Angafoota Oduu
Naannoo Oromiyaatti tajaajiloonni tola ooltummaa daa’immanii fi haadholii fayyadan hojjitamaniiru
Dec 6, 2023 8
Sadaasa 26/2016(TOI)- Naannoo Oromiyaatti baatiiwwan arfan darbanitti tajaajiloonni tola ooltummaa daa’immanii fi haadholii fayyadan hojjitamauusaanii biiroon dhimma dubartootaa fi daa’immanii Oromiyaa ibse. Itti aantuun ittigaafatamtuu biirichaa adde Sarkaalem Saakumee TOI’f akka ibsanitti, bara bajataa kanatti rakkoolee hawaasummaa fi dinagdee hawaasa naannichaa furuuf hojiileen tola ooltummaa hedduun hojjetamaniiru. Caasaaleen dubartootaa waldaa dubartootaa, liigii fi federeeshinii dubartootaa dureeyyotaa fi hawaasa naannichaa qindeessuun hojiileen jajjabeessoo hojjetamuusaanii ibsaniiru. Mata duree “mana haadholii ijaarree haa’eebbifnu” jedhuun ijaarsii fi haaromsi manneen harka qalleeyyiiu kuma 62 fi 294 raawwatameera jedhan. Sagantaan ashaaraa magariisaan biqiltuu dhaabuu fi kunuunsuu, dhiiga arjoomuu, hojii qulqullinaa, haaromsaa fi ijaarsa manneen barnootaa, deeggarsi meeshaalee barnootaa hojiilee tola ooltummaa biirichaan hojjetaman keessaa ta’uu ibsaniiru. Baatiiwwan afura bara bajataa kanatti qofa tajaajilli tola ooltummaa birrii biiliyoona 22 tuqaa 5tti tilmaamamu raawwatamuu ittigaafatamtuun itti aantuu biirichaa ibsaniiru. Hojii tola ooltummaa hojjetameen dubartoonni galii hinqabne madda galii akka qabaatanii fi hojjetanii akka ofdanda’an taasifameera kan jedhan ammoo daarektara kominikeeshinii biirichaa adde Ruuqiyaa Bashuuti. Hoolonnii fi re’oonni horsiisaaf oolan kuma 22 fi 802 akkasumas gaariiwwan fe’isaaf tajaajilan bitamanii haadholiif kennamuunsaa hojiilee hojjetaman keessaayyu. Keessumaa haadholii baadiyyaa dugdatti baatanii karaa dheeraa deemanii hojjetan deeggaruuf hojiin jajjabeessaan hojjetameera. Haala walfakkaatuun daa’imman barnootaaf qaqqabanii fi barumsarra jiran miiliyoona 3 tuqaa 2 ta’an uffannaa yuuniifoormii dabalatee deeggarsi meeshaalee barnootaa sagantaa Kanaan taasifamuu adde Ruuqityaan ibsaniiru. Hojiin tola ooltummaa lammummaa hojii tibba tokkoo qofa osoo hintaane aadaa hawaasaa ta’ee ittifufiinsaan akka hojjetamu biirichi mootummaa naannichaa fi waajjira Buusaa Gonofaa waliin ta’uun akka hojjetamu ibsameera.
Ayyaanni Shawaal Iid hambaa addunyaatti galmaa’uunsaa industirii tuurizimii nicimsa-obbo Adam Faaraah
Dec 6, 2023 12
Sadaasa 26/2016(TOI)- Ayyaanni Shawaal Iid hambaa addunyaa ta’ee Yuuneeskootti galmaa’uunsaa sochiin gama damee tuurizimiin taasifnu akka cimuu fi akka bal’atu taasisa jedhan pirezidaantiin paartii badhaadhinaa fi ittigaafatamaa waajjira muummee paartichaa obbo Adam Faaraah. Obbo Adam Faaraah ayyaanni Shawaal Iid hambaa addunyaa ta’ee galmaa’uusaatiin ergaa baga geessanii dabarsaniiru. Paartiin Badhaadhinaa keenyaa xiyyeeffannoo fi ogummaan nan raawwadha jedhee kan qabate dameelee misoomaa shan keessaa dameen tuurizimii keessatti argama kan jedhan obbo Adam, hawattoonni uumamaa fi namtolchee biyya keenyatti argaman caalaa akka guddatan xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru ibsaniiru. Ayyaanni Shawaal Iid Yuuneeskootti galmaa’uunsaa sochii gama Tuurizimiin taasifamu cimsuun fayyadamummaa fooyya’aa akka guddisu himanirru. Murteen seena qabeessi kun magaalaan Harar magaalaa biyya keenyaa Hambaalee lama Yuuneeskootti kan galmeessifte qofeessa yemmuu taatu biyyi keenya Itiyoophiyaanis hambaalee hedduu addunyaatti galmeessisuun Afriikaarraa dursarratti akka argamtu akka ishee taasisu waan ta’eef gammachuun keenya guddaadha jedhan. Fuulduras kabajni ayyaana kanaa caalaa bareedee akka ittifufuu fi miidhaginnisaa beekamtii idil addunyaa karaa madaaluun akka adeemsifamu, magaalattiinis iddoo turizimii filatamtuu akka taatu akka paartii badhaadhinaatti hojii hojjennu akka itti fufnu ibsuun barbaada jechuusaanii odeeffannoon fuula marsariitii paartii badhaadhinaarraa argame nimul’isa.
