yemmuu guddattu misooma riijinichaaf madda taati, kan barbaannu tumsaan guddachuudha, kanaaf dhimmi ulaa galaanaa Itiyoophiyaaf dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuuti jechuun cimsanii dubbataniiru. Hooggantoonni paartilee siyaasaa waloo naannoo Oromiyaa TOI’ waliin turtii taasisaniin, gaaffiin ulaa galaanaa dhugaawwan seera qabeessa, seena qabeessaa fi teessuma lafaa kan bu’uureffate ta’uu ibsaniiru.   Itiyoophiyaan waggoota dheeraaf ulaa galaanaa qabaachaa kan turte, sochii ji’oo-siyaasaa qaxanichaanis hirmaannaa guddaa qabaachaa kan turte ta’uu yaadatanii, waggoota 30 darbe ulaa galaanaa malee turuunshee kan nama gaabbisiis ta’uu kaasaniiru. Barreessaan olaanaa mana maree waloo Taarikuu dinbaruu, gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaan gaafatte ajandaa ta’ee as bahuunsaa murteessaa fi dhimma bu’uraa waan ta’eef mootummaan galateeffamuu qaba jedhaniiru. Yaa’iin walii gala barbaachisummaa fi gaaffii haala yeroo ta’uusaa walii galtee waloorra gahee hojiirra oolmaasaaf qoodasaa bahuuf qophii ta’uusaa mirkaneessaniiru. Ulaan galaanaa Itiyoophiyaan hiyyummaa keessaa kan ittiin baatu, guddummaa dippilomaasii riijinichatti kan ittiin mirkaneessitu,daldalashee kan ittiin si’eessitu dhimma murteessaa waan ta’eef manni marichaa ni deeggara kan jedhan ammoo walitti qabaa mana marichaa obbo Salamoon Taaffasaati. Dhimma ulaa galaanaa ajandaa biyyaa akka ta’u kan taasisan ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad galata guddaa akka qaban dubbatanii, gaaffichi meeshaa olaanaa dhimmi Itiyoophiyaa itti mirkanaa’udha jedhaniiru. Manni maree waloo naannichaa paartileen siyaasaa 22 miseensa itti ta’an, gaaffii ulaa galaanaa jiraachuu fi jiraachuu dhabuu biyyaa fidhimma faayidaa biyyaalessaa gochuun akka fudhatu ta’uusaa fi deebiisaafis kan hojjetu ta’uu mirkaneesseera.
Dhimmii Ulaa galaanaa gaaffii waloo keenyaa  deebii argachuu qabudha- mana maree waloo  paartiilee morkattootaa
Oct 31, 2025 337
Onkoloolessa 21/2018(TOI)-Dhimmii Ulaa galaanaa dhimma faayidaa biyyoolessaa waan ta’eef gaaffii waloo keenyaa deebii argachu qabudha jechuun Manni Maree Paartii Morkattootaa Naannoo Amaaraa ibsan. Walitti qabaa Mana maree paartii Morkattootaa Naannoo Amaaraa fi durataa’aan humna sochi dimokiraasii Amaaraa Tasfaahun Alamneeh turtii TOI waliin taassisaaniin gaaffiin ulaa galaanaa dhimma biyyaa fi faayidaa biyyoolessaa waan ta’eef dhimma deebii argachuu qabu gaaffii waloo keenyaati jedhaniiru. Garaagarummaan ilaalcha siyaasaa jiaatus dhimma faayidaa biyyaarratti ejjennoo addaa kan hin qabne ta’uusaanii kaasuun gama Kanaan sochii Mootummaa eegalee fi Ejjannoo qabate ni dinqisiifanna ni deeggaraas jechuun mirkaneessaniiru. Dhimma kanarratti manni maree waloo dhiheenyatti akka hojjetuu fi tokkommaa sabdaneessummaashee fi faayidaa biyyoolessaashee biyya kabajameefii ijoollee keenya dhaalchisuuf ni hojjenna jedhaniiru. Akka mana maree paartiilee morkattootaatti nageenya buusuuf seera kabachiisuu fi dhimmoota keessoorratti waloon akka hojjennu hunda faayidaa biyyoolessaa fi dhimma Ajandaa biyyaarratti waloon hojjechuun dirqama keenya jedhaniiru. Mootumman Abbummaa ulaa galaanaa mirkaneessuuf yeroo hiriiru faallaan dhaabbachuun seenaatiin komatamaa kan nama taassisuu fi nageenya sammuu kan nama dhorkatu ta’uu kaasaniiru. Ministirri Muumee Dr. Abiyyi Ahimad guyyoota muraasa dura miseensota mana maree bakka bu’oota uummaataaf ibsa kennaaniin dhimma ulaa galaanaa argachuun kan hin jijiiramne ta’uusaa ejjennoon dubbachuun saanii ni yaadatama.
