Angafoota Oduu
"Hojiin guddaan paartii badhaadhinaa fuuladuraa birmadummaa sirnaan fayyadamuun fi  bulchuurratti hojjchuudha- Ittiaanaa pirezidaantii paartii badhaadhinaa obbo Adam Faaraah
Mar 27, 2023 29
  Bitootessa 18/2015 (TOI) - "Hojiin guddaan paartii badhaadhinaa fuuladuraa birmadummaa sirnaan fayyadamuun fi bulchuurratti hojjchuudha jedhan ittaanaan pirezidaantii paartii badhaadhinaa obbo Adam Faaraah. Waltajjiin ergama hooggantootaa wayitaawaa fi seena qabeessi mata duree “Injifanoowwan cimsuu fi qormaatilee cehuu” jedhuun qophaa’e guyyoota sadiif dhimmoota nageenya biyyaa, nageenyaa fi misoomaarratti adeemsifamaa ture kallattii kaa’uun xumurameera. Ittaanaa pirezidaantii paartii badhaadhinaa fi ittigaafatamaan waajjira muummee Adam Faaraah xumura waltajjichaarratti argamuudhaan gaaffilee fi yaada haaggantoota hirmaattotarraa ka’aniif deebii fi ibsa kennaniiru. Paartiin badhaadhinaa qaala’insa jireenyaa, carraa hojii uumuu, tajaajila mootummaa kennuu akkasumas dhimmoota nagaa fi nageenyaarratti xiyyeeffatee akka hojjetu ibsaniiru. Paartiin badhaadhinaa hojmaata dhaabbilee qajeelfamarratti hundaa’e kan dursee jalqabe cimsee itti fufuun fudhatama paartichi ummata biratti qabu guddisuu fi dandeettii mootummaa cimaa uumuun akka barbaachisu eeraniiru. Hooggansi kana cimsuuf tokkummaa ilaalchaa fi gochaa cimsuudhaan tokkummaa sabdaneessummaan walsimsiisuun yaada biyyaa walfakkaataaf humna ta’uu akka qabu kaasaniiru. Yaadonni siyaasaa paartii badhaadhinaa bu’uura Itiyoophiyummaa kan qabanii fi rakkoolee bbiyyaa fi ummata keenyaa hiikuu akka danda’an gochuu, qabannaa mirgoota namoomaa guddisuu fi ummanni hirmaannaa siyaasaa fi misoomaa akkasumas fayyadamummaa guddisuun fudhatama qabu guddisuun akka barbaachisu ibsa taasisaniiru. Walumaagala paartiin badhaadhinaa caasaasaa guutuu sakatta’ee hir’ina dandeettii dandeettii hoggansaa sirreessee, rakkoo keessoo yaalee fi karaa qajeelfamarratti hundaa’een hojjechuun jijjiirama biyyaa fi guddina biyyaa jalqabame ittifufsiisuuf fudhatama ummataa argachuuf hojjechuu akka qabu hubachiisaniiru. Kanumaan wal qabatee birmadummaa akka biyyaatti dhufe fayyadamuun walqabatee hanqinni guddaan akka jiruu fi walabummaa kabajuu fi kabachiisuu ilaalchisee paartiin badhaadhinaa araarfannaaf akka hindhiheessine hubachiisaniiru. Akka paartii biyya bulchuu tokkootti walabummaa sirnaan itti fayyadamuu fi gaggeessuu irratti hojjechuu akka qabu dabalanii ibsaniiru. Akkasumas walabummaa paartii keessatti hojiirra oolchuun akka barbaachisuu fi hoggansii fi miseensi paartichaa walaba ta’ee dhiibbaa malee yaadasaa ibsachaa deemuu akka qabu dubbataniiru. Akka biyyaatti dhaabbileen demokiraasii, dhaabbileen haqaa fi abbaa seerummaa walabaa fi ofdanda’uun hojiisaanii akka hojjetan hooggantootaaf kaasuusaanii odeeffannoon paarticharraa argame nimul’isa.
Galmeen baratoota qormaata biyyaaleessa kutaa 12ffaa bara kanaa fudhatanii Bitootessa   20 hanga Ebla15tti geggeeffama.
Mar 27, 2023 21
Bitootessa 18/2015 (TOI) :- Galmeen baratoota qormaata biyyaalessa kutaa 12ffaa bara kanaa fudhatanii karaa toora Intarneetii Bitootessa 20 hanga Ebla 15 kan geggeeffamu ta'uu Tajaajilli Madaallii Barnootaafi Qormaatawwanii beeksise Tajaajilli Madaallii Barnootaa fi Qormaawwanii galmee qormaata biyyaaleessaa kutaa 12ffa kan bara kanaa ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennera. Ibsa kana kan kennan Daarektarri Olaanaa Tajaajila Madaallii Barnootaa fi Qormaatawwanii dokatar Asheetuu Kabbadaa, galmeen barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara kana fudhatanii Bitootessa 20 hanga Ebla 2015tti karaa toora intarneetii akka geggeeffamu beeksisaniiru. Adeemsa galmee xumuruuf barattoonni qaamaan argamuu akka qaban ibsuun, waraqaa eenyummaa mana barnootaa isaanii qabatanii deemuunis dirqama ta’uu ibsaniiru. Galmeen barattoota idilee fi galgalaa manneen barnootaa keessatti akka raawwatamus eeraniiru. Akkasumas galmeen baratoota irra deebiin qoraamaticha qoramaniifi barattoota barnoota fagoon baratanii waajjiraalee barnootaa aanaa filatamanitti akka gaggeeffamu ibsaniiru. Adeemsi galmee kun guyyoota eerman kana walitti aansuun guyyoota hojii kan raawwataman ta'uus himaniiru. Manneen barnootaa kana hubatanii galmee kanaaf meeshaaleefi qabeenya barbaachisu hunda dhiyeessuu akka qabanis eeraniiru. Qormaanni biyyaaleessa kutaa 12ffaa kan bara kana Yuunivarsiitiwwanitti kan kennamu ta'uus hubachiisaniiru. Tajaajilichi barattoonni guyyaa murtaa’etti argamuun odeeffannoo sirrii guutuudhaan akka galmaa’anis waamicha dhiyeessee jira.