Gaaffii ummataaf deebii sirrii kennuu keessatti hanqinni hoggansa mul’atu ni sirreeffama
Dec 6, 2023 38
Sadaasa 26/2016 (TOI) - Gaaffii uummataaf deebii sirrii haala uummanni barbaaduun kennuuf hanqinootaa ilaalchaa, akkasuma raawwii hojiirratti hoggantoota sadarkaan jiratti mul'atu furuuf gamaggamnii fi hojiin adda baasuu hojjetamuu akka barbaachisu Pirezidaantiin naannoo uummatoota Kibba lixa Itoophiyaa doktar injinar Nagaash Wageeshoo beeksisan. Hooggantoonnii Mootummaan Naannoo Ummataa Kibba Lixa Itoophiyaa naannoo hanga aanaatti jiran waltajjii gamaggamaa haala waqtaawaarratti xiyyeeffate magaalaa Boongaatti geggeessaa jiru. Waltajjiin gamaggamaa kun adeemsa siyaasa naannichaa yeroo ammaa qoratee madaaluun hojiiwwan sadarkaa sadarkaan gaggeeffaman keessatti tokkummaa yaadaafi gocha uumuuf kan qophaa’e ta’uus Pirezidaantiin naannichaa beeksisaniiru. Itti waamaan olaanaan mootummaa naannichaa obbo Tsaggayee Maammoo akka jedhanitti, erga naannichi hundeeffamee as hooggansa duudhaalee, mul’ata fi ergama Paartii Badhaadhinaa sirnaan bahachuu fi hojiirra oolchuu danda’u ijaaruuf hojjetamaa tureera. Rakkoon ilaalcha hoggansa bira ammaas jiru dafee sirreeffamuu akka qabus hubachiisaniiru. Leenjiin ijaarsa dandeettii adda addaa kennamus, waltajjiin kun hanqinoota ammas mul’achaa jiran sirriitti baasuun furuun haala danda'amurratti qophaa’uu ibsaniiru. Waltajjii gamaggamaa kanarratti hoggantoonni naannoo, godinaalee, aanaalee fi magaalotaa hirmaataa kan jiran yoo ta’u, waltajjiin kun guyyoota afran itti aanuuf kan itti fufu ta’uu odeeffannoon Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Ummatoota Kibba Lixa Itoophiyaa irraa argame ni mul’isa.
Qooda fudhatoonnii miidiyaa hawaasummaa fi rogeeyyiin hawaasaa duudhaa cimaan durfamuun ijaarsa biyyaa keessatti gahee isaanii bahuu qabu
Dec 6, 2023 7
Sadaasa 26/2016 (TOI) - Qooda fudhatoonnii miidiyaa hawaasummaa fi rogeeyyiin hawaasaa duudhaa cimaan durfamuun ijaarsa biyyaa keessatti gahee isaanii bahuu akka qaban Ministeerri Nageenyaa hubachiise. Mata duree ''Bu'uuralee ijaarsa biyyaa'' jedhuun qooda fudhatoota miidiyaalee hawaasummaa fi rogeeyyii hawaasaaf kan qophaa'e waltajjiin marii magaalaa Adaamaatti taasifamaa jira. Deetaan Ministira Nageenyaa obbo Taayyee Danda'aa waltajjii kanarratti akka himanitti; lammileen fayidaa fi eenyummaa waloo irratti beekumsaa fi hubannoo gahaa akka qabaatan gaheen fayyadamtoota miidiyaa hawaasummaa fi rogeeyyii hawaasaa olaanaadha. ''Biyyi kan ijaaramu hogganaa tokko gammachiisuuf ykn paartii siyaasaa tokkoof jecha miti'' kan jedhan obbo Taayyeen saba, amantaa, eenyummaa, Afaan, aadaa fi yaanni sabdaneesuummaa eenyummaa jiraatus '' ijaarsa biyyaa fi duudhaa waloo irratti Itoophiyaa kan hundaa taate mirkaneessuu qabna'' jedhaniiru. Kanaaf fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaa fi rogeeyyiin hawaasaa eenyummaa biyyaaleessaa fi faiydaa waaraa hubatanii duudhaa sirriin durfamuun ijaarsa biyyaa keessatti gahee isaanii akka bahan obbo Taayyeen hubachiisaniiru. Keessaayyuu '' walitti dhufeenya fi tokkummaa uummataa cimsuu irratti hojjechuu qabu'' jedhaniiru. Kanaafis fayyadamtoonnii miidiyaa hawaasaa fi rogeeyyiin hawaasaa hubannoo waloo qabachuu qabu jedhaniiru.