Nageenyi Godina Wallaga Lixaatti bu’e hirmaannaa fi fayyadamummaa Misoomaa guddisaa jira- Jiraattota Godinichaa
Oct 30, 2025 430
Onkoloolessa 20/2018(TOI) - Nageenyi Godhina wallaga Lixaatti bu’e hirmaanaa misoomaa fi fayyadamummaasaanii guddisaa jiraachuu jraattonni godinichaa TOI’n dubbise ibsan. Nageenyi Naannichatti bu’e sochii Hawaasummaa fi Dinagdee haala fooya’een akka raawwatamani taassisuusaa jiraattonni dubbataniiru. Jiraattota Godinichaa yaadasaanii kennan keessaa Obbo Ayyaanaa Mangashaa rakkoon nageenyaa ammaan dura naannichatti mudatee turee maqee nageenyi bu’uusaatiin hojii misoomaarratti akka ciman taassiseera. Kunis gannaa fi bona hojii misoomaarratti hirmaannaa taassisan akka dagaaguu fi fayyadamummaansaanii guddachaa akka dhufu gochuusaa dubbataniiru. Keessumaa hojiiwwan misoomaa hawaasicha fayyadan raawatamaa jiraachuu eeruun hojiiwwan misoomaa kun milkaa’inaaf akka gahanii fi nageenyi argame fulla’aa akka ta’uuf qoodasaanii akka bahan ibsaniiru. Hirmannaa mootummaa fi uummataan nageenya naannoosaaniitti bu’een soda tokko malee socho’uun hojiisaanii hawaasummaa fi Diinagdee raawwachaa jiraachuu isaanii kan dubbatan immoo adde Ayyaantuu Horaati. Fuulduratti hojiiwwan misooma akka itti fufaniif nageenya cimsuuf tattaaffii taassifamaniif qooda gamasaanii akka bahatan ibsaniiru. Jiraataan obbo Magarsaa Aagaa jedhaman gamasaaniin, nageenya Godinichatti bu’een sochiin kallattii hundaan taassisan guutuu ta’uu fi keessumaa qonnaan bulaan sodaa tokko malee hojiisaa guyyaa guyyaa raawwachaa jiraachuu ibsaniiru. Fuuldurattis nageenya fulla’aa gochuurratti jiraattota nannoosaanii waliin wal-tumsuun hirmaannan hojii misoomaarratti taassisan akka cimsan dubbataniiru. Itti gaafatamaan Waajjira Bulchiinsaa fi nageenyaa Godina wallaga lixaa Geetahuun Tarfeessaa akka ibsanitti, godinichatti ummanni qaamolee ngeenyaa waliin ta’ee hojjechuusaan nageenyi fulla’aan bu’eera. Ummanni sodaa tokko malee socho’ee hojiisaa akka hojjetuuf haalli mijataan uumamuusaan uummann garaa guutuun hojii misoomaarratti hirmaachaa jira jedhaniiru. Nagenya bu’een hojiiwwan misoomaa eegalaman itti fufuusaanii fi nageenya argame cimsanii tursiisuuf ummanni qoodasa cimsuu qaba jedhaniiru.
Itiyoophiyaan ulaa galaanaa isheef malu gaafachuunshee qananii miti – Hayyoota
Oct 29, 2025 451
Onkoloolessa 19/2018 (TOI)-Itiyoophiyaan ulaa galaanaa qaamolee guddinashee hin barbaannee fi ragaan bakka hin jirretti shiraan irraa fudhatame gaafachuunshee mirga malee qananii akka hin taane hayyoonni ibsan. Manni maree bakka bu’oota ummataa 6ffaa bara hojii 5ffaa bakka Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad argamanitti kaleessa walgahii idilee lammaffaa gaggeesseera. Ministirri muummee Dr, Abiyyi Ahimad wayita kana galaana Diimaan walqabatee ibsa kennaniin, dhimmi galaana diimaa gaaffii seera qabeessa, seena qabeessa, haala teessuma lafaa fi dinagdee ta’uu Itiyoophiyaan ni amanti jedhaniiru. Itiyoophiyaan galaana diimaa akka dhabdu eenyu murteesse jennee yoo sakattaanu ragaan hin argamne, dhaabbileenis harka keessaa akka hin qabne kaasaniiru. Ulaan galaanaa dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu waan ta’eef Itiyoophiyaan itti cufamee jiraachuu waan hin dandeenyeef tattaaffiin gootu cimee akka itti fufu ibsaniiru. Hayyoonni TOI’n dhimmicharratti dubbise akka jedhanitti,Itiyoophiyaan qaamolee badhaadhinashee hin barbaanneen kan harkaa fudhatame qaamashee kan ta’e gaafachuun mirga malee qananii akka hin taane himaniiru. Barsiisaan dippilomaasii fi hariiroo idil addunyaa barsiisa Indaalee Nugusee, akkaataan Itiyoophiyaan ulaa galaanaa itti dhabde daba malee seera qabeessa akka hin taane kaasanii, Itiyoohiyaan ulaa galaanaa argachuu qabdi jedhee mootummaan amanee ajandaa gochuunsaa seeraanis ta’e safuudhaan sirrii ta’uu eeraniiru. Adeemsi dippilomaasii Itiyoophiyaan ulaa galaanaa shiraan dhabde argachuuf itti jirtu Akka cimsitu gorsaniiru. Yuunivarsiitii Boongaatti barsiisaa fi qorataan Saayinsii Siyaasaa fi hariiroo idil addunyaa Dr. Yaared Ayyaalew gamasaaniin Itiyoophiyaan ulaa galaanaa fayyadamuunshee faayidaansaa kan riijinichaas ta’uu akka ta’u dubbataniiru. Itti fayyadama waloof jecha riijinicha dabalatee hawaasni addunyaa Itiyoophiyaan kan gaafatte qaamashee waan ta’eef Itiyoophiyaan ulaa galaanaa akka argattu deeggaruu akka qaban dubbataniiru.

