Abbaan taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa waraqaa raga eyyama tajaajila biroodkaastii miidiyaa korporeeshinii Tigraayi kenne - ENA Afaan Oromoo
Abbaan taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa waraqaa raga eyyama tajaajila biroodkaastii miidiyaa korporeeshinii Tigraayi kenne
Onkoloolessa 27/2019 (ENA) – Abbaan taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa moggaasa haaraan beekamtii seera qabeessa kan kenneef tajaajila biroodkaastii miidiyaa korporeeshinii Tigraayiif waraqaa raga eyyamaa kenneera.
Daarektarri Olaanaa abbaa taayitichaa Aadde Hayimaanoot Zallaqaa ragaa hayyamaa kana itti gaafatamaa dhimma siyaasaa fi gurmaa'insa ummataa bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay obbo Radaa’ii Halafoomiif dabarsaniiru.
Kana malees, qaqqabummaa odeeffannoo ummataa mirkaneessuu, dandeettii ogeessotaa cimsuu fi deeggarsa teeknikaa miidiyaaf kennuu irratti mariin taasifameera.
Obbo Radaa’iin bulchiinsi yeroo naannichaa nageenya waaraa, tasgabbii fi hojiiwwan misoomaa saffisiisuuf qaqqabummaa odeeffannoo ummataa mirkaneessuuf hojjechaa akka jiru ibsaniiru.
Akkasumas, korporeeshinichi deeggarsa miidiyaaf taasisaa jiru akka itti fufu gaafataniiru.
Aadde Hayimaanoot Zallaqaan gama isaaniin, miidiyaalee naannichaa seerota biyyaalessaa, faayidaa biyyaalessaa, ijaarsa nageenyaa fi naamusa ogummaa gaazexeessummaa irratti leenjii kennuuf karoorfamuu ibsaniiru.
Leenjiin kun giddugala loojistikii fi gahumsa miidiyaa Itoophiyaa keessatti kan kennamu ta'uu eeruun, deeggarsi teeknikaa miidiyaaleef taasifamuus cimee akka itti fufu mirkaneessaniiru.