Kan mul'ate

Beeksisa
ENA
Feb 7, 2023 2966
ENA
Siyaasa

Kabajamuun guyyaa sabootaa fi sablammootaa cimina waliigaltee biyyaalessaa fi tokkummaa biyyaaf faayidaa qaba- miseensota mana maree
Dec 5, 2023 288
Sadaasa 25/2016 (TOI) - Kabajamuun guyyaa saboota, sablammootaa fi ummattootaa waggaa waggaan kabajamuunsaa cimina waliigaltee biyyaalessaa fi tokkummaa biyyaaf faayidaa olaanaa akka qabu miseensonni mana maree Gaamoo ibsan. Guyyaa kana sababeeffachuun miseensonni mana maree TOI’n haasofsiise akka jedhanitti, ayyaanni kun kabajamuunsaa duudhaaleen sabaa fi sablammootaa akka beeksifamanii fi waloomasaanii agarsiisuuf akkasumas cimina waliigaltee biyyaalessaa fi tokkummaa biyyaaf faayidaa olaanaa qaba. Kanneen keessaa walitti qabaan koree dhaabbataa dubartootaa fi dargaggootaa dhimma hawaasummaa mana maree godina Gaamoo obbo Daani’eel Daarzaa sabdaneessummaa keessummeessuun nageenyii fi misoomni egeree akka dhufu gumaacha olaanaa akka qabaatu ibsaniiru. Itiyoophiyaan aadaa, duudhaa bareedaa fi kennaa uumamaa qabdi kan jedhan obbo Daani’eel, kanneenitti fayyadamuu fi gabbina sirna demokiraasiif oolchuuf ayyaanichi qooda guddaa bahaa jiraachuu beeksisaniiru. Sabaa fi sablammoonni rakkoolee walitti bu’iinsa kaasuu danda’an waloomaan furanii ijaarsa nageenya biyya keenyaaf qoodasaanii akka bahan dubbataniiru. Ummanni Itiyoophiyaa jaalalaa fi kabajaan waldanda’ee jiraachuun ala filannoo akka hinqabnee fi sabdaneessummaa obbolummaa gabbisuun haqa waloo mirkaneessuu qaba jedhaniiru. Af-yaa’iin mana maree ummataa magaalaa Arbaa Minc adde Xurunash Tasfaayee, guyyaan kun ummanni aadaa fi duudhaasaa akka beeksisu,muuxannoo akka waljijjiiru akka walbeekuu fi hariiroosaa akka cimsu nigargaara jedhan. Mirgi filuu fi filatamuu, yaada bilisaan ibsachuu, qabeenya horachuu fi mirgi jiraachuu sabaa fi sablammootaa heera mootummaan kan mirkanaa’e waan ta’eef adeemsaan guddisuun fi gabbisuun sirnaan ittifayyadamuu barbaachisa jedhan. Guyyaa ayyaan sabootaa sablammootaa fi ummattootaa 18ffaa mata duree “sabdaneessummaa fi walqixxummaan guddina biyyaaf” jedhuun Sadaasa 29 bara 2016 naannoo Somaalee magaalaa Jigjigaatti kabajuuf qophiin taasifamaa jira.
Siyaasaan Itoophiyaa karaa sabdaneesummaa walqixa keessummeessuun ilaalamuu qaba
Dec 4, 2023 56
Sadaasa 24/2016 (TOI) - Tokkummaa biyyaalessaa Itoophiyaa cimsuuf siyaasinni Itoophiyaa karaa sabdaneesummaa walqixa keessummeessuun ilaalamuu akka qabu Daarektarri Barsiisa Heeraa fi Federaalizimii Dr. Hayileyaasuus Taayyee himan. Guyyaan saboota, sablamootaa fi Uummatoota Itoophiyaa 18ffaan bor irraa eegalee guyyoota shaniif walitti aanee Magaalaa Jijjigaatti mata duree '' Sabdaneesummaa fi waliqixummaa tokummaa biyyaalessaaf'' jedhuun sagantaa adda addaan ni kabajama. Guyaan shanan kunis Sadaasa 25 guyyaa obbolummaa, Sadaasa 26 guyyaa Sabadeenessummaa, Sadaasa 27 guyyaa waloomaa, Sadaasa 28 guyyaa Ida'amuu, Sadaasa 29 guyyaa Itoophiyaa mata duree jedhuun kabajama. Kana ilaalchisuun Doktar Hayileyasuus Taayyee TOI waliin turtii taasisaniiru. Dr. Hayileyaasuus ibsa isaniin guyyaan saboota, sabalamootaa fi uummatoota Itoophiyaa waggoota darban kabajaman sabdaneesummaa tokkummaa biyyaa cimsuuf caalaa haala garaagarummaa bal'isuutu irraa calaqisa ture jedhaniiru. Ta'uus garuu guyyaa saboota sablammootaa fi uummatoota Itoophiyaa 15ffaa irraa eegalee garuu tokkummaa biyyaalessaa cimsuuf carraa fooyyee qabeessa taasisuuf tattaaffiin taasifamaa jira. Itoophiyaan biyya sabdaneessa taatus, sirna sabdaneessuummaa walqixaa keessummeessuu osoo hin jiraaniin turameera jedhaniiru. Sirni siyaasaa darbe sabdaneesummaa garaagarummaan kan ittiin uumamuu malee tokkummaa biyyaalessaa kan cimsu hin taasifne ture jedhaniiru. Kanaaf Tokkummaa biyyaalessaa Itoophiyaa cimsuuf siyaasinni Itoophiyaa karaa sabdaneesummaa walqixa keessummeessuun ilaalamu qaba jedhaniiru. Itoophiyaa badhaate, qaxanichaatti sadarkaa idil addunyaatti dhaabba kan uumtu taasisuuf sabdaneesummaa haala dhimma itti bahuun barbaachisaadha jedhaniiru. Uummannii walooma waggoota hedduuf qabaachaa ture cimsatee, garaagarummaa caalaa tokkummaa akka cimsatuu fi heeraa fi sirna federaalisimee sabdaneessaarratti hubannoo gahaa akka qabatu hojjechuun barbaachisaadha jedhaniiru.
