Tamsaasa Kallatti:

Hojiirra oolmaan dhaabbilee fayyaa qulqulluu tajaajila yaala fooyya’aa akka argannuf nu gargaareera-Jiraattota

Sadaasa 01/2019 (ENA): Hojiirra oolmaan dhaabbilee fayyaa qulqulluu tajaajila yaala fooyya’aa akka argannuf nu gargaareera  jedhan jiraattonni Godina Baha Oromiyaa Aanaa Shanan Dhugoo.


 

Aadde Warqee Damissee jiraattuu Godinichaa Aanaa Shanan Dhugoo magaalaa Masalaa keessaa kan jiraatan yoo ta’u, sochiin Dhaabbilee Fayyaa Qulqulluu taasisuu hawaasa naannichaa kan hirmaachisee fi fayyadamoo taasisaa jira jedhani. Kanaan dura dhaabbilee fayyaa keessatti hanqinni qulqullinaa fi hanqinni iddoo ciisichaa akka ture eeruun, wayita ammaa garuu haalli kuni fooyya’insa kan qabu ta’uu himaniiru.


 

Yaada isaanii ENAf kan kennan jiraattuun aanichaa kan biraa aadde Firee Asraat akka himanitti, sochiin kun qulqullina dhaabbilee eeguu bira darbee hawaasni naannoo sana waliin qulqulleessuun dhukkuboota daddarboo irraa akka of eegu taasiseera jedhani. Ogoossonni gahaan aanichatti ramadamuun isaas rakkoo fi baasii hin malleef akka hin saaxilamne nu taasiseera jedhani.


 

Jiraataan kan biraa yaada kennan kan biraa Abdallaa Kaliil akka himanitti, qulqullinnii fi gahumsi kenniinsa tajaajila fayyaa dhaabbilee fayyaa keessatti fooyya’uu isaatiin nutti toleera jedhani.

Itti dabaluunis hojiin riifoormii tajaajila fayyaa keessatti hojjatamaa jiru rakkoo dhiyeessii qorichaa guutummaatti salphiseera jedhan.


 

Kenniinsa tajaajila fayyaa guutuu, dhaqqabamaa fi fayyadamaa quubsaa taasisuuf Sochiin Dhaabbilee Fayyaa Qulqullina hojiirra oolaa jira jedhan Bulchaan aanaa Shanan Dhugoo obbo Muraad Ahmad. Sochiin kun bulchiinsa bishaan xuraa’aa fi balfa jajjaboo ammayyeessuun, mooraa dhaabbilee fayyaa miidhagsuu fi fayyadamaadhaaf mijataa taasisuu kan dabalatu ta’uu himaniirudha.


 

Sirna dijitaalaa waraqaa malee diriirsuu fi kenniinsa tajaajilaa itti fufiinsaan fooyyessuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuus ibsaniiru. Kanumaan wal qabatee sirni dijiitaalaa kun buufataalee fayyaa aanaatti argaman 7 keessaa shan keessatti guutummaatti hojiirra ooluu isaa ibsaniiru. Kunis qulqullina tajaajilaa fooyyessuu qofa osoo hin taane gahumsa hojii guddisuuf gargaareera jedhan. Hawaasni naannoo jireenya isaa waliin qulqulleessuu fi kunuunsuuf barsiisuu fi kakaasuuf tattaaffiin taasifamaa akka jiru, dhiheessi qoricha ammayyaa fi hordoffiin cimaan akka ta’u hojmaatni haaraan kaa’amuu isaa obbo Muraad ibsaniiru.


 

Ogeessa yaala fayyaa buufata fayyaa Masalaa kan ta’an Dr. Biyyansaa Hirphaa gama isaaniin, Sochiin kun dhaabbileen fayyaa bakka tajaajila yaalaa itti kennan qofa osoo hin taane, dhukkubsattootaaf iddoo mijataa taasisaa jira jedhan.


 

Dhaabbileen fayyaa qulqulluu fi hawwataa ta’an dhukkubsattootaaf itti quufinsa sammuu kennuu qofa osoo hin taane, kunuunsa fayyaa keessattis gahee olaanaa akka qaban hubachiisaniiru. Doktar Bayyansaa akka jedhanitti, Buufata Fayyaa Godina Baha Oromiyaatti buufanni Masalaa tajaajila baqaqsanii hodhuu eegale kan eegale isa jalqabaa ta’uusaa eeraniiru. Akkasumas meeshaalee yaalaa fi adda baasuu guutuu ta’een kan guutame ta’uu ibsaniiru.

Kunis bu'aa sochiin kuni galmeessaa jiru keessaa tokko ta'uu hubachiisaniiru.

#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015