Tamsaasa Kallatti:

Yaa’iin COP32 Itoophiyaatti gaggeeffamu yaa’ii furmaata itti fufinsa qabu fidu akka ta'uu ni abdanna - Hirmaattoota COP31

Sadaasa1/2019(ENA)—Yaa’iin Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 32ffaa dhimma jijjiirama qilleensaa (COP32) Itoophiyaatti gaggeeffamu furmaata itti fufinsaa fi tarkaanfiin qabatamaan itti fudhatamu ta'uu akka abdatan hirmaattootni COP31 ibsan.

yaa’iin kun Itoophiyaatti gaggeeffamuun isaa Afriikaaf injifannoo guddaa ta'uu dubbataniiru.

yaa’iin Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 31ffaa dhimma jijjiirama qilleensaa (cop31) Antaliyaa Turkiitti eegalameera.

Bakka bu’aan Ministeera Qonnaa, eegumsa naannoo fi qabeenya Qurxummii Mozaambiik Luwiis Niyaamush akka ibsanitti, Itoophiyaan damee jijjiirama qilleensaa fi misooma magariisaan fakkeenyummaan agarsiisaa jirtu biyyoota Afriikaaf barnoota guddaa kan kennuudha jedhaniiru.

Finfinneenis magaalaa ammayyaa fi magariisa ta’uun guddachaa jirti jedhaniiru.

Itoophiyaan naannoo hongeen miidhame gara lafa omishaatti jijjiiruun, hojiilee dandamachiisummaa jijjiirama qilleensaa hawaasarratti hundaa’an hojiirra oolchuun fi muuxannoo qabatamaarratti hundaa’uun walga’ii COP addunyaa kana ga’umsaan simachuuf dandeettii olaanaa akka qabdu ibsaniiru.

Ogeessi miidiyaa Sagantaa dandamachiisummaa qilleensaa naannoolee Baankii Addunyaa (RCRP2) Yuvoon Suunduu gama isaaniitiin, ItoophiyaanAshaaraa Magariisaatiin akka biyyattiitti biqiltuu biiliyoona 56 ol dhaabuun hojiin qabatamaan deeggarame hojjechaa akka jirtuu fi kunis kanneen akka Maalaawii biyyoota balaaf saaxilaman biroof fakkeenya guddaa ta’uu dubbataniiru.

Gaazexeessaan Televizhinii Habertuurk (Haberturk TV) biyya Turkii Emree Karachaa akka ibsetti, Itoophiyaan dhiibbaa hamaa jijjiirama qilleensaa ittisuu fi hir’isuuf tarkaanfiiwwan murteessoo fi gaarii fudhachaa jirti jedhaniiru.

Misooma magariisaa fi itti fufiinsa qabu kan Itoophiyaan hordofaa jirtu carraa boruu uummata ishee calaqqisiisuu irra darbee, hogganoonni addunyaa fi biyyootni biroon bulchiinsa Itoophiyaa fi tarkaanfiiwwan qabatamaa irraa muuxannoo fudhachuun biyyasaaniitti hojiirra oolchuu kan qaban akka ta’u dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015