Hooggansi beekumsa, muuxannoo fi dandeettii leenjii irraa argate hojiirra oolchuun jijjiirama qabatamaa fiduu qaba
Dec 4, 2023 81
Sadaasa 24/2016 (TOI) - Hoggansi beekumsa, muuxannoo fi dandeettii leenjii irraa argame hojiirra oolchuun jijjirama qabatamaa fiduuf of qopheesuu akka qabu Itti aanaan Pirezidaantii Paartii Badhaadhinaa fi itti gaafatma Wajjira Jiddugalaa waajjirichaa obbo Adam Faraaha Obbo Adam Faraaha adeemsa leenjii ijaarsa dandeettii miseensota hoggansa mootummaaf giddugala leenjii Jinkaatti kennamaa jiru irratti argamuun ergaa dabarsaniiru. Leenjiin haala kanaan itti fufiinsaan hooggansa mootummaaf kennamaa jiru tokkummaa ilaalchaa, yaadaa, dandeettii fi gochaa kan mirkaneessu ta’uu ibsaniiru. Dabalataanis leenjiin kun hooggansa imala jijjiirama, misoomaa fi badhaadhina biyyattii keessatti eegalame galmaan gahuu danda’u kan uumu ta’uu ibsaniiru. Obbo Adam leenjiin ijaarsa dandeettii kun faayidaa gurguddaa afur akka qabu eeraniirun; Kaayyoon guddaan yaadama biyyaalessaa, milkaa’ina akka biyyaatti hanaga ammaatti argame, qoramaata mudatanii fi kallatti furmaataa irratti ilaachi walfakaataan akka jiratu kan uumudha jedhaniiru. Hoggansi dirqama biyyaalessaa karaa gahumsa qabuun akka bahuuf beekumsa, dandeetii fi muuxannoo barbaachisu carraa ittin horatu ta'uus ibsaniiru. Leenjiin ijaarsa dandeettii sabdaneesuummaa karaa cimsuun kennamaa jiru kun walii waliin akka wal barruu taasisuun rakkoof furmaata waloo akka finnu ni gargaara jedhaniiru. Dabalataan leenjiin kun imaala garagaraa imaaluu dhiifnee tokkumma akka qabaannu kan taasisuudha jedhaniiru. Hirmaattonni leenjichaas beekumsa, muuxxannoo fi dandeettii leenjicha irraa argatan hojiirra oolchuuf of qopheesuu qabu jedhaniiru.  
Hoggansi kan madaalamu gaaffii ummataa deebisuuf hojii hojjetee fi bu'aa galmeesseen
Dec 4, 2023 54
Sadaasa 24/2016 (TOI) - Hoggansi kan madaalamu gaaffii ummataa deebisuuf hojii hojjetee fi bu'aa galmeesseen ta'uu Pirezidaantiin naannoo Hararii obbo Oradiin Badirii ibsan. Manni Maree Mootummaa Naannoo Hararii guyyaa har'aa waltajjii marii taa'aa akka jiru odeeffannoon Wajjira Kominikeeshinii nannichaarra argame ni mul'isa. Kaayyoon waltajjii kana kan ijoon hoggantoota sekata hojii mootummaa haarichaatti haaraa muudamanii fi buleeyyii ta'aniif qajeelfama hojii fi kallatti gara fuula duraa kaa'uuf kan qopha'ee ta'uun himameera. Pirezidaantiin naannichaa qajeelfama hojii kennaniin gaheen hoggansa kutannoon ummata tajaajiluu fi dhaabileen ergama isaanii karaa sirriin bahanii bu'a qabeessaa akka ta'an taasisuudha jedhaniiru. Kanaaf qaawwa jiru guutuu fi cimina dhaabbata tokkoon tokkoon isaanii cimsuun barbaachisaa dha jedhaniiru Itti fayyadama yeroo fi kenniinsa tajaajilaa irratti jijjiirama bu’uuraa fiduun xiyyeeffannoo caasaa mootummaa hundaa ta’uu qaba jedhan. Hojimaata idilee irraa fooyyessuun hojimaata haaraa diriirsuun gaaffii uummataaf saffisaan deebii kennuun keessumaa komii dhaabbilee adda addaarratti gama garaagaraan kan furuun barbaachisaadha jedhaniiru. Raawwii hojii bu’a qabeessa ta’e mirkaneessuuf fedhii fi kaka'umsii hojii jiraachuu barbaachisaa ta'uu eeranii; kana keessaatti naamusni hojii fi hoggansa waloo jirachuun barbaachisaadha jedhaniiru. Hoggansi gama gaaffii ummataa deebisuun hojii fi bu’aa argameen kan madaalamu ta’uu ibsuun, adeemsa kana keessatti qooda fudhattoota hunda hirmaachisuun ni barbaachisas jedhaniiru.