Sirna bulchiinsa qabeenya bishaanii qindaa'aa diriirsuun qabeenya bishaanii qisaasamaafi balfama irraa karaa bilisa ta'een fayyadamuun barbaachisaadha
Mar 27, 2023 22
Bitootessa 18/2015 (TOI) :- Sirna bulchiinsa qabeenya bishaanii qindaa'aa diriirsuun qabeenya bishaanii qisaasamaafi balfama irraa karaa bilisa ta'een fayyadamuun barbaachisaa ta'uuMinisteerri Bishaaniifi Inarjii beeksise. Sirna bulchiinsaa fi itti fayyadama qabeenya bishaanii qindaa'aa ta'e diriirsuufis tattaaffiin taasifamaa akka jirus ministeerichi beeksiseera. Waltajjiin marii hojiirra oolmaa karoora sirna bulchiinsa qabeenya bishaanii qindaa'aa irratti xiyyeeffate magaalaa Adaamaatti geggeeffamaa jira. Waltajjicharratti kan argaman deetaan Ministira Bishaaniifi Inarjii Doktar Abrihaa Addunyaa akka himanitti, sirna bulchiinsa qabeenya bishaanii qindaa'aa diriirsuun qabeenya kana haala qisaasamaafi faalama irraa bilisa ta’een fayyadamuun gahee olaanaa qaba. Qabeenya kana haala bu’a qabeessa ta’een dhaqqabamaa taasisuuf tajaajila misooma hawaasummaafi diinagdeef akka oolu hojjachaa jirra jedhaniiru. Kanaafis karoora bu'uuraa waggaa 10 fi tarsiimoon waggaa shanii qophaa’ee hojiirra ooluu deetaan ministeerichaa beeksisaniiru. Kuufamni qabeenya bishaanii lageenii biyyaattiin qabdu 12 keessaa 7 naannoo Oromiyaatti kan argamu ta'uu eeruun qabeenya bishanii kana karaa qindaa'aa itti fayyadamuun barbaachisaa ta'uu himaniiru. Keessayyuu qisaasama, faalamaafi yeroo gara yerootti xiqqaachaa dhufuu haroowwaniifi lageen naannichaarra gahaa jiru hambisuuf sirna qabeenya bishaanii qindaa'aa dirrisuun qabeenya bishaanii karaa haqa qabeessaafi wal qixa ta'een itti fayyadamuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhaniiru. Kana gochuu yoo kan hin dandeenye ta'ee qabeenya bishaanii kana tajaajila misooma hawasummaafi dinagdeef ooluchuun hin danda'amu jedhaniiru. Deetaan Ministira Bishaaniifi Inarjii kun akka himanitti, sirni bulchiinsa qabeenya bishaanii yaa'aa lageeniirratti hojiirra oolaa jiruun itti fayyadama qabeenya bishaanii haqa qabeessa ta’e kan mirkaneessu ta’uu ibsaniiru. Sirni bulchiinsa qabeenya bishaanii qindaa'aa yaa'awwan lageen akka Abbayyaa, Awaash fi Rift vaaliy keessatti hojiirra ooluu isaas eeraniiru. Yaa'awwan lageen akka Oomoo, Gibee, Gannaalee, Dawaanaa fi Shabalee gara sirna bulchiinsa bishaanii qindaa'aa kanaatti galchuuf ogeeyyii damee kanaan qorannoon gaggeeffamaa akka jirus ibsaniiru. Bakka bu’aan Biiroo Bishaanii fi Inarjii Naannoo Oromiyaa obbo Tashaalee Baqqanaa, qabeenya bishaanii haala bu’a qabeessa ta’een eeguu fi kunuunsuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Sirni bulchiinsa bishaanii qindaa'aan walitti qisaasama bishaanii fi faalama hir’isuu akkasuma nageenya qabeenya bishaanii naannichaa mirkaneessuu keessatti gahee bakka hin buune qabas jedhaniiru. Sirna bulchiinsa qabeenya bishaanii qindaa'aa kan lafa jalaa fi lafarraa diriirsuun barbaachisummaa guddaa akka qabu ibsaniiru. Waltajjicharratti Ogeeyyii fi ittigafatamtoonni godinaalee Oromiyaa hundaa hirmaataniiru.
Damee Industirii Kalaqaa fi aartii gara faayidaa dinagdeetti jijjiiruu barbaachisa- ministeera hojii fi dandeettii
Mar 27, 2023 17
Bitootessa 18/2015 (TOI) - Damee Industirii Kalaqaa fi aartii gara faayidaa dinagdeetti jijjiiruun akka barbaachisu ministeerri hojii fi dandeettii beeksise. Ministeerichi ministeera aadaa fi aadaa waliin ta’uun waltajjiin marii babal’isa carraa hojii industirii kalaqaa fi aartii uumuuf kaayyeffate har’a adeemsifameera. Kaayoon marii kanaa carraalee fi rakkoolee damee kana gama misoomsuu fi deeggaruutiin jiran adda baasuun kallattii furmaataa kaa’uun ta’uusaa odeeffannoon fuula marsariitii ministeera aadaa fi ispoortiirraa argame nimul’isa. Ministeera hojii fi dandeettiitti maanaajarri dhimmoota imaammataa fi tarsiimoo obbo Lijaalam Addaamuu industiriin kalaqaa fi aartii baay’ina oomishaa addunyaa (GDP) harka jaha akka uwwisu ibsaniiru. “Dameen kun Itiyoophiyaatti akkasumas Afriikaatti faayidaa dinagdee qabaatus akka biyyaatti Kanaan dura akka misoomu haalli mijataan hin uumamne “ jedhaniiru. Ministeerri hojii fi dandeettii industirii kalaqaa fi aartii misoomsuuf ministeera aadaa fi ispoortii waliin ta’uun dameen kun faayidaa dinagdee akka kennu gamtaan akka hojjetu dubbataniiru. Barreeffamoonni qorannoo mata duree “Babal’ifni carraa hojii industirii Og-aartii, ogummaa fi ogummaa harkaa fi misooma gabaa” fi “Itiyoophiyaatti gumaacha dinagdee og-aartii” jedhuun qophaa’an dhihaatanii mariin taasifamuu odeeffannoon aadaa fi ispoortiirraa argame nimul’isa.
Ayyaana Faasikaaf zayitii nyaataa liitira miiliyoona 7 ol dhiheessuuf qophaa’uusaa saa waldaan dhuunfaa Fiibellaa Industiriyaal ittigaafatamnisaa murtaa’e ibse
Mar 27, 2023 17
Bitootessa 18/2015(TOI) - Ayyaana Faasikaa dhufuuf zayitii nyaataa liitira miiliyoona 7 ol dhiheessuuf qophaa’uusaa waldaan dhuunfaa Fiibellaa Industiriyaal ittigaafatamnisaa murtaa’e beeksise. Hojii raawwachiisaan waldaa dhuunfaa Fiibellaa Industiriyaal Ittigaafatamummaansaa murtaa’ee Injiinar Inniyaw Waasee TOIf akka ibsanitti, warshaan zayita nyaataa waldicha jala jiru Zayitiiwwan Paalmii fi Suufii gabaa biyya keessaaf dhiheessuun hawaasa fayyadaa jira. Baatiiwwan darban zayitii paalmii liitiroo miiliyoona 100 ol oomishuun akkaataa qoodama mootummaan dhiheessuun naannolee addaddaaf raabsuusaa dubbataniiru. Ayyaana Faasikaa dhufuufis gatii madaalawaan hawaasa qaqqabsiisuuf zayitii Paalmii miiliyoona 3 olii fi zayitii suufii liitiroo miiliyoona 4 ol dhiheessuuf qophaa’aa akka jiru Injiinar Iniyaaw ibsaniiru. Zayitiin Paalm karaa raabsitootaa naannoleef akka raabsamu eeraniiru. Wayita ammaa warshichi hojjettoota dhaabbataa fi yeroo kuma 1 fi 500f carraa hojii uumuusaa Injiinar Inniyaw itti dabalanii ibsaniiru. Biiroo daldalaa fi misooma gabaa naannoo Amaaraatti daarektarri dorgommii daldalaa eegumsa shamattootaa fi hordoffii dhiheessii meeshaalee daldalaa bu’uraa obbo Taaffaree Yemar akka jedhanitti, naannichatti baatii muraasaan dura dhiheessiin Zayitaa hir’ina guddaa qaba ture. "Deeggarsi mootummaan gatii zayitaarratti taasise akka jirutti ta’ee Zayitiin Fiibellaa gabaaf dhihaachuunsaa rakkoon oomishaa akka hinjiraannee fi gatiinsaas akka tasgabbaa’u gumaacha olaanaa taasisaa jira” jedhaniiru. Warshichi dargaggoota eebbifamaniif carraa hojiisaa uumuu kan ibsan ammoo warshichatti carraa hojii kan argatan Injiinar Tinsaa’ee Tasfaa fi dargaggoo Simany Kindeedha. Injiinar Tinsaa’ee Tasfaa Industiriyaal Injiinariingiin eebbifameeW kana keessatti qindeessaa kutaa saliixaa ta’uun hojjechaa kan jiru yoo ta’u, erga Warshaan kun hundaa’ee kaasee hojjechaa akka jiru ibseera. Dargaggoo Simany waggaa lamaa ol Warshaa kana keessatti qacaramtee hojjechaa akka jirtu eertee Warshaan kun ishee fi hiriyootashee abdii kutannaa jalaa akka baase dubbatteetti. Waldaan dhuunfaa Fiibellaa Industiriyaal ittigaafatamnisasa murtaa’e erga hojii jalqabee waggaa lama akka ta’e beekameera.