Hawaasummaa
Hojiiwwan qulqullinaa fi dhaqabamummaa tajaajila fayyaa fooyyessuuf hojjetaman muxannoon kan fudhatamanidha-Dhaabbata fayyaa Addunyaa
Nov 3, 2025 121
Onkoloolessa 24/2018(TOI)-Hojiileen Itiyoophiyaan Qulqullinaa fi dhaqabamummaa tajaajila fayyaa babal’isuuf hojjete kan dinqisiifatamanii fi kan muuxannoon irraa fudhataman ta’uu dhaabbanni fayyaa Addunyaa beeksise. Dhaabbata fayyaa Addunyaatti bakka bu’aan Itiyoophiyaa, Gamtaa Afriikaa fi kommishinii dinagdee Afriikaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Piroofeesar Firaansis chiisakat akka jedhanitti, Itiyoophiyaan waliin gahiinsa tajaajila fayyaa qulqulluu lammiilee babal’isuuf hojiin hojjette kan dinqisiifatamuu fi kan muuxannoon irraa fudhatamudha. Piroofeesar Firaansis chiisakat TOI’f akka ibsanitti, waggoottan muraasa darban Itiyoophiyaan damee fayyaan milka’ina guddaa galmeessisteetti. Itiyoophiyaatti lammiileen tajaajila qulqullina qabu akka argataniif dhiheessii meeshaalee wal’aansaa adda addaa dhaqabsiisuun, akkasumas biyya keessatti qoricha omishuurratti hojii milkaa’ina qabu hojjechaa jirti jedhaniiru. Dhaabbanni fayyaa Addunyaa Mootummaa Itiyoophiyaa waliin wal tumsuun tajaajila fayyaa fayyummaansaa mirkanaa’e dhaqqabamaa akka ta’uuf deeggarsa taassisu cimsee akka itti fufu mirkaneessera. Dhibeewwan tasaaf deebii kennuuf hojiiwwan hojjetaman cimsinee itti fufna jedhaniiru . Dhaabbatichi damee Fayyaan Itiyoophiyaa waliin dhiheenyatti kan hojjetui ta’uu eeruun, kunis cimee akka itti fufu dubbataniiru. Keessumaa dhukkuboota wal’aansa hatattamaa barbaadanii fi weerara to’achuuf Itiyoophiyaa waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Fakkeenyaaf Covid-19 ittisuuf Mootummaa Itiyoophiyaa waliin hojiin milkaa’inaa hojjetamuu dubbataniiru. Itiyoophiyaan Afriikaatti gidduugala Omisha Qorichaa akka taatuuf deeggarsa taasisuun haala danda’amurratti argamna jedhaniiru.
Lammiileen Waliin dhooftota kanneen hojiif biyya alaatti ni ergina jedhanirraa akka ofeeggatan gaafatame
Oct 31, 2025 280
Onkoloolessa 21/2018 (TOI)-Lammiileen qaamolee waliin dhooftota bu’ura seeraa fi biyyoota alaa waliin walii galtee osoo hin qabaatiin ‘hojjetaa biyya alaatti ni ergina’ kanneen jedhaniin akka hin gowwoomne ofeeggachuu akka qaban ibsame. Namni hojiif biyya alaatti kan ergamu karaa ministeera hojii fi ogummaa qofa ta’uun ibsameera. Haala Kanaan namoonni bakka jiranirraa hojii biyya alaaf galmaa’uu akka danda’an sirni odeeffannoo gabaa Itiyoophiyaa https://lmis.gov.et/ diriirfamee hojjetamaa akka jiru eerameera. Kana hordofuun biyyoota jiddu galeessa bahaa jaaha Itiyoophiyaan walii galtee mallatteessitetti deemuuf kan dandeessisu leenjii fi madaalliin erga raawwatamee booda hojiif akka ergaman beekameera. Kun osoo Kanaan jiruu beekamtii eyyama mootummaan ala namni hojiif biyya alaatti ergamu akka hin jirre hubachuun, namoonni lubbuusaanii, yeroosaanii akkasumas maallaqasaanii akka hin dhabne gaafatameera. Karaa faddaaltota seeraan alaa namoota deddeebisaniin biyya alaa deemuun jireenya ofii akkasumas jireenya maatii rakkoo hammaataaf akka saaxilu hubachuun adeemsa balaafamaa akkasuurraa akka of qusatu gorsaniiru. Ministeera hojii fi ogummaatti hojii raawwachiisaan hariiroo ummataa fi komunikeeshinii Abbabaa Alamuu Turtii TOI waliin taasisaniin, fayyadama carraa hojii dilbii biyya keessaa irratti bu’uureffate guddisuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Hojiif biyya alaa deemuun yoo barbaachises karaa hojmaata ministeerichaan diriirfamanii mana leenjii teekiniikaa fi ogummaa aanaa isaaniitti argamutti leenji’uun nageenyisaanii akkasumas fayyadamummaan isaanii eegamee haalli hojiif ergaman akka jiru himaniiru. Hojiif biyya alaatti erguu ilaalchisee odeeffannoo argachuuf karaa toora bilbilaa 9138 tolaan bilbiluun akka danda’amu dubbataniiru.
