Godina Baha Oromiyaatti hojiin misooma qabeenya Albuudaa hojjetamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Godina Baha Oromiyaatti hojiin misooma qabeenya Albuudaa hojjetamaa jira
Onkololeessa 27/2019( ENA)-- Godina Baha Oromiyaatti qabeenya albuudaa misoomsudhaan bu’aa dinagdee isaanii guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Albuudaa fi Inarjii Godinichaa beeksise.
Qabeenyawwan albuudaa adda addaa godinichatti argaman adda baasuun hojii misoomaa cimsanii gara oomishaatti akka galan akkasumas abbootiin qabeenyaa damee kana keessatti bal’inaan akka hirmaatan taasifamaa jiraachuun ibsameera.
Ogeettiin kenninsa hayyama Albuudaa Waajjirri Albuudaa fi Inarjii Godinichaa Aadde Misraa Usoo ENA’f akka ibsanitti, qabeenya Albuudaa bal'inaan godinichatti bakkeewwan 7 keessatti argamu guutummaa guutuutti misoomsuuf tattaaffiin taasifamaa jira.
Qabeenya Albuudaa bal'inaan bakka itti argamu Aanaalee Ciroo, Xuulluu, Doobbaa, Gammachiis, Daaroo Labuu, Haawwii Gudinaa, Mi’eessoo fi Gumbii Bordoddee keessatti bakkeewwan Albuudaa Iskuweer kiloomeetirii 407 ol ta'an adda baafamaniiru.
Aanaalee kana keessattis abbootiin qabeenyaa 12 hayyama Albuudaa fudhatanii oomisha eegaluu isaanii dubbataniiru.
Aanichatti kanneen akka dhagaa cilee, dhagaa gurraachaa fi adii, taantaalamii, baazaaltii, royyaaliitii fi kkf bal'inaan kan argaman yoo ta'u, abbootiin qabeenyaa damee kanaan bal'inaan akka hirmaatan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa