Tamsaasa Kallatti:

Ogeeyyiin Waraanaa Niijer gola hambaa Raayyaa ittisa biyya Itoophiyaa daawwatan

 

Onkoloolessa 27/2019 (ENA) - Ogeeyyiin waraanaa biyyaa Niijer gola hambaa Raayyaa ittisa biyya Itoophiyaa daawwataniiru.

Daawwannaan kun gola hambaa waraanaa irratti muuxannoo wal jijjiiruuf kan kaayyeeffate dha.

Ogeeyyonni kunneen haala yeroo ammaa gola hambaa fi gola hambaa waraanaa ammayyaa’aa fuulduratti ijaaramuuf karoorfame irratti ibsi bal'aan taasifameeraaf.


 

daawwattoonni kunneen gama isaaniitiin,gola hambaa Niijeritti ijaaramuuf karoorfame irratti ibsa kan kennan yoo ta'u, daawwannaan kunis hojii fuulduratti hojjetaniif galtee guddaa akka ta'uuf ibsaniiru.

Itti gaafatamaan Kutaa man kuusaa fi mana Kitaaba Waraanaa gola hambaa Raayyaa Ittisa Biyya Itoophiyaa Koloneel Tasfaayee Taaddasaa keessummoonni kunniin wanta arganitti gammaduu isaanii ibsuun, dhimmoota fuulduratti waliin hojjetan irratti mari'achuu isaanii dubbataniiru.


Daawwannaan kun hubannoo waa'ee seenaa Raayyaa Ittisa Biyya Itoophiyaa qaban akka isaaniif gabbise ibsaniiru.

dursaan garee ogeeyyii kanaa Koloneel Siniyar Hamduu Dijiboo gola hambaan Niijeritti ijaaramuuf hojiif muuxannoo guddaa argachuu isaanii ibsaniiru.

Dabalataanis, fuulduratti wajjin ta'uudhaan hojiilee hedduu waliin akka hojjetan ibsuu isaanii ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul'isa.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015