Misoomni Qamadii jallisii bonaa wabii nyaataa biyyaa fi bilisummaa dinagdeef qooda guddaa qaba - ENA Afaan Oromoo
Misoomni Qamadii jallisii bonaa wabii nyaataa biyyaa fi bilisummaa dinagdeef qooda guddaa qaba
Onkoloolessa 26/2019 (ENA)- Godina lixa Oromiyaa aanaa Guutoo Giddaatti ganda baadiyyaa ukeetti misooma Qamadii jallisii bonaa babal’isuuf sagantaan facaasaa gaggeeffame.
Bakka bu’aan waajjira qonnaa godina lixa Oromiyaa obbo Koorsaa Waaqjiraa akka ibsanitti, misoomni Qamadii jallisii bonaa wabii nyaataa mirkaneessuurra darbee dinagdee qonnaan bulaa guddisuu fi galmoota damee qonnaa murteessaadha.
Hogganaan waajjira qonna fi lafaa aanaa Guutoo Giddaa obbo Alamaayyoo Mulaatuu gamasaatiin, bara kana aanichatti lafa hektaara kuma 18 ol jallisiin misoomsuuf karoorfamee ganda Ukeetti lafa hektaara kuma 12 irratti facaasaan Qamadii eegalamuu ibsaniiru.
Aanichatti qonnaan bultoota Qamadii kilaastaraan misoomsaa jiran keessaa qonnaan bulaan Alamaayyoo Waaqtolaa lafa hektaara 12 irratti misoomsuuf qophaa’uusaanii fi gorsa ogeeyyotaa fi galteetti gargaaramuun oomishtummaasaanii guddiduuf hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.
Qonnaan bulaa Balaayi Hiikaa ammoo itti fayyadama jallisii fooyyessuudhaan teeknooloojiiwwan fooyya’ootti gargaaramuun oomisha guddisuu tattaafachaa akka jiran ibsaniiru.
Misoomni Qamadii jallisii bonaa galii fi sadarkaa jireenyaa qonnaan bultootaa fooyyessuun gamatti birmadummaa nyaataa biyyaa fi bilisummaa dinagdee cimsuuf murteessaa ta’uun ibsameera.