Hawaasummaa
Naannoo Oromiyaatti tajaajiloonni tola ooltummaa daa’immanii fi haadholii fayyadan hojjitamaniiru
Dec 6, 2023 8
Sadaasa 26/2016(TOI)- Naannoo Oromiyaatti baatiiwwan arfan darbanitti tajaajiloonni tola ooltummaa daa’immanii fi haadholii fayyadan hojjitamauusaanii biiroon dhimma dubartootaa fi daa’immanii Oromiyaa ibse. Itti aantuun ittigaafatamtuu biirichaa adde Sarkaalem Saakumee TOI’f akka ibsanitti, bara bajataa kanatti rakkoolee hawaasummaa fi dinagdee hawaasa naannichaa furuuf hojiileen tola ooltummaa hedduun hojjetamaniiru. Caasaaleen dubartootaa waldaa dubartootaa, liigii fi federeeshinii dubartootaa dureeyyotaa fi hawaasa naannichaa qindeessuun hojiileen jajjabeessoo hojjetamuusaanii ibsaniiru. Mata duree “mana haadholii ijaarree haa’eebbifnu” jedhuun ijaarsii fi haaromsi manneen harka qalleeyyiiu kuma 62 fi 294 raawwatameera jedhan. Sagantaan ashaaraa magariisaan biqiltuu dhaabuu fi kunuunsuu, dhiiga arjoomuu, hojii qulqullinaa, haaromsaa fi ijaarsa manneen barnootaa, deeggarsi meeshaalee barnootaa hojiilee tola ooltummaa biirichaan hojjetaman keessaa ta’uu ibsaniiru. Baatiiwwan afura bara bajataa kanatti qofa tajaajilli tola ooltummaa birrii biiliyoona 22 tuqaa 5tti tilmaamamu raawwatamuu ittigaafatamtuun itti aantuu biirichaa ibsaniiru. Hojii tola ooltummaa hojjetameen dubartoonni galii hinqabne madda galii akka qabaatanii fi hojjetanii akka ofdanda’an taasifameera kan jedhan ammoo daarektara kominikeeshinii biirichaa adde Ruuqiyaa Bashuuti. Hoolonnii fi re’oonni horsiisaaf oolan kuma 22 fi 802 akkasumas gaariiwwan fe’isaaf tajaajilan bitamanii haadholiif kennamuunsaa hojiilee hojjetaman keessaayyu. Keessumaa haadholii baadiyyaa dugdatti baatanii karaa dheeraa deemanii hojjetan deeggaruuf hojiin jajjabeessaan hojjetameera. Haala walfakkaatuun daa’imman barnootaaf qaqqabanii fi barumsarra jiran miiliyoona 3 tuqaa 2 ta’an uffannaa yuuniifoormii dabalatee deeggarsi meeshaalee barnootaa sagantaa Kanaan taasifamuu adde Ruuqityaan ibsaniiru. Hojiin tola ooltummaa lammummaa hojii tibba tokkoo qofa osoo hintaane aadaa hawaasaa ta’ee ittifufiinsaan akka hojjetamu biirichi mootummaa naannichaa fi waajjira Buusaa Gonofaa waliin ta’uun akka hojjetamu ibsameera.
Ayyaanni Shawaal Iid hambaa addunyaatti galmaa’uunsaa industirii tuurizimii nicimsa-obbo Adam Faaraah
Dec 6, 2023 12
Sadaasa 26/2016(TOI)- Ayyaanni Shawaal Iid hambaa addunyaa ta’ee Yuuneeskootti galmaa’uunsaa sochiin gama damee tuurizimiin taasifnu akka cimuu fi akka bal’atu taasisa jedhan pirezidaantiin paartii badhaadhinaa fi ittigaafatamaa waajjira muummee paartichaa obbo Adam Faaraah. Obbo Adam Faaraah ayyaanni Shawaal Iid hambaa addunyaa ta’ee galmaa’uusaatiin ergaa baga geessanii dabarsaniiru. Paartiin Badhaadhinaa keenyaa xiyyeeffannoo fi ogummaan nan raawwadha jedhee kan qabate dameelee misoomaa shan keessaa dameen tuurizimii keessatti argama kan jedhan obbo Adam, hawattoonni uumamaa fi namtolchee biyya keenyatti argaman caalaa akka guddatan xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru ibsaniiru. Ayyaanni Shawaal Iid Yuuneeskootti galmaa’uunsaa sochii gama Tuurizimiin taasifamu cimsuun fayyadamummaa fooyya’aa akka guddisu himanirru. Murteen seena qabeessi kun magaalaan Harar magaalaa biyya keenyaa Hambaalee lama Yuuneeskootti kan galmeessifte qofeessa yemmuu taatu biyyi keenya Itiyoophiyaanis hambaalee hedduu addunyaatti galmeessisuun Afriikaarraa dursarratti akka argamtu akka ishee taasisu waan ta’eef gammachuun keenya guddaadha jedhan. Fuulduras kabajni ayyaana kanaa caalaa bareedee akka ittifufuu fi miidhaginnisaa beekamtii idil addunyaa karaa madaaluun akka adeemsifamu, magaalattiinis iddoo turizimii filatamtuu akka taatu akka paartii badhaadhinaatti hojii hojjennu akka itti fufnu ibsuun barbaada jechuusaanii odeeffannoon fuula marsariitii paartii badhaadhinaarraa argame nimul’isa.