Diinagdee
Yunivarsiitichi qorannoolee rakkoo qonnaan bulaa bu'ureeffatan irratti xiyyeeffannoon hojjachaa jira
Nov 4, 2025 43
Onkoloolessa 25/2018 (TOI)-Yunivarsiitiin Madda Walaabuu qorannoolee rakkoo qonnaan bulaa bu'ureeffatan irratti xiyyeeffannoon hojjachaa jiraachuu beeksise. Guyyaan dirree qorattoota, ogeessotaa fi qonnaan bultoota adda duree hirmaachise geeggeffame. Saganticharratti kan argaman Pirezidaantii ittaanaa dhimmoota akkaadaamii, qorannoo fi ce'umsa teeknooloojii Dr. Bazzaabbih Wandimmuu Yunivarsiitichi qorannoolee rakkoo qonnaan bulaa bu'ureeffatan irratti xiyyeeffannoon hojjachaa jira jedhan. Keessattuu, qorannooleen oomishtummaa sanyii qamadii fooyyessuun fayyadamummaa qonnaan bultootaa daran dabaluu irratti xiyyeeffate agarsiiftuu kanaa ta'uu akeekan. Yunivarsiitichi jiddugaloota qorannoo dhiheenya qonnaan bulaatti baroottan dabre keessa banuun hojiirra jiran qonnaan bultootaa fi horsiisee bultoota hojimaata fooyya'aan walbarsiisaa jiraachuu yaadachiisan. Yunivarsiitichi yeroo ammaatti qonnaan bultoota adda duree godinoota Baalee lamaanii fi Arsii Lixaa hojimaata kilaastaraatiin gurmaa'aniif deeggarsa sanyii filatamaa, galteelee qonnaa fi leenjii ogummaa kennaa fi jiraachuus kaasan. Guyyaan dirree qonnaan bultootaa fi qooda fudhattoota biroo walitti fiduun giddugala qorannoo Yunivarsiitichaatti geeggeffames qaamuma carraaqqii kanaa ta'uu yaadachiisan. Qonnaan bultoonni dubbifne gama isaaniitiin deeggarsa galteelee qonnaatiifii ogummaa Yunivarsiiticharraa argataniin oomishtummaan isaanii dabalaa dhufuu dubbatan.  
Dureeyyiin Awurooppaa Zoonii Diinagdee Addaa Itiyoophiyaa irratti akka hirmaatan deeggarsi barbaachisaan ni taasifama-Dr.Fissahaa Yittaagasuu
Nov 4, 2025 58
Onkoloolessa 25/2018(TOI)- Mootummaan Dureeyyii Awurooppaa zoonii Dinagdee addaa Itiyoophiyaa irratti fayyadamuu warra barbaadaniif deeggarsi barbaachisaa akka taassisu Hojii raawwachiisaan Olaanaa korporeeshinii Misooma Paarkiiwwan Industirii Dr. Fissahaa Yittaagasuu ibsan. Foramiin Invastimatii Itiyoophiyaa fi gamtaa Awurooppaa Faransaay Paarisitti gaggeeffameera. Zooniin Dinagdee addaa damee Invastimantii saffisiisuuf qooda bahaa jiru Itiyoophiyaan foramicharratti dhiheessiteetti. Zoonii Diinagdee Ammayyaa’aa sadarkaasaa eeggatee fi bu’uuraaleen misoomaa guutamanii ijaaraman fi tajaajila qindaa’aa akka kennan ibsameeraf. Fooramicharratti Itiyoophiyaan abbootii qabeenyaaf haala mijataa uumuun, hammattoo seeraa ifaa fi itti gaafatamummaa qabu, Obolummaa Mootummaa fi damee dhuunfaa ilaalchisee hirmaattotaaf ibsi taassifameera. Hojii raawwachiisaa Olaanaan Misooma Paarkiiwwan Industirii Dr.Fissahaa Yittaagasuu Itiyoophiyaan zoonii Dinagdee addaa gidduu gala Industirii qofa osoo hin taane kan Invastimatii, kan innoveeshinii fi daldalaati jedhaniiru. Mootummaan dureeyyiin bu’aa qabeessa akka ta’aniif deeggarsa barbaachisaa ni taassisa jedhaniiru. Hojii raawwachiisaan olaanaa Zoonii Dinagdee addaa Gadaa obbo MootummaaTamasgeen zoonichi bu’ura misoomaa ammayyaa, meeshaalee itti fayyadamaa amanamaa ta’anii fi tajaajiloota garagaraa fedhii irratti hundaa’an qindeessee kan qabate ta’uu dubbataniiru. Kaayyoon keenya Itiyoophiyaa gahumsa Invastimantii taassisuu, guddina mirkaneessuu fi dureeyyii biyya keessaa fi biyya alaaf haala mijataa uumuudha jedhaniiru. Marichaarratti loojistiksii giloobaal Afriikaatti daarekteerri Itiyoophiyaa Haayim konfortii, Itti Aanaan K.F.W Ayiteksii baankii daldalaa Jarman Kariin Mulder fi daarektarri riijinii Afriikaa Bahaa fi Kibbaa Siistiraan dhaabbata gorsaa maandisummaa idil addunyaa Liwiis Deeviid haala invastimantii addunyaa fi misooma lojistiksii ilaalchisuun yaadasaanii qoodaniiru. Fooramicharratti kan hirmaatan dureeyyii Awurooppaa fi gaggeessitoonni daldala zoonii Dinagdee Addaa Itiyoophiyaa manufaakcheringiin, loojistiksiin fi dame daldalaan carraawwan tarsimo’aa jiran bal’isuuf kan deeggran ta’uu hubachiisaniiru. Walitti hidhaminsa diinagdee Itiyoophiyaa fi Gamtaa Awurooppaa gidduu jiru akka cimsan ibsuusaanii ministeerichi odeeffannoo TOI’f ergeen beeksiseera.