Kan mul'ate

Beeksisa
ENA
Feb 7, 2023 341
ENA
Siyaasa

Naannoon Oromiyaa hojiiwwan gaaffiiwwan hawaasummaa fi dinagdee ummataa deebisan hojjechaa jira
Mar 24, 2023 75
Bitootessa 15/2015 (TOI) - Naannoon Oromiyaa hojiiwwan gaaffiiwwan hawaasummaa fi dinagdee ummataa deebisan hojjechaa akka jiru Ittiaanaan Pirezidaantii naannichaa obbo Awwaluu Abdii ibsan. Qophiin qonna gannaa bara 2015/16 akkasumas sosochiin waltajjii jalqabsiisa ijaarsa mana jireenyaa qonnaan bultoota naannichaa magaalaa Adaamaa galma Abbaa Gadaatti adeemsifamaa jira. Ittiaanaa pirezidaantii naannichaa obbo Awwaluu Abdii wayita kana akka ibsanitti, hojiiwwan jireenya ummata naannichaa fooyyessuu danda’anirratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jira. Qonnaan bulaan mana ammayyaa akka qabaatuu fi tajaajila liqii baankiirraa argatee mana jireenyaa ammayyaa akka qabaatu nibarbaachisa jedhaniiru. Waltajjii sosochii har’a jalqabamee kanaan manneen baadiyyaa ammayyaa kuma 100 ijaaruuf karoorfamuu dubbataniiru. Manneen ammayyaa kunneen meeshaalee naannawatti rgamanirraa gatii salphaan kan ijaaraman ta’uu ibsaniiru. Gama biraatiin bara kana karaa Buusaa Gonofaa naannichatti barattoonni miiliyoona 5 ol sagantaa nyaataa fayyadamaa ta’uusaanii yaadataniiru. Haala walfakkaatuun deeggarsi lammiilee naannichatti ongeen miihamaniif taasifamaa jiru cimee itti fufuu ibsanii, hooggansiifi kutaan hawaasaa sadarkaan jiru qooda irraa eegamu akka bahu waamicha taasisaniiru. Naannichatti rakkoo olaanaa kan ta’an daldala midhaanii seeraan alaa, daldala albuudaa fi qabeenya beelladaa, kontirobaandii hiikuuf xiyyeeffatamee akka hojjetamu dubbataniiru.
Chaayinaan Walta’iinsa dinagdee Itiyoophiyaa Waliin Qabdu Cimsitee Itti Fufti- Ambaasaaddar Jaan Jiyuwaan
Mar 23, 2023 72
Bitootessa 14/2015(TOI) - Chaayinaan Walta’iinsa dinagdee Itiyoophiyaa Waliin Qabdu Cimsitee akka Itti fuftu Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Chaayinaa Jaan Jiyuwaan ibsan. Jilli mootummaa olaanaa ministira maallaqaa federaalaa Ahimad Shideen durfamu daawwannaan hojii dhiheenya Chaayinaatti taasise hariiroo biyyppta lamaanii gama cimsuutiin gumaacha olaanaa qaba jedhaniiru. Jilli kun turtiisaatiin hooggantoota mootummaa olaanoo waliin dhimmoota addaddaa hariiroon biyyoota lamaanii cimuu danda’urratti mari’achuusaanii dubbataniiru. Dhimmoota daldalaa fi Invastimantii, ijaarsi bu’ura misoomaa hariiroo cimsuun danda’anirratti mari’atamuu eeranii, barbaachisummaa sirreeffama liqii ilaalchisuunis waliigalteerra gahamuu eeraniiru. Itiyoophiyaatti hirmaannaan Kaampaaniiwwan Chaayinaa dameewwan qonnaa, turizimii, fayyaa, misooma anniisaa fi albuudaan caalaa akka cimu akka jajjabeeffaman mirkaneesaniiru jedhan. Kana malees koreen waloo invastimantii fi walta’iinsi dinagdee mijeessuu dandeessisu akka hundaa’u waliigalteerra gahamuu kaasaniiru. Walta’iinsa dinagdee biyyoota lamaanii guddachaa dhufe caalaatti cimsuu fi ittifayyadama waloo mirkaneessuuf xiyyeeffatamee akka hijjetamu ambaasaaddarichi mirkaneessaniiru. Chaayinaan bu’uraalee misoomaa gurguddoo adeemsisuuf “inisheetiiviin Beelt endi rood” barana waggaa 10 akka qabatu ibsanii, waggootii kana keessatti Itiyoophiyaan hariiroo cimaa akka qabdu yaadataniiru. Fuuladuras hojiiwwan bu’ura misoomaa Itiyoophiyaatti Inisheetiivii kana keessatti hojjetaman mijeessuu fi walta’iinsa kana caalaatti cimsuuf akka hojjetamu ibsaniiru. Walta’iinsa gama Saayinsii fi Teeknooloojiin jiru cimsuuf hojjetamaa akka jiru eeranii, keessumaa barattoonni Itiyoophiyaa carraan leenjii damee Kanaan Chaayinaatti kennamu bal’isuuf xiyyeeffannoon kennameera jedhan. Kaampaaniiwwan Chaayinaa bebbeekamoon hojii nvastimantii Itiyoophiyaarratti akka hirmaatan nihojjetama jedhaniiru. Gama biraatiin waraana kutaa Kaaba biyyattiitti ture waliigaltee nagaatiin xumuramuunsaa Chaayinaan akka dinqisiifattu ibsanii, waliigaltichi biyyattiitti nageenya waaraa buusuuf qooda akka qabaatu eeraniiru. Nageenyi Itiyoophiyaa gaanfa Afriikaa fi Afriikaa bahaaf murteessaadha kan jedhan ambaasaaddarichi, waliigaltichi Itiyoophiyaan gara nageenyaa fi ijaarsa dinagdee duraaniitti deebisuuf qooda olaanaa qaba jedhaniiru. Yaalii mootummaan Itiyoophiyaa iddoowwan waraanaan miidhaman deebisee ijaaruu fi lammiilee rakkoof saaxilaman deeggaruuf taasisu Chaayinaan akka deeggartu dubbataniiru. Gojiin deebisanii dhaabuu erga xumuramee booda abbootiin qabeenyaa Chaayinaa iddoowwan kanneenitti invast akka taasisan gochuuf yaaliin nitaasifama jedhaniiru. Akkaataa Chaayinaan nageenya addunyaa mirkaneessuuf “Inisheetiiviin nageenyaa idil addunyaa” waggaa darbe baafteen mootummaa Itiyoophiyaa waliin ta’uun gaanfa Afriikaa fi Afriikaa bahaatti nagaa fi tasgabbii cimsuuf qindoominaan akka hojjettu dubbataniiru. Akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 2022 waljijjiirraan dinagdee biyyoota lamaan jidduu jiru doolaara biiliyoona 2 tuqaa 19 yemmuu ta’u, Itiyoophiyaatti Invastimantiin kallattii Chaayinaa doolaara biiliyoona 3 tuqaa 3 qaqqabeera. Hariiroon dippilomaasii Itiyoophiyaa fi Chaayinaa kan jalqabame akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 1970 dha.

Hawaasummaa
Galmeen baratoota qormaata biyyaaleessa kutaa 12ffaa bara kanaa fudhatanii Bitootessa   20 hanga Ebla15tti geggeeffama.