Diinagdee
Itiyoophiyaan ‘BRICS’tti makamuunshee  ittifayyadama waloo mirkaneessuuf qooda olaanaa qaba
Dec 6, 2023 8
Sadaasa 26/2016 (TOI) - Itiyoophiyaan ‘BRICS’tti makamuunshee hariiroon dippilomaasiin biyyoota hedduu akka guddatuu fi ittifayyadamni waloo akka mirkanaa’u qooda olaanaa akka qabaatu inistiitiyuutii dhimma alaatti qorataan olaanaa dhaabbilee biyyoota hedduu Tasfaayee Booyyessaa dubbatan. Itiyoophiyaan miseensa ‘BRICS’ ta’uunshee faayidaa qabuu fi faayidaa biyyaa waliigalaa ilaalchisuun TOI’n ogeessa olaanaa inistiitiyuutichaa waliin turtii taasiseera. Inistiitiyuutii dhimma alaatti qorataan olaanaa dhaabbilee biyyoota hedduu Tasfaayee Booyyessaa, Itiyoophiyaan ‘BRICS’tti makamuunshee faayidaalee hedduu akka qabu himaniiru. Kanneen keessaa keessumaa faayidaan waltajjii dippilomaasii olaanaa ta’uu eeranii, dippilomaasiin biyyoota hedduu Itiyoophiyaan hordodtu akka cimuu fi ittifayyadama waloof murteessaadha jedhan. Dhageettii fi fudhatamni Itiyoophiyaa sochii dippilomaasii addunyaa keessatti akka guddatu ‘BRICS’ gumaacha mataasaa qaba jedhaniiru. Yaaliin dippilomaasii Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad taasisan Itiyoophiyaan miseensa ‘BRICS’ ta’uun gama dippilomaasiitiin akka milkooftu taasiseera jedhan. Itiyoophiyaan yaalii dippilomaasii taasiftu cimsuun keessumaa waltajjiiwwan ardiirratti Afriikaa bakka bu’uun qoodashee dursummaa sirnaan bahuu fi faayidaa biyyaalessaa eegsisuuf kan gargaaru ta’uu himaniiru. Itiyoophiyaa fi biyyoonni miseensa ‘BRICS’ biroon misoomuuf dandeettii bal’aa waan qabaniif walitti hidhamiinsi kun akka cimu qooda olaanaa akka qabaatus dubbataniiru. Itiyoophiyaan ‘BRICS’tti makamuunshee hariiroon ippilomaasii biyyoota hedduu akka guddatuu fi ittifayyadamni waloo akka mirkanaa’u murteessaa ta’uu eeraniiru. Hanqina sharafa alaa furuuf ‘BRICS’ filaama tokko akka ta’e ibsanii, daldallii fi invastimantiin akka guddatu murteessaa ta’uu dubbataniiru. Yaa’ii idilee 15ffaa ‘BRICS’ Hagayya 2015 Afriikaa Kibbaatti taa’ameen Itiyoophiyaa dabalatee Arjantiinaa, Gibxi, Iraan, Saa’udii Arabiyaa fi Emereetonni Araba Gamtoomanii gaaffiin miseensa ‘BRICS’ ta’uuf gaafatan fudhatama argachuunsaa niyaadatama.
Bulchiinsi magaalaa Shaggar daldala seeraan alaa fi kontirobaandiirratti tarkaanfii fudhachaa akka jiru ibse
Dec 5, 2023 24
Sadaasa 25/2016(TOI) - Bulchiinsi magaalaa Shaggar daldala seeraan alaa fi kontirobaandiirratti tarkaanfii cimaa fudhachaa akka jiru itti aanaan kantiibaa obbo Guyyoo Galgaloo ibsan. Daldalli seeraan alaa fi kontirobaandiin sochii dinagdee waliigalaa biyyaattiirratti dhiibbaawwan addaddaa geessisaa jira. Ministeerri daldalaa fi walitti hidhamiinsa qaxanaa baatii sadan bara bajataa kanatti hojii to’annoo fi hordoffii dhaabbilee daldalaa 402 irratti taasifameen dhaabbilee daldalaa seeraan ala hojjetan 37 irratti tarkaanfii bulchiinsaa fudhachuusaa ibsuunsaa nibeekama. Isaanis damee eyyamaa fi kaayyoo kennameefiin ala hojjechaa kan turan, eyyama daldalaa hinhaaromfamneen hojjechaa kan turan, teesoo hojii galmeessisanirratti kanneen hinargamne akkasumas teessoo damee kan hingalmeessisiifne akka ta’e himaniiru. Haala walfakkaatuun komishiniin gumurukii ibsa torbee baasuun meeshaaleen kontirobaandii maallaqa hedduutti tilmaamaman biyyaa yemmuu baafamanii fi biyya galfaman qabamaa akka jiran mul’isan. Komishinichi hordoffii Onkoloolessa 29 amma Sadaasa 5/2016tti taasiseen meeshaalee kontirobaandii biyyaa baafamanii fi biyya galfaman kan birrii miiliyoona 284 tiqaa 5tti tilmaamamu waajjiraalee dameelee addaddaatti qabuusaa fuula marsariitiisaarratti barreessuunsaa niyaadatama. Daldala seeraan alaa fi kontirobaandii to’achuun magaalaalee gurguddoo biyyattii keessa dhiheenya kan hundeeffame bulchiinsi magaalaa Shaggar muuxannoo qabu gaafatameera. Itti aanaan kantiibaa bulchiinsa magaalaa Shaggar obbo Guyyoo Galgaloo turtii TOI waliin taasisaniin, bulchiinsi magaalichaa daldala seeraan alaa fi kontirobaandiirratti hojjechaa akka jiru ibsaniiru. Waggaa tokko keessatti to’annoo fi hordoffii taasiseen to’annaa fi hordoffii daldala seeraan alaa fi kontirobaandiirraa birriin miiliyoona 58 mootummaaf galii ta’uusaa ibsaniiru. Furii, Sabbataa, Burraayyuu di Xaafoon iddoowwan daldalli kontirobaandii baay’inaan keessa darbu ta’uu eeranii, bakkeewwan kanneenitti to’annaan cimaan taasifamaa akka jiru dubbataniiru. Kanaanis kurmaana bara bajataa kanatti meeshaan kontirobaandii birrii miiliyoona 28tti tilmaamamu toatamuu ibsaniiru. Fuulduras to’annaan kun cimee akka itti fufu ibsanii, tarkaanfiin qaamolee kana keessatti hrmaatan fudhati itti fufa jedhaniiru. Bulchiinsi magaalaa Shaggar magaalaa iddoowwan naannawa Finfinnee qabatee hundeeffame akka ta’e niyaadatama.