Sirni haqaa humna namaa ga’oomeen, teeknooloojii ammayyaa fi hojmaata gurmaa’een ijaaramaa jira - ENA Afaan Oromoo
Sirni haqaa humna namaa ga’oomeen, teeknooloojii ammayyaa fi hojmaata gurmaa’een ijaaramaa jira
Onkoloolessa 27/2019 (ENA)- Sirni haqaa Itiyoophiyaa humna namaa ga’oomeen, dhaabbilee cimoon, teeknooloojii ammayyaa fi hojmaata gurmaa’een ijaaramaa jiraachuu daarektarri olaanaa inistiitiyuutii seeraa fi haqaa federaalaa ambaasaaddar Daggefee Bulaa ibsan.
Inistiitiyuutichi mata duree Itiyoophiyaatti hammattoo seeraa abbaa seerummaa fi hojiirra oolmaasaa jedhuun qooda fudhattoota waliin simpooziyeemii marii gaggeessaa jira.
Daarektarri olaanaa inistiitiyuutii seeraa fi haqaa federaalaa ambaasaaddar Daggefee Bulaa Simpooziyeemicharratti akka ibsanitti, sirni abbaa seerummaa hawaasa keessatti bu’ura cimaa kan qabu wabii kabaja heera mootummaa fi namoomaati.
Sirni haqaa abbootii murtii qofaan osoo hin ta’iin dhaabbilee cimootiin,humna namaa ga’oomaa , teeknooloojii ammayyaa fi hojmaata gurmaa’een ijaaramaa akka jiru ibsaniiru.
Abbootiin murtii seera hojiirra kan oolchan qofa osoo hin ta’iin utubaa cimaa hawaasa biratti wal amantaa kan eeganii fi haqa cimsanii dhaabanidha.
Hawaasni ol’aantummaa seeraa eegsisuuf, sirna seeraa irratti amantaa akka qabaatuu fi sirna haqaa ammayyeessuuf, nageenya qaamolee abbaa seerummaa mirkaneessuu akkasumas sirna seeraa fi hojimaataa cimsuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Kanaafis, dhaabbatichi qaamolee dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan hojjechuun, hayyoota seeraa, qaamolee imaammata baasanii fi hoggantoota dhaabbilee haqaa walitti fiduun nageenya abbootii seeraa fi dhaabbilee haqaa cimsuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Hojimaata abbaa seerummaa teeknooloojii dijitaalaatiin kan deeggarame gochuun sirna odeeffannoo ammayyeessuu fi ba’aa hojii hir’isuu waan dandeessuuf, irratti xiyyeeffatanii hojjechuun barbaachisaa ta’uu akeekkachiisaniiru.
Biyya Guddoo, Ummata Guddaa , Mul’ata Guddaa