Mar 27, 2023 21
Bitootessa 18/2015 (TOI) :- Galmeen baratoota qormaata biyyaalessa kutaa 12ffaa bara kanaa fudhatanii karaa toora Intarneetii Bitootessa 20 hanga Ebla 15 kan geggeeffamu ta'uu Tajaajilli Madaallii Barnootaafi Qormaatawwanii beeksise Tajaajilli Madaallii Barnootaa fi Qormaawwanii galmee qormaata biyyaaleessaa kutaa 12ffa kan bara kanaa ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennera. Ibsa kana kan kennan Daarektarri Olaanaa Tajaajila Madaallii Barnootaa fi Qormaatawwanii dokatar Asheetuu Kabbadaa, galmeen barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara kana fudhatanii Bitootessa 20 hanga Ebla 2015tti karaa toora intarneetii akka geggeeffamu beeksisaniiru. Adeemsa galmee xumuruuf barattoonni qaamaan argamuu akka qaban ibsuun, waraqaa eenyummaa mana barnootaa isaanii qabatanii deemuunis dirqama ta’uu ibsaniiru. Galmeen barattoota idilee fi galgalaa manneen barnootaa keessatti akka raawwatamus eeraniiru. Akkasumas galmeen baratoota irra deebiin qoraamaticha qoramaniifi barattoota barnoota fagoon baratanii waajjiraalee barnootaa aanaa filatamanitti akka gaggeeffamu ibsaniiru. Adeemsi galmee kun guyyoota eerman kana walitti aansuun guyyoota hojii kan raawwataman ta'uus himaniiru. Manneen barnootaa kana hubatanii galmee kanaaf meeshaaleefi qabeenya barbaachisu hunda dhiyeessuu akka qabanis eeraniiru. Qormaanni biyyaaleessa kutaa 12ffaa kan bara kana Yuunivarsiitiwwanitti kan kennamu ta'uus hubachiisaniiru. Tajaajilichi barattoonni guyyaa murtaa’etti argamuun odeeffannoo sirrii guutuudhaan akka galmaa’anis waamicha dhiyeessee jira.
Godina Baaleetti hojiin misooma lafa dheedichaa qindaa’aa baasii birrii miiliyoona 90’n adeemsifamaa jira
Mar 24, 2023 65
Bitootessa 15/2015 (TOI) – Hanqina nyaata loonii ongeen geessisu hir’isuuf misoomni lafa dheedichaa birrii miiliyoona 90’n hojjetamaa akka jiru waajjirri qonnaa godina Baalee beeksise. Waajjirichatti itti aanaa itti gaafatamaandamee beelladaa obbo Salamoon Daadhii TOItti akka himanitti, miidhaa ongeen beelladarraan gahu hir’isuuf misoomni lafa dheedichaa qindaa’aan hojjetamaa jira. Haala Kanaan hojiin aanaa Dalloomannaatti jalqabame hanqina nyaata loonii hir’isuun cinaatti sababa lafa dheedichaa gadhiisiitiin miidhaa qabeenya uumamaa daamgeffamerra gahu akka hir’isu dubbataniiru. Hojiin waggoota lamaaf turu kun roobaa fi filaata bishaanii kanneen biroo fayyadamuun dhiheessii nyaata loonii cimsuu fi hojiiwwan eegumsa naannoo yeroo addaddaa taasifamaa jiran misooma beelladaa waliin akka walitti hidhu obbo Salamoon dubbataniiru. Hojiin horiisee bulaa 400 hirmaachisuun adeemsifamaa jiru kun lafa qoree fi aramaa bakka biraatii dhufee uwwifame heektaarri kuma 43 ol ciramaa akka jiru ibsaniiru. Amma ammaattis lafti heektaarri kuma 5 ciramee misoomaaf qophaa’uu fi ciraan kun guutummaatti wayita xumurame nyaanni loonii Alfaa Alfaa, Roodaas fi Sinnaar jedhaman akka misooman himaniiru. Hirmaattota keessaa jiraataa ganda Barraaq horsiisee bulaa obbo Ahimad Badiruu yaada kennaniin, hojiin kun misooma beelladaa baramerraa gara horsiisa loonii ammayyaatti cehuuf nigargaara jedhaniiru. Horsiisee bulaa Huseen Mahimud gamasaaniin horsiisa looniitti hirmaachuun muuxannoo dheeraa qabaatanis hanqina nyaata loonii ongeen mudatuun amma dhamaatiisaanii akka hinfayyadamne dubbataniiru. Hojii Kanaan rakkoon nyaata loonii salphatee fayyadamaa akka ta’an amantaa qaban ibsaniiru. Godina Baaleetti beelladoonni addaddaa miiliyoona 5 akka argaman odeeffannoon waajjira qonnaa godenichaa nimul’isa.
Diinagdee
Sirna bulchiinsa qabeenya bishaanii qindaa'aa diriirsuun qabeenya bishaanii qisaasamaafi balfama irraa karaa bilisa ta'een fayyadamuun barbaachisaadha
Mar 27, 2023 22
Bitootessa 18/2015 (TOI) :- Sirna bulchiinsa qabeenya bishaanii qindaa'aa diriirsuun qabeenya bishaanii qisaasamaafi balfama irraa karaa bilisa ta'een fayyadamuun barbaachisaa ta'uuMinisteerri Bishaaniifi Inarjii beeksise. Sirna bulchiinsaa fi itti fayyadama qabeenya bishaanii qindaa'aa ta'e diriirsuufis tattaaffiin taasifamaa akka jirus ministeerichi beeksiseera. Waltajjiin marii hojiirra oolmaa karoora sirna bulchiinsa qabeenya bishaanii qindaa'aa irratti xiyyeeffate magaalaa Adaamaatti geggeeffamaa jira. Waltajjicharratti kan argaman deetaan Ministira Bishaaniifi Inarjii Doktar Abrihaa Addunyaa akka himanitti, sirna bulchiinsa qabeenya bishaanii qindaa'aa diriirsuun qabeenya kana haala qisaasamaafi faalama irraa bilisa ta’een fayyadamuun gahee olaanaa qaba. Qabeenya kana haala bu’a qabeessa ta’een dhaqqabamaa taasisuuf tajaajila misooma hawaasummaafi diinagdeef akka oolu hojjachaa jirra jedhaniiru. Kanaafis karoora bu'uuraa waggaa 10 fi tarsiimoon waggaa shanii qophaa’ee hojiirra ooluu deetaan ministeerichaa beeksisaniiru. Kuufamni qabeenya bishaanii lageenii biyyaattiin qabdu 12 keessaa 7 naannoo Oromiyaatti kan argamu ta'uu eeruun qabeenya bishanii kana karaa qindaa'aa itti fayyadamuun barbaachisaa ta'uu himaniiru. Keessayyuu qisaasama, faalamaafi yeroo gara yerootti xiqqaachaa dhufuu haroowwaniifi lageen naannichaarra gahaa jiru hambisuuf sirna qabeenya bishaanii qindaa'aa dirrisuun qabeenya bishaanii karaa haqa qabeessaafi wal qixa ta'een itti fayyadamuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhaniiru. Kana gochuu yoo kan hin dandeenye ta'ee qabeenya bishaanii kana tajaajila misooma hawasummaafi dinagdeef ooluchuun hin danda'amu jedhaniiru. Deetaan Ministira Bishaaniifi Inarjii kun akka himanitti, sirni bulchiinsa qabeenya bishaanii yaa'aa lageeniirratti hojiirra oolaa jiruun itti fayyadama qabeenya bishaanii haqa qabeessa ta’e kan mirkaneessu ta’uu ibsaniiru. Sirni bulchiinsa qabeenya bishaanii qindaa'aa yaa'awwan lageen akka Abbayyaa, Awaash fi Rift vaaliy keessatti hojiirra ooluu isaas eeraniiru. Yaa'awwan lageen akka Oomoo, Gibee, Gannaalee, Dawaanaa fi Shabalee gara sirna bulchiinsa bishaanii qindaa'aa kanaatti galchuuf ogeeyyii damee kanaan qorannoon gaggeeffamaa akka jirus ibsaniiru. Bakka bu’aan Biiroo Bishaanii fi Inarjii Naannoo Oromiyaa obbo Tashaalee Baqqanaa, qabeenya bishaanii haala bu’a qabeessa ta’een eeguu fi kunuunsuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Sirni bulchiinsa bishaanii qindaa'aan walitti qisaasama bishaanii fi faalama hir’isuu akkasuma nageenya qabeenya bishaanii naannichaa mirkaneessuu keessatti gahee bakka hin buune qabas jedhaniiru. Sirna bulchiinsa qabeenya bishaanii qindaa'aa kan lafa jalaa fi lafarraa diriirsuun barbaachisummaa guddaa akka qabu ibsaniiru. Waltajjicharratti Ogeeyyii fi ittigafatamtoonni godinaalee Oromiyaa hundaa hirmaataniiru.