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Inistiitiyuutiin Armaawer Hansan qorattoota sadii badhaase
Dec 1, 2023 55
Sadaasa 21/2016 (Toi) - Inistiitiyuutiin Armaawer Hansan yeroo 21ffaaf qorattoota sadiif badhaasa Toree Godaal kenneera. Badhaasni Toree Godaal sagantaa badhaasaa damee fayyaatiin agarsiiftuu dhiibbaa idil addunyaa doktr Godaal ta’ee kan tajaajilu ta’uun himameera. Doktar Toree Godaal waggaa 50 darbe daarektara lammaffaa inistiitiyuutii Armaawer Hansan ta’uun wayita tajaajilanitti dargaggoonni qorattoonni Itiyoophiyaa rakkoo isaan mudatu furuuf fi onnachiisuuf kan jalqaban badhaasa maallaqaa ta’uun ibsameera. Saganticharratti kan argaman de’eetaan ministira fayyaa doktar Ayyalee Tashoomee kalaqa guddisuu rakkoolee wal xaxaa ilaalcha haaraan sakatta’uu fi furaatota haaraa fiduuf daandiiwwan misooma egeree fidan argachuuf nigargaara jedhaniiru. Badhaafni Toree Godaal dargaggoota qorattoota qorannoo caaluuf kakaasuu fi gumaachi qabxii tokkoon tokkoosaanii kanneen biroof karaa kan banu waan ta’eef jajjabaachuu fi muuxannoo kanneen biroof qooduu qabu jechuusaanii odeeffannoon ministeera fayya ni’eera. “Duudhaa fi qajeelfamni doktar Godal onnachiiftuu nuuf ta’uun bara tajaajila keenyaa hunda itti fayyadamna” kan jedhan ammoo daarektara olaanaa inistiitiyuutii Armaawer Hansan piroofeesar Afawarq Kaasuudha. Badhaasichi barsiisaa inistiitiyuutii teeknooloojii Yuunivarsiitii jimmaa doktar Yaadannoo Yaazaachoo Taayyee, ogeessa olaanaa laaboraatoorii Yuunivarsiitii Arsii doktar Shimallis Tashoomee Ayyaalneh fi gargaartuu barsiiftuu Yuunivarsiitii Finfinnee adde Saaroon Fiqaaduuf kennameera. Bakka bu’oonni embaasii Noorweey fi Swiidiin, hooggantoonni olaanoo ministeera fayyaa, inistiitiyuutiin qorannoo Armaweer Hansan, hoogansii fi hojjettoonni hoospitaala komrihensiiv Alart, barattoonni waldhaansaa fi keessummoonni waamaman sagantaa badhaasaa kanarratti argamaniiru.
Qorattoonni Yuunivarsiitii Chiikaagoo pilaanetoota walitti hiiqan 6 argachuusaanii ibsan
Nov 30, 2023 244
Sadaasa 20/2016 (TOI)- Qorattoonni Ameerikaa Yuunivarsiitii Chiikaagoo pilaanetoota walitti hiiqan 6 argachuusaanii beeksisan. Pilaanetoonni argaman jedhaman sochiin ofiisaaniirra fi marsaa sirna biiftuutti taasisan sirna kan eegee fi toftaa muuziqaa kan qabu ta’uusaa qorattoonni suuraa ifa taasisaniin ibsaniiru. Pilaanetoonni ‘HD’ 110067 jedhamuun moggaasfaman kuusaa urjii Koomaa Beereeniisis jedhanurraa waggaa ifaa 100 nifagaatu jedhamuusaa kitaabee qorannoo Neecheer jedhamu eeruun ‘UPI’ fuula marsariitiisaarratti gabaaseera. Pilaanetoonni argamuunsaanii akkaataa uumama pilaanetootaa fi jijjiiramni suutaa ilaalcha haaraa uumuu nidanda’a kan jedhan dursaan garee qorattootaa Raafaa’eel Liiyuuk, “argannoowwan akkasii qaamoleen naannawa pilaanetii Neppitiyuun jiran akka beekaman carraa uuma” jechuusaanii gabaasichi yaadachiiseera. “Akaataa uumama pilaanetoota biroo sirna biiftuu ardiin irra jirtuu ala jiranii, turtii, waanti irraa hojjetaman bishaan qabachuusaanii fi dhimmoonni biroon ka’umsa qoranichaa akka ta’u dandeessiseera” jedhaniiru qorattoonni. Saatalaayitootae Ejensiin qorannoo biyyaalessaa samii Ameerikaa Naasaan dhaabbata qorannoo samii Awurooppaa waliin ta’uun erganiin amma ifaa urjichaa, walittihidhamiinsa urjiilee biroo waliin qaban ilaaluun akka danda’ames ibsameera. Akka ibsa qorattoota kanneeniitti pilaanetoonni fageenya walii ittiin eegsisan sirna Reezoonaansi jedhamu kan qaban waan ta’eef urjiiwwan naannawa biiftuu jiran marsaa taasisaniin walitti bu’iinsi uumamuu danda’u xiqqaa ta’uu gabaasa Kanaan ibsameera.