Itiyoophiyaan hammattoo “Paartinashiippii giloobaal geet weeyiin” misoomaa fi guddina  hunda galeessa mirkaneessuuf kutannoon ni hojjetti - Ministira Maallaqaa Ahimad Shidee
Nov 4, 2025 54
Onkoloolessa 25/2018(TOI)-Itiyoophiyaan carraalee inisheetiivii Gamtaa Awurooppaa “Paartinashiippii giloobaal geet wayiin ” fayyadamuun guddinaa fi misooma hunda galeessaa mirkaneessuuf kutannoon akka hojjetu Ministirri Maallaqaa Ahimad Shidee ibsan. Fooramiin Invastimatii Itiyoophiyaa fi Gamtaa Awurooppaa faransaay Paarisitti gaggeeffameera. Dhimmoota fooramicharratti mariin gaggeefame keessaa innisheetivii Gamtaa Awurooppaa “Paartinashiippii giloobaal geet wayii”ti. “Paartinashiippii giloobaal geet wayii”’n Innisheetifii Idil-Addunyaa gamtaa Awurooppaa pirezidaantii komishinii Awurooppaa Ursula Von Der Leyin’n gaggeeffamu yoo ta’u, Gamtichi Biyyoota adda addaa waliin Dijiitaalaayizeeshiniin, aannisa haaromfamuun, sirna soorataan, fayyaan, qonna fulla’aan, nagaa fi tagabbii dabalatee dameewwan furtuun tumsa qabuu fi walitti dhufeenya invastimantii cimsuuf kan kaayyeffatedha. Ministirri Maallaqaa Ahimad Shidee fi Qondaaltonni olaanoon Mootummaa Biroon Gamtaa Awurooppaa fi Baankii Gamtaa Invastimatii Awurooppaa haala Innisheetivichaan ijaarsa bu’uuraalee misoomaan Annisaa Haaromfamaan, walitti hidhaminsa Dijiitaalaa fi ce’umsa Misooma Magariisaan yaa’insa Invastimatii guddisuu haala danda’amurratti marii’ataniiru. Ministirri maallaqaa Gamtichaa fi bakka bu’oota Baankichaa waliin Obbolummaa haala cimsuun danda’amurratti kan marii’atan yoo ta’u, Itiyophiyaa giloobaal geet wayiin fayyadamuun guddina hunda galeessa Industirii guddisuu fi jijiirama haala qilleensaaf misooma hin raafamne ijaaruuf kutannoo qabdu ibsaniiru. Marichi Itiyoophiyaa fi Gamtaan Awurooppaa fayyadamummaa waloo haala bu’uura godhateen invastimantii fulla’aa cimsuuf, walitti hidhaminsa Dinagdee dagaagsuu fi hariiroo yeroo dheeraa cimsuuf mul’ata waloo qaban kan agarsiisu ta’uu Odeeffannoon Ministeerri Maallaqaa TOI’f ergeen beeksiseera.
Naannoo Harariitti dhaabbilee daldalaa 336 gatii hin malle dabalan irratti tarkaanfiin bulchiinsaa fudhatame
Nov 4, 2025 43
Onkoloolessa 25/2018 (TOI)- Naannoo Harariitti dhaabbilee daldalaa 336 shaqaxarratti gatii hin malle dabalanii fi gatii shaqaxaa hin maxxansine irratti tarkaanfiin bulchiinsaa fudhatamuuejensiin misooma daldalaa naannichaa ibse. Ejensii misooma daldalaa naannoo Harariitti daarektarri hordoffii fi to’annaa daldalaa obbo Miiliyoon Tsiggee TOI’f akka ibsanitti,naannichatti humni waloo hordoffii fi to’annoo gabaa hundaa’ee dhaabbilee daldalaa shaqaxootaa fi oomishoota biroorratti gatii hin malle dabalanirratti to’annaan taasifamaa jira. Humni waloo dhaabbilee sektara garagaraa irraa walitti dhufan amma aanaatti gurmaa’uun odeeffannoo gabaa walitti qabuu fi gatii gurgurtaa ummanni akka beeku akka maxxansan gochaa turuu eeraniiru. Akkasumas shaqaxoonni man-kuusaa keessatti akka hin kuufamnee fi akka hin miliqfamne sakatta’iinsa gochaa turuu ddabalanii dubbataniiru.. Amma ammaatti dhaabblee daldalaa kuma 3 fi 565 irratti hordooffii fi to’annaa gochuu isaa fi dhaabbilee daldalaa gatii hin malle dabaliinii fi gatii gurgurtaa kan hin maxxansine 336 irratti tarkaanfii seerraa fudhachuusaa dubbataniiru. Kanneen keessaa 3 maallaqaan kan adabaman yemmuu ta’u kanneen hafan saamsamuu, dinniinni afaanii fi barreeffamaa kennamuu ibsaniiru. Kana malees naannichatti buufataalee boba’aa gatii hin malleen boba’aa osoo gurguranii argaman lama irratti himannaan banamee dhimmisaanii mana murtiin ilaalamaa akka jiru dubbataniiru. Kana malees ejensichi hanqinni dhiheessii shaqaxaa akka hin mudanne oomishaalee naannichatti oomishaman gabaa Sanbataa fi Dilbataan hawaasaaf dhiheessuu akkasumas waldaalee fi Yuuniyeenota waliin qindaa’uun oomishoonni bakka biraa irraa galfamuu isaa dubbataniiru.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Xiyyeeffannoon mootummaan kenne wiirtuu ga’ooma ri’aktarii Niwukilarii Yunivarsiitichaa cimsuuf qooda guddaa qaba
Nov 4, 2025 41