Damee Industirii Kalaqaa fi aartii gara faayidaa dinagdeetti jijjiiruu barbaachisa- ministeera hojii fi dandeettii
Mar 27, 2023 17
Bitootessa 18/2015 (TOI) - Damee Industirii Kalaqaa fi aartii gara faayidaa dinagdeetti jijjiiruun akka barbaachisu ministeerri hojii fi dandeettii beeksise. Ministeerichi ministeera aadaa fi aadaa waliin ta’uun waltajjiin marii babal’isa carraa hojii industirii kalaqaa fi aartii uumuuf kaayyeffate har’a adeemsifameera. Kaayoon marii kanaa carraalee fi rakkoolee damee kana gama misoomsuu fi deeggaruutiin jiran adda baasuun kallattii furmaataa kaa’uun ta’uusaa odeeffannoon fuula marsariitii ministeera aadaa fi ispoortiirraa argame nimul’isa. Ministeera hojii fi dandeettiitti maanaajarri dhimmoota imaammataa fi tarsiimoo obbo Lijaalam Addaamuu industiriin kalaqaa fi aartii baay’ina oomishaa addunyaa (GDP) harka jaha akka uwwisu ibsaniiru. “Dameen kun Itiyoophiyaatti akkasumas Afriikaatti faayidaa dinagdee qabaatus akka biyyaatti Kanaan dura akka misoomu haalli mijataan hin uumamne “ jedhaniiru. Ministeerri hojii fi dandeettii industirii kalaqaa fi aartii misoomsuuf ministeera aadaa fi ispoortii waliin ta’uun dameen kun faayidaa dinagdee akka kennu gamtaan akka hojjetu dubbataniiru. Barreeffamoonni qorannoo mata duree “Babal’ifni carraa hojii industirii Og-aartii, ogummaa fi ogummaa harkaa fi misooma gabaa” fi “Itiyoophiyaatti gumaacha dinagdee og-aartii” jedhuun qophaa’an dhihaatanii mariin taasifamuu odeeffannoon aadaa fi ispoortiirraa argame nimul’isa.
Ayyaana Faasikaaf zayitii nyaataa liitira miiliyoona 7 ol dhiheessuuf qophaa’uusaa saa waldaan dhuunfaa Fiibellaa Industiriyaal ittigaafatamnisaa murtaa’e ibse
Mar 27, 2023 17
Bitootessa 18/2015(TOI) - Ayyaana Faasikaa dhufuuf zayitii nyaataa liitira miiliyoona 7 ol dhiheessuuf qophaa’uusaa waldaan dhuunfaa Fiibellaa Industiriyaal ittigaafatamnisaa murtaa’e beeksise. Hojii raawwachiisaan waldaa dhuunfaa Fiibellaa Industiriyaal Ittigaafatamummaansaa murtaa’ee Injiinar Inniyaw Waasee TOIf akka ibsanitti, warshaan zayita nyaataa waldicha jala jiru Zayitiiwwan Paalmii fi Suufii gabaa biyya keessaaf dhiheessuun hawaasa fayyadaa jira. Baatiiwwan darban zayitii paalmii liitiroo miiliyoona 100 ol oomishuun akkaataa qoodama mootummaan dhiheessuun naannolee addaddaaf raabsuusaa dubbataniiru. Ayyaana Faasikaa dhufuufis gatii madaalawaan hawaasa qaqqabsiisuuf zayitii Paalmii miiliyoona 3 olii fi zayitii suufii liitiroo miiliyoona 4 ol dhiheessuuf qophaa’aa akka jiru Injiinar Iniyaaw ibsaniiru. Zayitiin Paalm karaa raabsitootaa naannoleef akka raabsamu eeraniiru. Wayita ammaa warshichi hojjettoota dhaabbataa fi yeroo kuma 1 fi 500f carraa hojii uumuusaa Injiinar Inniyaw itti dabalanii ibsaniiru. Biiroo daldalaa fi misooma gabaa naannoo Amaaraatti daarektarri dorgommii daldalaa eegumsa shamattootaa fi hordoffii dhiheessii meeshaalee daldalaa bu’uraa obbo Taaffaree Yemar akka jedhanitti, naannichatti baatii muraasaan dura dhiheessiin Zayitaa hir’ina guddaa qaba ture. "Deeggarsi mootummaan gatii zayitaarratti taasise akka jirutti ta’ee Zayitiin Fiibellaa gabaaf dhihaachuunsaa rakkoon oomishaa akka hinjiraannee fi gatiinsaas akka tasgabbaa’u gumaacha olaanaa taasisaa jira” jedhaniiru. Warshichi dargaggoota eebbifamaniif carraa hojiisaa uumuu kan ibsan ammoo warshichatti carraa hojii kan argatan Injiinar Tinsaa’ee Tasfaa fi dargaggoo Simany Kindeedha. Injiinar Tinsaa’ee Tasfaa Industiriyaal Injiinariingiin eebbifameeW kana keessatti qindeessaa kutaa saliixaa ta’uun hojjechaa kan jiru yoo ta’u, erga Warshaan kun hundaa’ee kaasee hojjechaa akka jiru ibseera. Dargaggoo Simany waggaa lamaa ol Warshaa kana keessatti qacaramtee hojjechaa akka jirtu eertee Warshaan kun ishee fi hiriyootashee abdii kutannaa jalaa akka baase dubbatteetti. Waldaan dhuunfaa Fiibellaa Industiriyaal ittigaafatamnisasa murtaa’e erga hojii jalqabee waggaa lama akka ta’e beekameera.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Diinagdee dijitaalaa hunda hammate uumuuf beekumsaa fi dandeettii guddisuu irratti hojjechaa jirra
Mar 27, 2023 36
Bitootessa 18/2015 (TOI) :- Itoophiyaan diinagdee dijitaalaa hunda hammate uumuuf beekumsaa fi dandeettii irratti xiyyeeffachuun hojjechaa jiraachuu ishee himame. Guyyaan Dubartoota Idil Addunyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Komishiniin Diinagdee Afrikaa akkaataa itti fayyadama dinagdee dijitaalaa dubartootaa guddisuu danda'amurratti mariyachuun kabajameera. Marii kanarratti deetaan Ministira Innooveeshinii fi Teeknooloojii Huriyaa Alii riifoormii damee telekoomii Itoophiyaatti fudhatamaa jiru ibsaniiru. Itoophiyaan hojiirra oolchaa kan jirtu Sagantaa dijitaalaa bara 2025 keessatti dubartoonni teeknooloojii sadarkaa barbaadamuun akka hin fayyadamne waantoota taasisan keessaa hanqinni dandeettii fi beekumsa dijitaalaa ta’uu ibsaniiru. Kanaaf dandeettii dijitaalaa dubartootaa guddisuuf hojiiwwan ogummaa fi beekumsa irratti xiyyeeffatan hojjechuudhaan diinagdee hunda hammate uumuuf tattaaffiin taasifamaa jira jedhaniiru. Garaa garummaa beekumsa dijitaalaa dubartootaa fi dhiirota gidduu jiru dhiphisuuf qorannoon biyyaalessaa gaggeeffamaa akka jirus ibsaniiru. Argannoo qorannichaa irratti hundaa’uun tooftaa bocuun dubartoota fayyadamoo taasisuuf ni hojjanna jedhaniiru. Dhaabbaata Mootummoota Gamtoomaniitti Komishiiniin Dinagdee Afrikaa bakka bu'uun waltajjichiarratti kan argaman dhaabbatichi karoora dijitaalaa bara 2025 Itoophiyaan qabattee jirtu galma ga’uuf akka deeggaru ibsaniiru. Sadarkaa idil addunyaatti dinagdee dijitaalaa handa hammate uumuun dhabuun dubartoonni miliyoonaan lakkaa’aman tajajila interneetii akka fayyadamaa hin jirre himameera.
