Itoophiyaafi Dhaabbanni Meetorooloojii Addunyaa qindoomina ittisa qilleensaa fi akeekkachiisa duraa cimsuuf kutannoo qaban ibsan - ENA Afaan Oromoo
Itoophiyaafi Dhaabbanni Meetorooloojii Addunyaa qindoomina ittisa qilleensaa fi akeekkachiisa duraa cimsuuf kutannoo qaban ibsan
Onkoloolessa 1/2019 (ENA)—Itoophiyaa fi Dhaabbanni Meetorooloojii Addunyaa qindoomina isaanii ittisa qilleensaa fi akeekkachiisa duraa caalaatti cimsuun hojjechuuf kutannoo qaban beeksisan.
Yaa’iin Jijjiirrama haala qilleensaa Dhaabbata Biyoota Gamtoomanii 31ffaan (COP 31) biyya Turkii Antaaliyaa gaggeeffamaa jira.
Yaa'ichi Mata-dureen “Fuuldura itti fufiinsa qabu, dandamannaa fi haqa mirkanaa'eetti imaluu” jedhu gaggeeffamaa jira.
Yaa’icharratti Itoophiyaan hirmaachaa jirti.
Ministirri Istiraateejii Biyyaalessaa Barakat Fissahaatsiyoon yaa’icha cinaatti barreessaa olaanaa Dhaabbata Meetorooloojii Addunyaa (WMO) Piroofeesar Seeleste Saawloo waliin mari’ataniiru.
Mariin kun dhimmoota sirna hordoffii qilleensaa fi haala qilleensaa irratti qindoomina cimsuu, dandeettii akeekkachiisa duraa gabbisuu, dhiyeessii odeeffannoo qilleensaa haqa qabeessa ta’e jajjabeessuu fi Finfinneetti yaa’ii COP 32 dura saayinsii irratti kan hundaa’e ittisa qilleensaa cimsachuu irratti kan xiyyeeffatedha.
Mariin kun marsariitii hordoffii cimaa, haqa qabeessummaa odeeffannoo, ijaarsa dandeettii fi qindoomina addunyaatiin dandeettii dandamachuu cimsachuuf kutannoo qaban kan mirkaneessedha.