Kennisa tajaajila mana qopheessaa magaaloota Itoophiyaa gara dijitaalaatti ceesisuuf hojjetama jira.
Nov 22, 2023 122
Sadaasa 12/2016 (TOI) - Kennisa tajaajila mana qopheessaa magaaloota Itoophiyaa gara dijitaalaatti ceesisuuf hojjetama jiraachuu Ministirri Magaalaa fi bu'uuraalee misoomaa Caaltuu Saanii beeksisan. Gamaggamni raawwii hojii mootummaa kurmaana 1ffaa bara 2016 bakka ministirri Muummee argamanitti geggeeffama jira. Raawwii hojii ministeera magaalaa fi bu'uuralee misoomaas waltajjii kanarratti gamagamameera. Minstirri Magaalaa fi bu'uuraalee misoomaa Caaltuu Saanii akka ibsanitti; kurmaana jalqabaa kanatti kennisa tajaajila mana qopheessaa ammayyeessuuf hojiin baay'een hojjetameera. Magaaloonni jaha sadarkaa tajaajila isaanii mana qopheessaan akka hojiirra oolchan karoorfamee gara hojiitti galamuu himaniiru Hojii kanaanis tajaajila mana qalmaa, misooma magariisaa fi miidhagina magaalaa, balfa gatuu, hayyama ijaarsaa fi dameewwan birootiin tajaajila isaanii akka haaromsan taasifamaa jiraachuu ibsaniiru. Kenniinsa tajaajila mana qopheessaa ammayyeessuun gara dijiitaalaatti ceesisuuf magaalota Qabridaar, Jijjigaa, Debrabiraan fi Bishooftuurratti hojjetamaa jira jedhaniiru. Muuxannoo magaalota kanneen keessatti argamu gara birootti babal’isuuf karoorri akka jiru hubachiisaniiru. L Sirna bulchiinsa lafa magaalotaa ammayyeessuuf sirna kaadastaraan galmeen eegalamuusaa ministirri kun eeraniiru. Kunis tajaajila gahumsa qabu kennuu fi gochaalee malaammaltummaa ittisuuf kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Kurmaana kana keessa tajaajila mana qopheessaa magaalota irraa birriin biiliyoona 6.8 walitti qabamuu eeraniiru.
Ispoortii
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Emereetonni Araba Gamtoomanii furmaatilee dhiibbaa  jijjiirama haala qilleensaaf doolaara biiliyoona 30 kennuuf waadaa galte
Dec 1, 2023 58
Sadaasa 21/2016 (TOI)- Emereetonni Araba Gamtoomanii furmaatilee dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaaf yaalii taasifamuuf doolaara biiliyoona 30 kennuuf waadaa galteetti. Pirezidaantii Emereetota Araba Gamtoomanii sheeh Mahaammad Biin Zaayid Al Nahiyaan yaa’ii koop28 wayita banan dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa sadarkaa addunyaatti qolachuu fi rakkinicha furuuf biyyisaanii yaalii taasifamu deeggaruuf doolaara biiliyoona 30 akka gumaachitu waadaa galaniiru. Maallaqni kun yaalii dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa qolachuu fi to’achuuf taasifamu keessatti hanqina faayinaansii mudatuuf oolchuu fi cimsuuf akka oolu dubbataniiru. Sheek Mahaammad Biin Zaayid damee anniisaa qulqulluurratti invast gochuu fi cehumsa anniisaa qulqulluu taasisuuf dhiheessiin faayinaansii gahaa gufuu ta’uu ibsaniiru. Koop28 furmaatilee dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaaf biyyoonni akka tumsan, akka mari’atanii fi murtiilee akka dabarsan yaaduun kan qophaa’edha jedhaniiru. Dhiibbaalee jijjiirama haala qilleensaa qolachuuf biyyisaanii hojii hedduu hojjechuushee eeranii, keessumaa baay’ina gadhiisii kaarboonii akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 2030tti harka 40 hir’isuu fi bara 2050tti ammoo zeerootti gadi buusuun waliigaltee irra gahame milkeessuuf damee anniisaa qulqulluurratti invast gochaa akka jirtu ibsaniiru. Yaa’iin waggaa haala qilleensaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii Dubaayitti taa’amaa kan jiru yemmuu ta’u, hooggantoonni biyyootaa jijjiiramni haala qilleensaa keessumaa dhiibbaa geessisu qolachuuf fandii irraa eegamu ramaduuf waadaa nigalu jedhameetu eegamaa.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 3462
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015