Inistiitiyuutiin Toonii Bileer Deeggarsa Tiraanisfoormeeshinii Dijitaalaa Itiyoophiyaaf Taasisu Akka Itti Fufu Ibse
Mar 25, 2023 45
Bitootessa 16/2015 (TOI) - Inistiitiyuutiin Toonii Bileer Deeggarsa Hojiirra Oolmaa Tiraanisfoormeeshinii Dijitaalaa Itiyoophiyaaf Taasisu Akka Itti Fufu Ibse Ministirri Innoveeshinii fi Teeknooloojii doktar Ballaxaa Mollaa dura taa’aa olaanaa Inistiitiyuutii Toonii Bileer Sre Toonii Bileer waliin waajjirasaaniitti mari’ataniiru. Mariin kun gamtoomina dhaabbilee lamaan jidduu jiruu fi dhimmoota fuuladura hojjechuuf karoorfame irratti kan xiyyeeffate ta’uu odeeffannoon fuula marsariitii ministeera Innoveeshinii fi teeknooloojiirraa argame nimul’isa. Inistiitiyuutiin Toonii Bileer tarsiimoo Itiyoophiyaa dijitaalaa2025(Tiraanisfoormeeshinii dijitaalaa) yeroo qophiirraa kaasee amma raawwachiisuutti teekniikaan(ogeessa), hojiirra oolmaa I-sarviisii qorachuun, dandeettii raawwachiisummaa akkasumas deeggarsa gurmaa’insaa fi adeemsa hojii fooyyessuuf dandeessisutaasisaa turuun ibsameera. Inistiitiyuutichi bu’ura misoomaa dijitaalaa ilaalchisuun jiddugaleessa deetaa, qaqqabiinsa Intarneetiin, kilaawudii fi teeknooloojiiwwan haaraarratti deeggarsa fuuladuraaf taasisurratti mariin taasifamuu beekameera. Gama biraatiin daarektarri olaanaa sagantaa waraqaa eenyummaa dijitaalaa biyyaalessaa obbo Yoodaahee zemikaa’el Ser Toonii Bileeriif waraqaa eenyummaa dijitaalaa biyyaalessaa ilaalchisuun ibsa kennaniiru. Daarektarichi deeggarsa tajaajilasaaf kennuu fi rakkoowwan misooma bu’uraan walqabatan irrattis ibsa taasisaniiru. Abbaa umurii waggaa 69 ministirri muummee Ingiliz duraanii Toonii Bileer akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 1997 amma 2007tti ministira muummee ta’uun tajaajilaniiru.
Itiyo-Telekom Ijaarsa Dinagdee Dijitaalaatiin dursaa Jira- Fireehiywoot Taammiruu
Mar 24, 2023 43
Bitootessa 15/2015 (TOI) - Itiyo-Telekom Ijaarsa Dinagdee Dijitaalaatiitiin dursaa akka jiru hojii raawwachiiftuu Itiyoo-telekoom Fireehiywoot Taammiruu ibsan. Itiyoo Telekoom teeleebirrii haaraa baase appilikeeshinii moobaayilii “suppar app” ifoomseera. Teeknooloojiin kun maamiltoonni hojiisaanii guyya guyyaa salphaa taasisuu fi hojiilee daldalaa teeknooloojiin deeggarame mijeessuuf yaadamee kan qophaa’edha. Appilikeeshiniin kun maamiltoonni altokkotti tajaajiloota bittaa fi gurgurtaa addaddaa akka argatanii fi adeemsa bittaa kamiifuu akka itti fayyadaman kan dandeessisu ta’uun ibsameera. Appilikeeshiniin haaraa kun rakkinoota kanneen akka raawwii, sirna seekuriitii, xiqqaachuu dandeettii bilbilaa deetaa qabachuu fi rakkinoota kanneen biroo appilikeeshinii teeleebirrii yeroo ammaa hojiirra jiruurratti mul’atan hiikuuf nidandeessisa jedhameera. Akkasumas appilikeeshinii maayi-Itiyoo-teel fi appilikeeshiniiwwan kanneen biroo bakka tokkotti fiduun kanqindaa’e, ga’oomaa akkasumas tajaajiloota salphaatti argachuuf kan dandeessisu ta’uudha jedhameera. Hojii raawwachiiftuun olaanaa Itiyoo Telekoom Fireehiywoot Taammiruu wayita kana akka jedhanitti kaampaanichi tajaajila kennu yeroo gara yerootti guddisaa jira. Itiyoo Telekoom dinagdee dijitaalaa dhugoomsuuf cimee itti fufuun damee Kanaan dursaa akka jiru ibsaniiru. Qabeenyaa sirnaan itti fayyadamuuf teeknooloojiin deeggaramuun murteessaa ta’uu dubbatanii, appilikeeshiniin har’a dhugoome kun kanuma kan gabbisu ta’uu dubbataniiru. Kna biraammoo fayyadamni bilbila Smaart ta’uu ibsanii, bilbiloota amma ammaatti neetwoorkiirratti galmaa’an miiliyoona 81 keessaa dhibbantaa 46 bibila Smaart ta’uu dubbataniiru. Appilikeeshiniin guyyaa har’aa ifoome teelee birr suppar app appilikeeshinoota tajaajiloota addaddaaf itti fayyadamnu hunda appilikeeshinii tokkorratti fayyadamuuf kan dandeessisu ta’uu dubbataniiru. Yeroo fi baasii gama qusachuutiin appilikeeshiniin kun qooda olaanaa akka qabus eeraniiru.
Waldaan Dargaggoota Hojii Uumtotaa Itiyoophiyaa Dargaggoota Hojii Uumaniif Deeggarsi Maallaqaa Akka Taasifamuuf Gaafatan
Mar 22, 2023 83
Bitootessa 13/2015 (TOI) - Waldaan Dargaggoota Hojii Uumtotaa Itiyoophiyaa Dargaggoota Hojii Uumaniif Deeggarsi Maallaqaa Imaammatarratti Hundaa’e Akka Taasifamu Gaaffii Dhiheesse. Imaammanni dargaggoota hojii uumtota yaada haaraa qabatanii dhufan jajjabeessu qophaa’aa akka jiru ministeerri Innoveeshinii fi teeknooloojii ibseera. Waldaan dargaggoota hojii uumtotaa Itiyoophiyaa ministeera Innoveshinii fi Teeknooloojii waliin ta’yuun waltajjii maree walitti hidhiinsaa fi advookeesii imaammataa “Zalala” jedhamu adeemsiseera. Pirezidaantiin waldichaa Saamiyaa Abdulqaadir, namoonni kalaqaa hedduun deeggarsa kanneen akka faayinaansii dhabuusaaniitiin waan yaadan milkeessuu akka hindandeenye ibsaniiru. Rakkoo kana furuuf sirna faayinaansii keessa galchuun dargaggoota kalaqxootaaf gargaarsa maallaqaa Imaammataan deeggarame gochuu barbaachisa jedhaniiru. Haala walqabateen waldichi rakkoolee gama kanaan mul’atanirratti hojjechuu fi furmaata barbaaduuf yaalii taasisaa turuusaa beeksisaniiru. Haala Kanaan miseensota kuma 1 ol walittiqabuun dhaabbilee mootummaa fi mitmootummaa 17 ol waliin walitti hidhiinsi akka uumamuuf taasisuusaanii Pirezidaantiin kun eeraniiru. Kalaqxoonni TOI’n dubbise yaada kennaniin deeggarsi faayinaansii fi leenjii karaa mootummaa osoo guutameefii hojii biyya fayyadu hojjechuu akka danda’an dubbataniiru. Ministeera Innoveeshinii fi Teeknooloojiitti hooggantuun misooma staartaappii inniveeshinii Salaamyihun Adafris gamasaaniin, imaammanni faayinaansii namoota yaada kalaqaa qaban deeggaru dhabamuunsaa rakkoo ta’ee turuusaa ibsaniiru. Kanaaf rakkoo kana egereef hiikuuf imaammanni dargaggoota hojii kalaqaa haaraa fidanii dhufan jajjabeessu qophaa’aa akka jiru eeranii, yeroo dhihootti hojiirra akka oolu dubbataniiru. Hooggantoonni ministeera Innoveeshinii fi Teeknooloojii, Hooggantoonnii fi ogeessonni Baankii, bakka bu’oonni dhaabbilee mootummaa fi mitmootummaa maree advookeesii imaammataa kanarratti hirmaataniiru. Mariin baatii tokkotti altokko adeemsifamu kun dargaggoonni gama teeknooloojiin gahumsa kalaqaa qaban mootummaa fi mitmootummaarraa deeggarsa faayinaansii fi leenjii argatanirratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsameera.