Onkoloolessa 25/2018(TOI)- Xiyyeeffannoon mootummaan hunmna Niwukilarif kenne wiirtuu ga’ooma ri’aktarii Niwukilarii Yunivarsiitichaa cimsuuf qooda guddaa akka qabu Yunivarsiitiin Saayinsii fi Teeknooloojii Finfinnee ibse. Yunivarsiitichi karoora misooma humna niwukilaraan biyyittiin qabatte milkeessuuf damichaan qorannoo gaggeessuu fi humna nama leenji’ee horachuuf xiyyeeffannoon hojjechaa akka jiru beeksiseera. Pirojektoota birrii biiliyoona 30’n akka ijaaraman Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad eebba hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddicharratti ifoomsan keessaa niwukilaar pilaantiin isa tokkodha. Manni maree ministirootaa walgahii idiee 49ffaa Onkoloolessa 4 bara 2018 gaggeesseen dambii komishinii humna niwukilaaraa hundeessu irrattimurtoo kan dabarse yemmuu ta’u ministirri muummee komishinara komishinichaa muuduunsaanii ni beekama. Itti aantonni pirezidaantii Yunivarsiitii Saayinsii fi teeknooloojii Finfinnee turtii TOI walin taasisaniin humni niwukileerii filmaattota anniisaa qulqulluu keessaa isa tokkoo fi hojii addaddaaf faayidaa kennuu kan grgaarudha. Yunivarsiitichatti itti aanaan pirezidaantii qorannoo fi cehumsa teeknooloojii Dr. Abriham Dabbabaa akka jedhanitti, wiirtuu ga’ooma Saddet Yunivarsiitichi qabu keessaa teeknooloojiin niwukilar ri’aaktariin isa tokkodha. Yuunivarsiitichi waggoottan saddet darban damee kanarratti hojjechaa turuusaa yaadachiisanii, bara 2016 irraa eegalee, sagantaa maastarsiin barsiisaa akka jiru dubbataniiru. Niwukilar pilaantii ijaaruuf karoorfamuusaa fi komishiniin humna niwukilaaraa Itiyoohiyaa hundaa’uunsaa hojii Yunivarsiitichi itti jiruuf humna dabalataa akka uumu dubbataniiru. Yuunivarsiitichatti itti aanaan pirezidaantii dhimmoota akkaadaamiikii Dr. Kamaal Ibraahim gamasaaniin, Niwukilaar pilaantiin anniisaa anniisaa filmaataa argachuuf faayidaa akka qabu beeksisaniiru. Yunivarsiitichi anniisaan niwukilaaraa faayidaa tajaajila nagaaf qabu hubachuun waggaa saddet dura wiirtuu ga’oomaa teeknooloojii niwukilaar ri’aaktarii hundeessuusaa dubbataniiru. Xiyyeeffannoon mootummaan anniisaa niwukilaariif kenne tattaaffii Yunivarsiitichi eegale akka cimsu kan ibsan ammoo itti aanaa pirezidaantii dhimmoota bulchiinsaa Dr. Tamasgeen Wandimmuuti. Yunivarsiitichi komishinii humna niwukilaarii Itiyoophiyaaf deeggarsa barbaachisu gochuuf qophii ta’uu ibsaniiru.
Hojiin Dandeettii kalaqaa Guddattootaa fi Dargaggootaa dagaagsuuf eegalaman cimanii itti ni fufu
Oct 25, 2025 402
Onkoloolessa 15/2018(TOI)-Hojiiwwan damee hundaan lammii dorgomaa, gahoomee fi bu’aa qabeessa ta’e horachuuf dandeettii kalaqa dargaggootaa guddisuuf eegalaman cimanii akka itti fufan Ministirri hojii fi ogummaa Mufarihaat Kamiil ibsan. Bulchiinsi nageenya neetwoorkii odeeffannoo Yuunvarsiitii saaayinsii fi teekinooloojii Finfinnee waliin qindoomuun guddattootaa nageenya Saayibarii fi dameelee Kanaan wal qabataniin leenjise eebbisiiseera Saganticharratti Ministirri hojii fi ogummaa Mufarihaat Kamiil, Ministirri nageenyaa Mahaammad Idiriis, De’eetaa Ministira tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa Tasfaahun Gaobazaay, Daarektarri Olaanaan Bulchiinsa Nageenya neetwoorkii Odeeffannoo Tigisti Hamiid, pirezidaantiin Yuunvarsiitii Saayinsii fi Teekiniooloji Finfinnee Dr.Darajjee Ingidaaw fi qondaaltonni olaanoo biroon argamaniiru. Ministirri hojii fi kalaqaa Mufarihaat Kamiil wayita kan akka jedhanitti, bara dijiitaalaatti dandeettii yeroon gaafatu fi beekumsa fi lammii leenji’e horachuun guddina biyyaaf murteessaa ta’uu cimsanii ibsaniiru. Birmadummaa guutuu Mirkaneessuf dargaggoota nageenya saayibarii fi beekumsa teekinooloojii yeroon gaafatu hidhatan itti fufinsaan leenjisuu fi hojiitti galchaa jiraachuu eeraniiru. Damee hundaan hojii bu’aa qabeessa hojjechuuf misooma qabeenya namaan keessumaa dandeettii dargaggoota kennaa addaa qaban dagaagsuuf hojiin eegalaman cimanii itti fufu jedhaniiru. Daarektarri Olaanaan Bulchiinsa Nageenya neetwoorkii Odeeffannoo Tigisti Hamiid gama saaniin, Itiyoophiyaan Cehumsa gara dijiitaalaatti taassisaa jirtuun humni namaa damee nageenya saayibariin gahoome murteessaadha jedhaniiru. Kaayyoo guddaan Taalentii saayibarii samar kaampii guddattootaa fi dargaggoota damichaan kennaa addaa qaban dandeettiisaanii guddisuunii fi damichaan biyyaaf qoodasaanii akka bahan taassisuu danda’uuf ta’uu ibsaniiru. Nageenya saayibarii biyyoolessaa eegsisuuf Bulchiinsichi xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu eeruun, humna namaa beekumsaa fi dandeettii yeroon gaafatu horachuuf leenjiin saayibar taalentii kan deeggaru ta’uu eeraniiru.
