Tamsaasa Kallatti:

Itoophiyaan tumsa jijjiirama haala qilleensaa addunyaa keessatti amanamummaa laafee ture deebisanii ijaaruuf xiyyeeffannoo olaanaa kenniti – Doktar Geediyoon Xiimootiwoos

Sadaasa 1/2019 (ENA) – Itoophiyaan tumsa jijjiirama haala qilleensaa addunyaa keessatti amanamummaa laafee ture deebisanii ijaaruuf xiyyeeffannoo olaanaa kennitee hojjechaa jirti jechuun Ministirri Dhimma Alaa fi Pirezidaantiin COP32, Doktar Geediyoon Ximootiwoos, ibsan.

Galmawwan jijjiirama haala qilleensaa milkeessuuf dhiyeessiin faayinaansii addunyaa haqa qabeessa ta'uun barbaachisaa ta'uusaa  hubachiisaniiru.

Yaa'iin Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Jijjiirama Qabeenya Qilleensaa 31ffaan (COP31) Turkiyyee, magaalaa Antaaliyaa keessatti gaggeeffamaa jira.

yaa'ichi Mata-dureen “Fuuldura itti fufiinsa qabu, dandamannaa fi haqa mirkanaa'eetti imaluu” jedhu  ta'uu ibsameera.

Itoophiyaanis yaa'icha kanarratti hirmaachaa jirti.

Ministirri Ministeera Dhimma Alaa fi Pirezidaantiin COP32, Doktar Geediyoon Xiimootiwoos,  yaa'icharatti  irratti hirmaataniiru.

Doktar Geediyoon walgahicharratti haasawa taasisaniin biyyoota rakkoo jijjiirama haala qilleensaatiin miidhaman  cinaa dhaabbachuu isaanii ibsaniiru.

Hawaasni addunyaa yeroo ammaa kana qormaatawwan seena qabeessa, ulfaatoo fi murtee furmaata  barbaadan hedduu akka isa mudatanis dubbataniiru.

Rakkoon jijjiirama qabeenya qilleensaa yeroodha gara yerootti hammaachaa dhufuu kan kaasan ministirichi, dhiphina ji'oopoolitikaa jechuunis tumsa addunyaa qormaata keessa galchaa jiraachuu ibsaniiru.

Hariiroon dinagdee addunyaa fedhii nageenya biyyaalessaa irraa ka'uun akka qoratamaa jiru kaasaniiru.

Dorgommii biyyoonni teeknooloojii, invastimantii fi daldala irratti taasisaa jiran irraa kan ka'e, tattaaffiin addunyaa jijjiirama qabeenya qilleensaa ittisuuf taasifamaa jiru laafaa dhufuu isaa ministirichi ibsaniiru.

Biyyoonni faayinaansii jijjiirama qabeenya qilleensaaf barbaachisu osoo hin argatin gadi lakkifama gaazota ho'a addunyaa dabalan hir'isuu fi dhiibbaa rakkoo kanaa dandamachuuf itti gaafatamummaa olaanaa akka isaan irratti fe'amaa jiru dubbataniiru.

Gabaasota saayinsii Sagantaa Eegumsa Naannoo Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii wabii godhachuun, daballii ho'a addunyaa to'achuu, qaawwa qophii dhiibbaa isaa dandamachuuf jiru cufuu fi miidhaa fi kasaaraaf furmaata ariifachiisaa kennuun dhimma jiraachuu ta'uu isaanii hubachiisaniiru.

Qaawwi dhiyeessii faayinaansii osoo hin guutamin gadi lakkifama hir'isuu fi humna dandamannaa cimsuun yaada keessa galuu kan hin dandeenye ta'uu isaanii cimsanii ibsaniiru.

Itoophiyaan yaa'ii COP32 pirezidaantummaan gaggeessuuf yeroo qophaa'aa jirtu kanatti, tumsa jijjiirama qabeenya qilleensaa addunyaa keessatti amanamummaa laafee ture deebisanii ijaaruu xiyyeeffannoo ishee isa guddaa taasifachuun akka hojjettu Doktar Geediyoon dubbataniiru.

Amanamummaa kana deebisanii argachuuf raawwii bu'a qabeessa irratti hundaa'e, sirna hunda hirmaachisu, garaagarummaa mariin furuu fi galmawwan addunyaa karoora biyya keessaa waliin qindeesuun barbaachisaa ta'uu hubachiisaniiru.

Tumsa jijjiirama qabeenya qilleensaa tokkummaa addunyaatiif bu'uura ijoo taasisuunis akka barbaachisu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015