Ispoortii
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Godina Harargee lixaatti biqiltuuwwan ganna dhufu sagantaa ashaaraa magariisaan dhaabaman miiliyoona 368 qophaa’aa jiru
Mar 17, 2023 97
Bitootessa 08/2015 (TOI) - Godina Harargee lixaatti biqiltuuwwan ganna dhufu sagantaa ashaaraa magariisaan dhaabaman miiliyoona 368 qophaa’aa akka jiran waajjirri qonnaa fi qabeenya uumamaa godinichaa beeksise. Itti aanaa ittigaafatamaa waajjirichaa obbo Aliyyi Daadhii TOI’f akka ibsanitti, qophii amma ammaatti taasifameen biqiltuuwwan miiliyoona 368 ol qopheessuudhaan karoorarraa dhibbantaa 80 milkeessuun danda’ameera. Qophiin biqiltuu kun gandoota 495 aanaalee godinichatti argaman 15 keessatti fi buufataalee biqiltuu mootummaatti hojjetamaa akka jiru dubbataniiru. Godinichatti waggoota dheeraaf biqiltuu haaraa qopheessuu mannaa kan ture qofa fayyadamuun akka mul’atu itti gaafatamaa itti aanaa kun ibsaniiru. Haala Kanaan godinicha aanaalee hedduu keessatti muka ciruu fi lafti duwwaatti hafuun mudatee akka ture yaadataniiru. Kan darberraa barachuun sagantaan ‘ashaaraa magariisaa’ erga jalqabamee asitti ummata hirmaachisuun jijjiirama fiduun danda’ameera jedha. Kaayoon olaanaa hojii misooma sululaa hirmaannaa ummataan hojjetame kun naannoo magariisa uffisuu ta’uu ibsaniiru.   Hojii misooma sululaa godinichatti hojjetameen lafa heektaara kuma 288 caalurratti hojiin misooma sululss hojjetameera jedhan. Biqiltuuwwan qophaa’aa jiran Maangoo, Avokaadoo, Giishxaa fi Temirii akkasumas mukoota misooma bosonaaf oolanii fi nyaanni loonii keessatti argamu. Biqiltuuwwan waggoota darban gaarren muka malee hafanii fi lolaan haqaman irratti dhaabaman akka gaariitti qabachuusaanii ibsanii, iddoowwan bosonni deebi’etti bineensonni bosonaa deebi’aa akka jiran dubbataniiru. Biqiltuuwwan Kanaan dura sagantaa ashaaraa magariisaatiin godinichatti dhaabaman keessaa dhibbantaan 88 qabachuusaanii mirkaneessaniiru. Namoonni miiliyoona 1 ol biqiltuu dhaabuurratti kan hirmaatan yemmuu ta’u, sagantaan biqiltuu dhaabuu kun lafa heektaara kuma 200 irratti ni adeemsifama jedhaniiru.
Qabeenya uumamaa eeguun qonna ammayyeessuuf hundi qindoominaan hojjechuu qaba- pirezidaantiinaannoo Gaambeelleeobbo Umood Ujuluu
Feb 11, 2023 216
Guraandhala 4/2015 (TOI)- Naannoo Gaambeellaatti kunuunsaa fi itti fayyadama qabeenya uumamaa egeree fooyyessuun qonna ammayyeessuuf hundi qindoominaan hojjechuu akka qabu pirezidaantiin naannichaa ob. Umood Ujuluu hubachiisan. Misoomni sululss baatiiwwan bonaa godinichaa godina Sablammii Nuweer aanaa Makkootyitti har’a ifatti jalqabameeera. Pirezidaant Umood wayita kanatti akka jedhanitti, Kunuunsaa fi itti fayyadama lafa, bishaanii fi qabeenya bosonaa naannichaa fooyyessuun wabii nyaataa mirkaneessuuf hundi qindoomee ciminaan hojjechuu qaba. Hojiiwwan kunuunsaa fi itti fayyadama qabeenya uumamaa waggoota darban hojjetamaniin rakkoo lafti qullaatti hafuu fi manca’a bosonaa gama ittisuutiin hojiileenjajjabeessoo hojjetamuu dubbataniiru. Kanaaf lafa qullaatti hafe gara duriitti deebisuun wabii nyaataa mirkaneessuuf hojiin misooma sululaa cimee akka itti fufu ibsaniiru. Milkaa’ina hojiiwwan sululaa baatii bonaa jalqabame kanaaf qaamoleen hooggansaa sadarkaa hundarra jiran kutannoon hojjechuu akka qabu hubachiisaniiru. Bulchaan godina sablammii Nuweer ob. Boot Teer gamasaaniin hojiilee misooma sululaa cimsuun hojiin wabii nyaataa mirkaneessuu hojii ijoo qaamolee qooda fudhattoota hundaa ta’uu akka qabu dubbataniiru. Hijiin misooma sululaa baranaa sadarkaa naannootti aanaa keenya aanaa Makkooyitti jalqabamuusaatiin gammachuu qaban ibsanii bu’aqabeessummaasaatiif ummata qindeessanii akka hojjetan ibsaniiru. Baatii bonaa baranaatiin sululoota 124 lafa heektaara kuma 60 olirratti hojiilee eegumsa biyyoo fi bishaaniirratti hojjechuuf karoorfamee gara boqonnaa hojiitti seenamuusaa kan ibsan ammoo itti gaafatamaa biiroo qonnaa fi qabeenya uumamaa ob. Ajaak Uchaalaa ti. Hojiileen misooma sululaa kan adeemsifaman idilee fi pirojektootaag gargaaramuun ta’uu kan ibsan itti gaafatamaan kun kanaanis ummanni kuma 120 ol akka hirmaatu nieegama jedhaniir. Sagantaan sosochii misooma sululaa guyyaa kana jalqabame baatii tokkoof akka turu Ob. Ajaak ibsaniiru. Sagantaa jalqabsiisa misooma Sululaa irratti hooggantoonni olaanoo naannoo, godinaa fi aanaa akkasumas ogeeyyonni argamaniiru.