Ispoortii
Liigicha  dursaa kan jiru Arsenaal Bernileey waliin  ni taphata
Nov 1, 2025 202
Onkoloolessa 22/2018(TOI)- Piriimer liigii Ingiliz torban10ffaan har’a eegala. Liigicha dursaa kan jiru Arsenaal gara Istaadiyeemii tarfi muritti imaluun kilaba haaraa guddate Bernileey waliin ni taphata. Arsenaal qabxii 22 sadarkaa 1ffaa, Bernileey qabxii 10iin Sadarkaa 16ffaa qabataniiru. Kilabonni lameen Piriimer liigichaan yoo waliin dorgoman kan ammaa kun yeroo 19ffaa dha. Taphoota 18 Amman dura gaggeeffamaniin Arsenal Yeroo13ffaa injifachuun dursa qabateera. Bernileey yeroo tokko qofaa yoo injifatu, yeroo 4 qixaa bahaniiru. Gahumsa dinqisiisaarratti kan argamu Arsenaal taphicha akka injifatu tilmaamni duraa kennameera. Tapha Liigichaa darban lamaan kan injifate Bernileey taphichaan morkii cimaa gaggeessa jedhameetu eeggama. Sagantaawwan biroon Nootingihaam foresti Maanchistar Yuunaayitid waliin galgala sa’aatii 12:00tti ni taphatu. Sagantaa tapha liigichaa darban sadiin kan mo’ate Manchistar Yuunaayitid daandii injifannoon itti fufuuf kan isa taasisudha. Faallaa sanaan liigichaan injifannoo tokko qofa kan galmeessee fi hanqina qabxii guddaa keessa kan jiru Nootingihaam foresti qabxiin sadii isa barbaachisa. Kirstaal paalaas Bireentifoordi, Biraayiten Liidsi Yuunaayitid fi Fuulhaam wolvis waliin yeroo wal fakkaataa galgala sa’aatii 12:00tti ni taphatu Taphni Tootenihaam Hotispersi Cheelsii waliin galgala sa’aatii 12 :00 irratti gaggeessan ni eegama. Taphoota liigichaa Afran darban kan mo’atame Injifataan kan yeroo Liiverpuul galgala sa’aatii 5:00tti Istadiyeemii Anfiilditti Astonviilaa waliin taphata. #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Tattaaffiin Itiyophiyaan Balaa Lolaa Ittisuuf taasistu Balaa lolaa bu’uurarraa hir’isuuf murteessaadha
Oct 24, 2025 610
Onkoloolessa14/2018(TOI)-Tattaaffiin Itiyophiyaan Balaa qophii Lolaa Ittisuuf taassistu Balaa lolaa bu’uurarraa hir’isuuf qooda murteessaa qabaachuu Ministirri Bishaanii fi Inarjii Dr. Injiinar Habtaamuu Ittafaa ibsan. Ministeerri Bishaanii fi Inarjii balaa lolaa Oomoo Gibee fi Sululawwan qinxaamaatti uumamu bu’uurarraa ittisuuf kan dandeessisu qorannoo suluulaa gaggeessuuf (Basin Level Study) dhaabbata Idil-Addunyaa(SWS) waliin sanada walii galtee mallateessaniiru. Ministirri Bishaanii fi Inarjii Dr. Injiinar Habtaamuu Ittafaa fi hojii gaggeessaa fi gorsaan abbaa dhaabbata Idil-Addunyaa (SWS) Jaayan Kaarloo waliigalticha mallatteessaniiru. Ministirrichi Dr. Injiinar Habtaamuu Ittafaa wayita kana akka jedhanitti, Lolaan Qonnaa fi midhaan, Bu’uuraalee misoomaa Murteessoorratti, qabeenyawwan biroo fi jireenya namaarratti miidhaa geessisuuf furmaata waaraa fi saayinsaawaa barbaaduu qabna jedhaniiru. Balaa lolaa ittisuun kallattii xiiyyeeffannoo biyyoolessaa Mootumma ta’uu kaasuun, waggoottan sadan darban bakkeewwan biyyattii adda addaatti balaa lolaa uumaman itttisuuf hojiin bu’aa qabeessi hojjetameera jedhaniiru. Balaa lolaa ittisuuf Baankii Addunyaa waliin hojiin bal’aan hojjetamuu ibsuun, waliigalteen har’aa qophii Itiyoophiyaan balaa lolaa ittisuu gara Boqonnaa olaanaatti kan ceessisu ta’uu ibsaniiru. Oomoo Gibee fi sulula Qinxaamaatti Sadarkaa Qorannoo suluulaa taassifamu balaa lolaa bu’uurarraa hir’isuuf qooda murteessaa akka qabaatu dubbataniiru. Bal’inni Diizaayinii qorannichaa fi hojiiwwan ijaarsaaf galtee murteessaa kan ta’u yaadota furmaata gadi fagoo saayinsaawaa ta’e akka dhiheessus ibsaniiru. Hojii Gaggeessaa fi gorsaan abbaa dhaabbata Idil-Addunyaa (SWS) Jaayan Kaarloo gamasaaniin, furmaata balaa lollaa hir’isuuf dandeessisan barbaaduuf cimanii akka hojjetan dubbataniiru. Gorsaan abbaa dhaabbata Idil-Addunyaa (SWS) Qorannicha turtii yeroo waggaa tokko keessatti akka xumuru ibsaniiru.
