Afriikaa keessatti taayitaa karaa heera mootummaan alaa to’achuuf yaaluun altasgabbii fi walitti bu’iinsaaf karaa bana - ENA Afaan Oromoo
Afriikaa keessatti taayitaa karaa heera mootummaan alaa to’achuuf yaaluun altasgabbii fi walitti bu’iinsaaf karaa bana
Onkoloolessa 27/2019 (ENA)- Afriikaa keessatti taayitaa karaa heera mootummaan alaa to’achuuf yaaluun altasgabbii fi walitti bu’iinsaaf karaa kan banu ta’uu dura taa’aan komishinii gamtaa Afriikaa Mahammud Alii Yuusuuf ibsan.
Yaa’iin paartilee siyaasaa Afriikaa 2ffaan mata duree “guddina hogganuun paartileen siyaasaa akka maandisoota dinagdee Afriikaa egeree” jedhuun yaadannoo Injifannoo Adwaa gaggeeffamuu eegaleera.
Dura taa’aan komishinii gamtaa Afriikaa Mahammud Alii Yuusuuf akka ibsanitti, Paartileen siyaasaa Afriikaa ummataa fi dhaabbilee jidduutti akka riqichaa ta’uun tajaajiluu qabu.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad mul’ata siyaasaa jijjiirama Afriikaaf uumaniif galata qabu jedhaniiru.
Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 sirni bulchiinsa demokiraasii Afriikaa keessatti sirna siyaasaa qindaa’aa uumuu akka qaban tumamuusaa ibsaniiru.
Paartileen siyaasaa Afriikaa tajaajila ummataa imaammataan deeggarame kennuu qabu kan jedhan dura taa’aan komishinii gamtaa Afriikaa Kanaan alattis ummataa fi dhaabbilee jidduutti riqicha ta’uu akka qaban ibsaniiru.
Paartileen gaggeessitoonni filannoo amanamaa bulchiinsa heera mootummaa irraa madde qopheessuu qabu jedhaniiru.
Mariif waliin dubbachuun paartilee jidduutti murteessaa ta’uu ibsanii, Afriikaa keessatti taayitaa karaa heera mootummaan ala to’achuuf yaaluun sirrii miti jedhaniiru.
Kun ta’uunsaa walitti bu’insaa fi altasgabbiif karaa kan banu ta’uusaa eeranii, gamtaan Afriikaa adeemsa heera mootummaan ala adeemamu cimsee akka balaaleffatu ibsaniiru.