Godina Arsii Lixaatti sagantaa ashaaraa magariisaa ganna dhufuuf biqiltuun miiliyoona 200 qophaa’aa jira
Feb 8, 2023 209
Guraandhala 01/2015 (TOI) - Godina Arsii Lixaatti sagantaa ashaaraa magariisaa ganna dhufuuf biqiltuun miiliyoona 200 qophaa’aa akka jiru waajjirri qonnaa godinichaa ibse. Waajjirichatti gaggeessaan garee qabeenya uumamaa fi eegumsa naannoo ob. Umar Ejeree TOItti akka himanitti, biqiltuun kunneen gogiinsa dandamachuu fi ciidha tursiisuun oomishtummaa kan dabalanidha. Bara kana biqiltuuwwan miiliyoona 200 ol qopheessuuf karoorfamee hojjetamaa akka jiru ibsaniiru. Godinichi bokkaa gannaa roobu kuusuuf daagaa, boollii fi hojiin eegumsa biyyoo fi bishaanii kanneen biroo hojjechaa akka jiru ibsanii, sagantaan biqiltuu dhaabuu baatii Eblaa irraa kaasee akka adeemsifamu eeraniiru. Biqiltuuwwan qophaa’an xaa’ummaa lafaa kan dabalamanii fi nyaata looniif kan oolan sanyii addaddaa yoo ta’an, kunis hojiilee gogiinsa damdamachuuf hojjetamaa jiran keessaa isa tokkodha jedhaniiru. Biqiltuuwwan kunneen qophaa’aa kan jiran buufataalee biqiltuu godinichatti argaman kuma 3 fi 225 fi qonnaan bultootaan akka ta’e ibsaniiru. Sagantaan ashaaraa magariisaa ganna dhufuuf biqiltuuwwan biyya keessaa kanneen akka Waddeessaa, gaattiraa, muka gurraachaa, birbirsaa fi kanneen biroo qophaa’aa akka jiran beeksisaniiru. Sagantaa ashaaraa magariisaan waggaa darbe biqiltuuwwan dhaabbatan miiliyoona 146 keessaa kunuunsa taasifameen dhibbantaan 85 qabachuusaa ibsaniiru. Biqiltuu dhaabuun ala tajaajilaaf amma oolanitti kunuunsi barbaachisaan akka taasifamudubbataniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 432
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Tajaajilli oduu Itiyoophiyaa Marsariitii Afaan Faransaayii fi Tigreetiin odeeffannoo qaqqabaa taasisu jalqabsiise
Mar 4, 2023 387
Guraandhala 25/2015 (TOI)- Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa marsariitii haaraa odeeffannoowwan biyya keessaa fi idil addunyaa afaan Faransaayii fi Afaan Tigreetiin qaqqabaa taasisu jalqabsiise. Hojii raawwachiisaan olaanaa dhaabbatichaa Ob. Seeyfee Darribee fi Itti aantuu hojii raawwachiiftuuejensii nageenyaa weebii infoormeeshinii Tigisti Haamiid marsariitii haaraa kana hojii jalqabsiisaniiru. Sdministireetariin marsariitii dhaabbatichaa Heenook Abiyyi sirna jalqabsiisaa kanarratti akka jedhanitti, marsariitiin haaraan afaanota addaddaan odeeffannoowwan qulqullina walfakkaatuun qaqqabsiisuu akka danda’utti kan hojjetamedha. Marsariitiin biraandii dhaabbatichaarratti hundaa’uun qophaa’e kun gama qulqullina odeeffannoo fi nageenyummaanis amansiisaa ta’ee tajaajila akka kennu karaa ejensii nageenya weebii infoormeeshinii hojjetamuusaa ibsaniiru. Marsariitiin kun afaan Ingilizii, Arabaa, amaaraa,fi afaan Oromoo Kanaan dura ittiin hojjetamaa ture dabalatee dhiheenya akka haaraatti kan jalqaban Afaan Faransaayii fi Tigree dabaluun tajaajila akka kennu taasifamee akka hojjetame beeksisaniiru. Hojii raawwachiisaa olaanaa Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa Ob. Seeyfee Darribee akka jedhanitti, TOI;n hojiiwwan dhimmoota biyyaa Itiyoophiyaa ijaaran hawaasa addunyaaf beeksisan hojjrchaa jira. Marsariitiin haaraan amma ifoome kaayyoo kana raawwachiisuuf kan deeggarudha jedhanii, amansiisummaa fi nageenyummaansaa eegamee tajaajila ammayyaa kennuu akka dandeessisu ejensii nageenya weebii infoormeeshinii hojjetamuusaa dubbataniiru. Fuula duras TOI’n hojiiwwan ejensii nageenya weebii infoormeeshinii waliin ta’uun misooma damee kanaa n hojjetu cimsee akka itti fufu dubbataniiru. Daarektarri itti aantuu muummee ejensii nageenya weebii infoormeeshinii Tigisti Haamiid gamasaaniin dhaabbannisaanii hojiiwwan nageenya dhaabbilee sabquunnamtii eegsisuuf dandeessisan hojjechaa akka jiru ibsaniiru. TOI waliinis rakkoolee quunnamuu danda’an qolachuuf waliin hojjechuurra darbee fuula duras dhimmoota biroorratti hojiiwwan hariiroo qaban guddisan akka cimsan ibsaniiru. Itti gaafatamtoonni olaanoo fi ogeessonni dhaabbilee lamaanii sagantaa jalqabsiisaa marsariitii kanarratti argamaniiru.
Gabaasa addaa
Balaa ibiddaa Finfinneefi Buraayyuutti mudateen qabeenyaa birrii miliyoona 2.9 ta'urraa miidhaan gaheera.
Jan 24, 2023 243
Amajji, 16/2015(TOI) - Komishiniin hooggansa balaa ibiddaa fi sodaa balaa Finfinnee balaa kaleessa magaalaa Finfinneefi Buraayyuutti Balaa ibiddaa mudateen qabeenyaa birrii miliyoona 2.9 ta'urraa miidhaan gahuu beeksise. Komishinichi qabeenyaa birrii 258 baasu balaa kanarraa baraaruun akka danda'amees beeksiseera. Daarektarri hariiroo hawaasaa komishinichaa obbo Gululaat Geetaneehe akka TOItti himanitti kaleessa galgala sa’aatii 4:48 irratti Kutaama magaala Lammii Kuraatti sababa balaa Elektirikiin gamootti ibiddi qabtee qabeenya birrii miliyoona 1.6tti tilmamamuu barbadeeseera. Hojjettoonni balaa tasaa 40 poolisii magaalaa Finfinnee fi hawaasni naannoo waliin ta’uun qabeenya birrii miiliyoona 148tti tilmaamamu balaa ibiddaa kanarraa baraaru danda'uus himaniiru. Balaa kanaan hojjettoota balaa tasaa sadii fi namoota biroo 7 irraa miidhaan salphaa gahuu himaniiru. Haaluma walfakkatuun kaleessaa galgala sa'aatii 3:55 irratti Kutaama magaalaa Gullee aanaa 5 naannoo buufata Konkolaataa konkolaataa geejjiba ummataa qaxxaamura biyyaa irratti ka'een qabeenyi birrii miliyoona tokkootti tilmaamamu barbadaa'uu ibsameera. Akka daayreektarri hariiroo hawaasaa kun jedhanitti, hojjettoonni balaa tasaa sagal Poolisii Federaalaa Itoophiyaa fi hawaasni naannoo waliin ta’uun balaa ibiddaa kana dhaamsaniiru. Gama biraatiin kaleessa galgala sa'aatii 10:46tti magaalaa Buraayyuutti warshaa huccuu Chaayinaa Shufenia jedhamu keessatti balaa ibiddaa sababa elektirikiin mudateen qabeenyi Birrii kuma 300tti tilmaamamu barbadaa'uu himaniiru. Balaa ibiddaa kana dhaamsuuf carraaqqii guddaa taasifameen qabeenyi birrii miiliyoona 100tti tilmaamamu balaarra hambisuun danda'umuus himaniiru. Obbo Gululaat lammiileen fi dhaabbileen ergaa of eeggannoo komishinichi yeroo yeroon erguun balaa ibiddaa fi balaa tasaa ittisuuf sirnaan hojiirra oolchuu akka qaban dhaamaniiru. Hawaasni balaan akkasii yeroo mudatu sarara bilbilaa bilisaa 939 bilbili; Bilbila 0111555300 ykn 0111568601 bilbiluun beeksisuu akka danda'us hubachiisaniiru.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015