Oomishtummaa guddisuuf biqiltuuwwan ashaaraa magariisaan dhaabaman kunuunsuu fi eegumsa biyyoo fi bishaanii cimsuu barbaachisa
Oct 18, 2025 590
Onkoloolessa 8/2018(TOI)- Oomishtummaa guddisuuf biqiltuuwwan ashaaraa magariisaan dhaabaman kunuunsuu fi eegumsa biyyoo fi bishaanii cimsuua akka barbaachisu ibsame. Torban Sosochii kunuunsa qabeenya uumamaa naannoo Oromiyaa godina Shawaa Bahaa aanaa Lumeetti har’a eegalameera. Hoogganaan biiroo qonnaa Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuu wayita kana akka jedhanitti, hojiiwwan kunuunsa biyyoo fi bishaanii waggoottan jijjiiramaa darban naanichatti hojjetaman oomishnii fi oomishtummaan akka dabalu, ongee fi balaa lolaa qolachuuf gargaaraniiru. Keessumaa hojiin kunuunsa biqiltoota ashaaraa magariisaan dhaabamaniif tasifamu dhiibbaa jijjiirama qilleensaa damdamachuu fi lafti qullaatti hafe akka bayyanatu, haroowwan, lageen gogan deebi’anii jallisii fi misooma garagaraaf akka oolan haala mijataa uumuu ibsaniiru. Misooma sululaa baatii bonaa ijaaraman biqiltuu ashaaraa magariisaan haguuguun fi kunuunsuun bu’aan argamuus kaasaniiru. Hojii kana fullaasuuf turban sosochii kunuunsa biqiltuu labsuun guyyaa har’aa hooggantoonnii fi hojjettoonni damee qonnaa naannichaa godina Shawaa bahaatti eegalchiisuusaanii eeraniiru. Kunuunsa biqiltuu Kanaan aramuu, qofforuu fi bishaan obaasuun biqiltuuwwan baatii bonaa akka damdamatan hojjechuu barbaachisa jedhaniiru. Sagantaa jalqabsiisa sosochii irratti kan hirmaatan Kadir Mahaammad yaada kennaniin, biqiltuuwwan waggoottan sadan dhaabaman kunuunsuun akka guddatan gochuusaanii ibsaniiru. Biqiltuu dhaabuun qofti galma waan hintaaneef yeroo yeroon kunuunsuun bu’aaf geessisuu qabna jedhaniiru. Zarfee Maammoo gamasheetiin, dhiibbaa jijjiirama qilleensaatiin adda durummaan kan miidhaman dubartoota waan ta’aniif furmaata kanaaf kan ta’u waggoottan toorba darban biqiltuu dhaabuu fi kunuunsuurratti hirmaachuusaanii dubbataniru.
Itiyoophiyaan misooma magariisaan carraa hojii uumuurratti hojii bu’a qabeessa raawwachaa jirti
Oct 16, 2025 592
Onkoloolessa 6/2018(TOI)-Itiyoophiyaanmisooma magariisaaf xiyyeeffannoo guddaa kennuun eegumsa naannoon alatti carraa hojii olaanaa uumuun Afriikaatti hojii adda duree hojjechaa akka jirtu ibsame. Kun kan ibsame waltajjii qo’annoon inistiitiyuutii qo’annoo imaammataa mata duree “carraalee hojii magariisaa fi dargaggoota”jedhuun qo’atame qooda fudhattoonni garagaraa argaman ifoomerrattidha. Pirezidaantiin waldaa oogeessota Ikonomiksii Itiyoophitaa fi dursaan qo’annichaa Piroofeesar Xaasoo Waldahaannaa akka ibsanitti, carraan hojii misooma magariisaan uumamu fulla’insa naannawaa mirkaneessuun gamatti dargaggootaaf carraa hojii olaanaa uumuu irratti qooda murteessaa qaba. Fuulduratti carraa hojii misooma magariisaan uumamu sektaroota hunda keessatti bal’isuun fayyadama carraa hojii dargaggootaa mirkaneessuu akkasumas misooma magariisaa caalaatti guddisuun akka barbaachisu ibsaniiru. Kanaaf keessumaa leenjiiwwan damee teekniikaa fi ogummaan carraa hojii uuman xiyyeeffannoo barbaachisu akka argatan akkasumas imaammattoota keessatti xiyyeeffannoon addaa akka kennamuuf gochuun jajjabaachuu akka qaban dubbataniiru. Itti aanaan daarektara muummee inistiitiyuutii qo’annoo imaammataa Allebal Dasee gamasaaniin, qo’annoon kun tarsiimoowwan guddina magariisaa Itiyoophiyaa karoora bobbii hojii dargaggootaa akka deeggaru eeraniiru. Argannoowwan gara imaammattootaa fi sagantaawwan qabatamaatti akka hiikaman waajjiraalee mootummaa dhimmi ilaaluu fi deeggartoota misoomaa waliin fuulduratti akka irratti hojjetamu dubbataniiru. Inistiitiyuutichi leenjii ogummaa hojiilee magariisaa eegumsa naannoo cimsu irratti xiyyeeffannaan hojjechaa akka jiru kan ibsan ammoo inistiitiyuutii leenjii teekiniikaa fi ogummaa federaalaatti daarektarri dhimmoota Akkaadaamiikii Dr. Gannanaa Abbabaati. Fuulduras hojii magariisaa caalaatti babal’isuuf keessumaa waajjiraalee qacartootaa fi dhaabbilee biroorratti hojii hubannoo cimsuun nibarbaachisa jedhaniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 15062
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015